Mana Murtii Ol'aanaa Godina Shawaa Lixaatti Mana Murtii Aanaa Walmaraa

  • Home
  • Ethiopia
  • Holeta
  • Mana Murtii Ol'aanaa Godina Shawaa Lixaatti Mana Murtii Aanaa Walmaraa

Mana Murtii Ol'aanaa Godina Shawaa Lixaatti  Mana Murtii Aanaa Walmaraa Mana Murtii

Guyyaa 20/06/2016  Mana Murtii Aanaa Walmaraattii Mariin Abbootii Seeraa, O/Seeraa fi abukattoo ittisaa waliin karaa O/s...
28/02/2024

Guyyaa 20/06/2016 Mana Murtii Aanaa Walmaraattii Mariin Abbootii Seeraa, O/Seeraa fi abukattoo ittisaa waliin karaa O/seeraa Naamusaa fi Inispeekshinii mana hojii keenyaa Obbo Misgaanaa Ayyaanootiin Akkaataa Qaj. Odiitii Galmee Lakk.14/2013 keewwata 18(2,3) tti Sakata’iinsa galmee taasifameen hanqinaleen ifaan mul’aatan adda bahaanii ajandalee armaan gadii Mariif dhiyaatee irrattii hubannon kennamee jira.
=Sababa Galmeen yeroo dheeraa turuuf
=Hanqinaalee Ajaja kennuu irratti mul’aatan
=Dhimma hojjennee gulaaluu dhabuun hanqinan itti fufaa deemuu
=Sirriin Galmee bulchuu dhabuu fi banuu fa’aa irraa hanqinni akka jiru.
= Hanqinaalee hojii galmee keessaa mul’atan A/Seeraa fi O/Seeraa hojuma kana hojjetaniin kan uumamee ta’uu kan hubatamee fi Sa’aatii hojii kabajuu dhabuu fa'aa irrattii marii ho'aan taasifamee jira.
Walumaa gala Qulqullinan hojiin hanqina tokko malee akka hojjetamuu irratti ajandaa dhiyatee fi yaada hirmattota irraa ka'e irratt Mariin taasifamee wal hubannoon hojiin qulqullinaa akka hojjetamuu haala sirriin mari’atamee furmanni funduraa iftoominni cimee namni kamuu naamusawaa ta’ee hojii isaa qulqullinan akka hojjetuu marii gaariin taasifamee mariin xummuramee jira.
MMAW 20/06/2016

Guyyaa 13/05/2016Manni Murtii Aanaa Walmaraa gaafa guyyaa 13/05/2016 dhimmoota diigamuu, fooyya’uu fi qabxiin gad-deebi’...
23/01/2024

