08/06/2026
Godina Jimmaa Aanaa shabee Sombootti Hawwasaatii Aanichaa motoroota Lukka Lamaa 3; compitara 1 ;Laabtopii 2 fi pirintera 2 bitun furtuu Waajjira poolisii Aanichaf dabarsani kenaniru
Guyyaa 1/10/2018
Hawwaasini Aanaa Shabee somboo tajaajila poolisiin kenu si'aataaf qaqabamaa gochuuf fedhii fi kaka'uumsa cimaa qabun motoroota Lukka Lamaa 3; compitara 1 ;Laabtopii 2 fi pirintera 2 Qarshii miliyoona 2 oliin bitee Waajjira Poolisii Aanaa Shabee Somboottif kenuu isa Ajajaan poolisii Aanichaa Insp/It/A Birahanuu kabbade beeksisani jiru
Hawwaasini Aanaa Shabee walittii dhufeenya fi hirmaannaa Tajaajila Poolisii Haawwaasa /T.P.H/ waliin qabu cimsuu ; jajjabeessuf Hojjii poolisii si'ataa Hirmachisaa gochuuf Mootora luka Lama Bokserii abbaa CC.150 Bayyinni isaa 3 Computera 1 Laabtopii 2 pirintera 2 bituun tajaajila hojii Poolisii Hawwasa Gandootaf akka olaanif kan bitee guyyaa har'aa bakkaa qaamoleen adda addaa argamanitii furtuu dabarsee kenuu kan ibsan It/Gaf/ Kutaa Ittisa yakkaa Aanaa shabee somboo It/A/Insp Mulugeetaa Takkaliny Hawwasaa Aanichaas galatefataniru.