30/03/2023
OOLMAA DHADDACHAA
Himatamaa Anas Gaalii A/Diduu Jiraata Godina Jimmaa Aanaa Qarsaa Ganda Bussaa Baccanee kan ta'ee gaafa guyyaa 19/07/2015 ganamaa keessaa tilmaaman sa'aatii 4:00 yommuu ta'u Godina Jimmaa Aanaa Qarsaa Ganda Kallachaa bakka addaa Arbii jedhamee waamamutti qabeenyaa kan miidhamaa dhuunfaa Kaliifaa A/Jihaad kan ta'e Hoolaa Korbesaa biftii isaa diimaa ta'ee tilmaamaa Qarshii 3400 (kuma sadii fi dhibba afur) baasu bakka hidhamee dhedaa jiruuti hate fudhatee hordoofii dhaan guyyumaa sana sa'aatii 5:00 irratti Gabaa Magaala Sarboo bakka dhaaba Horii utuu gurguraa jiru harkaaf harkatti qabamee Eeruu Garee Qorannaf dhiyaatee Galmeen qoratamee erga xumuramee booda A/Alangaa Aanaa Qarsaa himatamaan kun S/Y FRDI bara 1996 bahe keewwataa 665 (1) bira darbuun yakkaa Hanna raawwateera jechuun himanna issa ragaa nama fi barreeffamaa wajjiin gaafa guyyaa 20/07/2015 Mana Murtii Aanaa Qarsaa erga dhiyeessee booda himatamaan dhaddachaa irratti dhiyaate gocha ittin himatamee kanaa hambifannoo tokko malee guutumaan guutuutti waan amaneef ragaa A/Alangaa dhaga'uu osoo hin barbaachisiin bu'uurumaa jecha amantaa isaatiin dhaddachaa gaafa guyyaa 20/07/2015 Ooleen keewwatumaa ittin himatamee jalatti balleessaa dha erga jedhee booda Hidhaa salphaa waggaa 1(tokko) fi ji'a 6(jaha) adabee jira.
YAKKAA HOJJECHUUIRRAA
OF HAA QUSANNUU !!!!