Guyyaa 13/05/2016
Manni Murtii Aanaa Walmaraa gaafa guyyaa 13/05/2016 dhimmoota diigamuu, fooyya’uu fi qabxiin gad-deebi’uu, akkasumas odiitii galmee murtiin boodaa kan abbootii seeraa fi ofiisaroota seeraa odiitii taasifame irratti barreeffama ykn xiinxala qopheessuu Abbootii seeraa, Ofiisaroota seeraa , Ofiisara naamusaa fi Abukaatoo Ittisaaf leenjiin kennamee jira.Leeniin kunis kan kennamee kara qindeessaa KTAS fi koree dhimma kanaaf hundaa’een yoo ta’uu, namoonni leenjicha irratti hirmaataanis yaada fi gaaffiiwwaan jiran kaasuun mariin kan taasifamee yoo ta’u, hanqinalee bu’aa xiinxalaa kanatin adda bahan sirreessuuf irratti waliif galamee jira.Leenjiin kanaan alatti gabaasa kurmaana 2ffaa wantootni ijoo ta’anii hojjetoota deegarsaatif kophaatti dhiyaateef hanqinaalee kurmaana 2ffaa mul’atanii fi hanqinaalee gabaasaa keenya keessaatti mul’atanii akka sirreeffamaniif kara koree mana murtii ol’aanaa godina shawaa lixaatiin nuuf kennamee fi kallaattii hoggansa irraa kennamee hunduu hojjetaaf dhiyaatee hanqinalee kana furuuf hojjetootni hojii hojjetan hundaa irratti xiyyeeffannoo kennanii akka irratti hojjetaniif kara kutaa karooraatiin kallaatiin hojjetoota kennamee jira.Dhumaratti pirezedantiii mana murtii keenyaa kallattii dhumaa ka’aniin hojiin hojjennuu hojii KTAS ta’uu isaa hojjetan hunduu qixa hubatee karooraa dhuunfaa ofii isaa baafatee fi karoora manni baafate wal bira qabaa deemuun hubachuudhan wantoota karoorfaman dugugamanii hojjetamuu akka qabaniif keessaattu qulqullina tajaajila abbaa seerummaa, Dhaqqabamummaa, si’omiinaa fi bu’a qabeessuummaa abbaa seerummaa irratti xiyyeeffannoo addaan hojjetamu akka qabu akeekameera.Bakka rakkoon naamusa jiruttis araarama tokko malee kutannoon kan irrati hojjetamuu wanna ta’eef hojjetaan amala isaa sirreeffattee naamusa KTAS barbaaduu gonfachuudhaan hojii isaa akka hojjetuuf hojjetootatti himamee jira.Walumagalatti harcaatiiwwaan dhuunfaa dhuunfaan nu biratti mul’atanii fi akka mana hojiitti jiran addaa baasuun xiyyeeffannoo itti kennuun kurmaana hafan lamaan keessaatti irratti hojjechun rakkoo jiru maksuun gahee hojjetoota hundaa ta’u akka qabuu kallattiin hoggansaa manaatiin ka’amee waltajjiichi goolabamee jira.

HOOLATAA-MMAW 13/05/2016

Baga  Guyyaa Dhaloota Yesuus Kiristoos kan Bara 2016 Nagaan  Geessan !!!--------------(Mudde 27, 2016  MMAW, )  #-Hordof...
06/01/2024

Baga Guyyaa Dhaloota Yesuus Kiristoos kan Bara 2016 Nagaan Geessan !!!
--------------
(Mudde 27, 2016 MMAW, ) #-Hordoftoonni amantaa kiristaanaa marti baga guyyaa dhaloota Yesuus Kiristoosiin isin gahe jechaa, ayyaanichi kan nagaa fi gammachuu akka isiniif ta'u hawwii qabnu ibsina.Ayyaana gaarii !!
---------------
MMAW Hoolataa

  Hoolataatti Mana Murtii Aadaaf leenjiin hubannoo Uumuu kenname●●●●●●●●//●●●●●●●●●●● Sadaasa 05/2016Leenjii Abbootii se...
15/11/2023

Hoolataatti Mana Murtii Aadaaf leenjiin hubannoo Uumuu kenname
●●●●●●●●//●●●●●●●●●●●
Sadaasa 05/2016
Leenjii Abbootii seeraa Manneen murtii Aadaa Bulchiinsaa Magaala Hoolataa Sadarkaa jalqabaa, Oldabarfata fi Barresitotaa Hubannoo uumuuf qophaa’e irratti pireezidaantii mana murtii aanaa Walmaraa kabajamoo obboo Sirnneessaa Kumalaatin leenjii fi Hubannoo bal'aan erga kenname booda hirmaatota leenjii irraa gaaffii fi yaada ka’e irratti yaada gabbisuu dhiyessuun leenjii fi Hubannoo gahan kennamee leenjiin xumuramee jira.

/2016_MMAW_HOOLATAA

  Murtii Aanaa Walmaraatti leenjiin hubannoo Uumuu kenname #○○○○○○○○//○○○○ Onkoololessa 27/2016Leenjii Abbootii seeraa M...
07/11/2023

Murtii Aanaa Walmaraatti leenjiin hubannoo Uumuu kenname
#○○○○○○○○//○○○○
Onkoololessa 27/2016
Leenjii Abbootii seeraa Manneen murtii Aadaa Sadarkaa jalqabaa, Oldabarfata fi Barresitotaa Hubannoo uumuuf qophaa’e irratti pireezidaantii mana murtii aanaa Walmaraa kabajamoo obboo Sirnneessaa Kumalaatin leenjii fi Hubannoo bal'aan erga kenname booda hirmaatota leenjii irraa gaaffii fi yaada ka’e irratti yaada gabbisuu dhiyessuun leenjii fi Hubannoo gahan kennamee leenjiin xumuramee jira.

27/02/2016 MMAW

WAlTAJJII MARII KENNA TAJAAJILA HAQAA Aanaa Walmaraa ……………..//…………  Murtii Aanaa Walmaraa fi Manni Hojii Abbaa Alangaa B...
04/11/2023

WAlTAJJII MARII KENNA TAJAAJILA HAQAA Aanaa Walmaraa
……………..//…………
Murtii Aanaa Walmaraa fi Manni Hojii Abbaa Alangaa Bulchiinsaa Magaala Hoolataa waliin ta'uun karoora hojji waggaa mana Murtii Aanaa Walmaraa erga dhiyeesen booda haala
Kenna Tajaajila Haqaa irraatti gaafa 24/02/2016 Abukaattoota Dhuunfaa, Barreessittoota Dhimma Seeraa, Dubbii Fixxoota Waajjiralee Mootummaa fi Miti Mootummaa adda addaa hirmaachisee Adeemsifamee jira.
Waltajjii Marii kanaa irraattis Dhiheessiin mata dureewwaan adda addaa haala kenna tajaajila haqaa ilaalchisee ergaa dhihaate booda hirmaattoonnis kenna tajaajila haqaa ilaalchisee yaada fi gaaffii bal’aa kaasuun irratti mar’achaa kan turaniif.
Waltajjicha irratti haasaa baniinsaa fi kallattii hojii kan kennan Pirezidaantiin Mana Murtii Aanaa Walmaraa Obbo Sirnneessaa Kumala fi B/B Hoogganaa Mana hojii Abbaa Alangaa Bulchiinsaa Magaala Hoolataa Obbo Bareechaa Giddii haala kenna tajaajila keenyaa fooyyeessuuf gumachii fi gaheen keessan guddadhaa kanaafuu sadarkaa hawaasni keenya irraa gahee waliin sirna kenna tajaajila haqaa irratti qaamoleen adda addaa waliin taane hanqinaalee jiran fooyyeessuuf akka waliin irratti hojjenuu jechun kallatti fuuladura ka’uun waltajiin xumuramee jira.
Onkoololessa 24/2016
MMAW

Marii Karooraa, Sirna Mallattoo fi Wal Harkaa Fuudhinsa Karoora Hojii Mana Murtii Aanaa  Walmaraa Bara 2016-------------...
24/10/2023

Marii Karooraa, Sirna Mallattoo fi Wal Harkaa Fuudhinsa Karoora Hojii Mana Murtii Aanaa Walmaraa Bara 2016
------------------------
( )-Mariin karoora hojii mana murtii Aanaa Walmaraa bara 2016 gaggeeffameera.Waltajjii marii kana irratti karoorri hojii mana murtii Aanaa Walmaraa dhihaatee mariin irratti gaggeeffameera.
Bara 2016tti tajaajila abbaa seerummaa dhaqqabamaa, si'aawaa fi qulqulluu taasisuuf riifoormiiwwan manneen murtii Oromiyaa keessatti hojii irra oolaa jiran haala wal fakkaatuun sadarkaa mana murtii Aanaa keenyatti hojii irra oolchuuf ciminaan kan hojjatamu ta'uun akeekameera.Gama birootiin naamusni ogummaa abbaa seerummaa akka kabajamu hojiin naamusa dagaagsuu kan hojjatamu ta'uu fi bakka rakkoon mul'atetti hojiin itti gaafatamummaa mirkaneessuu xiyyeeffannoo addaan kan hojjatamu ta'uun ibsameera.Haala wal fakkaatuun bilisummaa abbaa seerummaa mirkaneessuun wal qabatee harcaatii ajaja mana murtii kabajuu irratti bakka tokko tokkotti mul'atu furuuf kan hojjatamu ta'uun ibsameera. Haaluma dhaqqabamummaa,si'oominaa fi bu'a qabeessummaa tajaajila abbaa seerummaa mirkaneessuuf xiyyeeffannoo guddaan kan kennamuuf keessaa tokko TQO fayyadamuun tajaajila mana Murtii dhaqqabamaa fi si'ataa taasisuu tajaajila V.K fi E-FILING bu'aa gaari argamsisee babal'isuu irrattii ciminaan ni hojjetama
Xumura marichaa irratti sirni mallattoo fi wal harkaa fuudhinsa karoora bara 2016 yammuu ta'u, waltajjicha irratti hawaasni Mana Murtii aanaa Walmaraa hirmaataniiru.
----------------
MMAW_HOOLATAA

Guyyaa 08/02/20156  waliin mana murtii aanaa walmaratti gaggeffame. # # # # # # # # # # # # # # # #  08/2016 Hoolataa   ...
19/10/2023

Guyyaa 08/02/20156
waliin mana murtii aanaa walmaratti gaggeffame.
# # # # # # # # # # # # # # # #
08/2016 Hoolataa
Mana Murtii Aanaa walmaraatti gaafa guyyaa 08/02/2016 Hawaasa Mana Murtii Aanaa Walmaraa
waliin Ajjandaa;-
1. Qulqulina keniinsa Tajaajila abbaa seerummaa mirkaneesuf gahee hawaasa mana Murtii irraa eegamun wal qabatee jiru
2. Dhimmoota alaa dhiyaatan adeemsa eegate keessumeessuu
3. Qulqullina
4. Odiitii galmee fuula duraaf irratti hojjachuu
5. Qulqullinna ol'iyyannoon yeeroo keennamu xiyyeeffachuu
6. Tajaajila TQO kaneen akka E-Filing,Video conference,QMS,SCANNER fi Argii tuqii irratti hubannoo Uumuu fi xiyyeffannon irratti hojjachuu
7. Dhimmoota Abukkatto ittisaa waliin wal ilaallatuu irratti dhaddachi yakkaa hojjachuu
8. Murtiin kennamuu daangaa keessatti kennamuu akka qabaatu fi kkf irratti gama pirezidaantii mana murtii Aanaa Walmaraa kabajamoo obbo Sirnneessaa Kumalaatin kallattin ka'amee marii bal’aan eerga taasifame irratti walii galamee mariin xummuramee jira.
08/2016 HOOLATAA

Guyyaa 01/13/2015   barreesitoota dhimma uummataa fi Abukaatoota dhuunfaa waliin mana murtii aanaa walmaratti gaggeffame...
06/09/2023

Guyyaa 01/13/2015
barreesitoota dhimma uummataa fi Abukaatoota dhuunfaa waliin mana murtii aanaa walmaratti gaggeffame.
# # # # # # # # # # # # # # # #
01/2015 Hoolataa
Qopheessummaa Mana Murtii Aanaa walmaraatin gaafa guyyaa 01/13/2015 barreesitoota dhimma Uummataa fi Abukaatoota dhuunfaa, waliin Ajjandaa;-
1. Qulqulina Tajaajila abbaa seerummaa mirkaneesuf gahee Abukaatootaa fi barreesitoota dhimma uummataa wal qabatee jiru
2. Harcaatiwwan barreessitoota dhimma uummataa fi abukaatoota dhuunfaa waliin wal-qabatee jiru
3. Komii hawaasni mana murtii irratti qabu
4. Tajaajila E-Filing fi Video conference irratti hubannoo Uumuu
5. Tajaajila seera bilisaa ykn deeggarsa Seera bilisaa harka qalleeyif akkasumas tajaajila mana Murtii aadaa irratti gama pirezidaantii mana murtii Aanaa Walmaraa kabajamoo obbo Sirnneessaa Kumalaatin dhiyaatee marii bal’aan eerga taasifame rakkolee mul’achaa turan furuf irratti walii galamee kurmana kurmanaan marii akka kanaa taasisuuf irratti walii galamee mariin xummuramee jira.

Sagantaa wal baruu Hooggansa Haaraa fi gaggessan A/S,O/S fi A/I Aanaa magaala shaggar *********** # # #  07/11/2015*****...
14/07/2023

Sagantaa wal baruu Hooggansa Haaraa fi gaggessan A/S,O/S fi A/I Aanaa magaala shaggar
***********
# # # 07/11/2015
***********
Sagantaa wal baruu Hooggansa Haaraa fi gaggessan A/S,O/S fi A/I gara Mana Murtii aanaa Magaalaa Shaggar gaggeeffame.Waltajjicha irratti hawaasni Mana murtii aanaa walmaraa hundi argamuun Pirezidaantii aanaa Walmaraa ta’anii kan ramadaman Kabajamoo Obbo Sirnneessaa Kumala Waliin sagantaan wal baruu gaggeeffame jira.
•••//•••
Itti aansuun kaayyoo waltajjichaa ilaalchisee hasawaa baniinsaan kan eegalsiisan B/B Pirezidaantii Mana Murtii aanaa Walmaraa kabajamoo obbo Tasfayee Taaddalaa fi Pirezidaantii mana murtii Ol’aanaa godina Shawaa lixaa Kabajamoo Obbo Maatiyoos Yigazuu: haala waliigalaa irratti kan mari’annu waan ta’eef hirmaatoonni hundi yaada isaanii iftoominaan kennu akka qaban eeruun
•••//•••
Dhuma irrattis hirmaatoonni waan waliigalaa irratti yaada erga kennan booda gaggessa fi simannan taasifame waltajjichi goolabamee jira
•••//•••
MMAW

Gamaaggamni Raawwii Hojii waggaa Mana Murtii Aanaa Walmaraa gaggeffame(Waxabajji 9,2015 MMAW)---------------------------...
16/06/2023

Gamaaggamni Raawwii Hojii waggaa Mana Murtii Aanaa Walmaraa gaggeffame
(Waxabajji 9,2015 MMAW)
-----------------------------------------------
Gamaaggamni raawwii hojii waggaa fi bu'aa odiitii galmee Murtiin boodaa irratti mariin waliigalaa gaggeeffamee jira.
Marii kana irratti Abbotin seeraa fi hawwasni mana Murtii Aanaa Walmaraa hundi hirmaataniiru.
Waltajjicha irratti gabaasni Waggaa raawwii hojii Mana Murtii Aanaa Walmaraa dhiyaatee mariin irratti gageeffameera.
Gabaasni dhiyaate akka mul'isutti waggaa kana keessa galmeen 8445 Mana Murtii Aanaa Walmaraatti kan dhiyaatan yammuu ta'u isaan keessaa galmeen 8108 ta'an furmaata kennuun raawwiin 96.01% galma'uun danda'ameera.Akkasumas Ciminonni fi hanqinoonni raawwii hojii Mana Murtii Aanaa Walmaraa bal'inaan ka'uun kan irratti mari'atame yammuu ta'u,Abboti adeemsaa dhimmi ilaallatuun kallattiin fuulduraa kaa'amee mariin golabame jira.

Address

Holetaa
Holeta

Telephone

+251112370054

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Mana Murtii Ol'aanaa Godina Shawaa Lixaatti Mana Murtii Aanaa Walmaraa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Organization

Send a message to Mana Murtii Ol'aanaa Godina Shawaa Lixaatti Mana Murtii Aanaa Walmaraa:

Share

Category