Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Doobbaa

Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Doobbaa Welcome to Doba Woreda Attorney Office Page

Caamsaa 23/2016, Godina H/Lixaa, Aanaa Doobbaa Barumsi Hubannoo Seeraa Hawaasaa Cimsu Kennameera************************...
31/05/2024

Caamsaa 23/2016, Godina H/Lixaa, Aanaa Doobbaa

Barumsi Hubannoo Seeraa Hawaasaa Cimsu Kennameera
************************************
Waajjiri Abbaa Alangaa Aanaa Doobbaa har'a barumsa hubannoo seeraa hawaasaa cimsu labsii kaffaltii itti fayyadama lafa baadiyyaa fi gibira galii hojii qonnaa naannoo oromiyaa lakk.255/2016 irratti jiraatoota Araddaa Tarkaanfataatiif haala suuraa irratti mul'atuun hubannoo kennee jira.

Caamsaa 21/2016, Godina H/Lixaa, Aanaa Doobbaa Barumsi Hubannoo Seeraa Hawaasaa Cimsu Kennameera************************...
29/05/2024

Caamsaa 21/2016, Godina H/Lixaa, Aanaa Doobbaa

Barumsi Hubannoo Seeraa Hawaasaa Cimsu Kennameera
************************************
Waajjiri Abbaa Alangaa Aanaa Doobbaa har'a barumsa hubannoo seeraa hawaasaa cimsu Labsii Lafa Baadiyyaa Naannoo Oromiyaa Lakk.248 irratti jiraatoota Araddaa Ifaa Amaaniif haala suuraa irratti mul'atuun hubannoo kennee jira.

Caamsaa 14/2016, Godina H/Lixaa, Aanaa Doobbaa Barumsi Hubannoo Seeraa Hawaasaa Cimsu Kennameera************************...
22/05/2024

Caamsaa 14/2016, Godina H/Lixaa, Aanaa Doobbaa

Barumsi Hubannoo Seeraa Hawaasaa Cimsu Kennameera
************************************
Hawaasni waa'ee daldala seeraan alaa fi daldala seeraan alaa raawwachuun yakkaan kan gaafachiisu ta'uu beekee daldaltoota seeraan alaatiin miidhamuurraa of-eeguu akka danda'u barsiisuu fi itti himuun barbaachiisaadha. Haaluma kanaan Waajjiri Abbaa Alangaa Aanaa Doobbaa har'a barumsa hubannoo seeraa hawaasaa cimsu maalummaa fi gaafatamummaa yakka daldala seeraan ala, seeroota eegumsa naannoo fi bosonaa fi seera maatii irratti jiraatoota Araddaa Urjii Bariisaatiif haala suuraa irratti mul'atuun hubannoo kennee jira.

Caamsaa 14/2016, Godina H/Lixaa, Aanaa Doobbaa Waajjiri Abbaa Alangaa Aanaa Doobbaa Qoratoota Poolisii Waliin Mari'ateer...
22/05/2024

Caamsaa 14/2016, Godina H/Lixaa, Aanaa Doobbaa

Waajjiri Abbaa Alangaa Aanaa Doobbaa Qoratoota Poolisii Waliin Mari'ateera
************************************
Waajjiri Abbaa Alangaa Aanaa Doobbaa har'a iddoo Qoratoonni Poolisii fi Abbootiin Alangaa argamanitti dhimmoota qulqullinaa fi bu'a qabeessummaa hojii qorannaa yakkaa, eegumsa mirga hidhamaa fi shakkamtootaa, qindoominaa fi kenna tajaajilaan walqabatan irratti mari'atee jira.

Marii kanarratti bara kana qulqullinaa fi bu'a qabeessummaa hojii qorannaa yakkaa dabaluuf, eegumsa mirga hidhamaa fi shakkamtootaa foyyeessuf, qindoominaa fi kenna tajaajila manneen hojii lameenii foyyeessuuf hojiin hojjatamaa turee fi jijjiiramni dhufe maal akka fakkaatuu fi hanqinoota raawwii hojii keessatti mul'achaa turan adda baasuun bal'inaan irratti mari'atameera.

Xumura irrattii hanqinoota turan sirreessuun barbaachiisaa akka ta'eefi kanaaf immoo hojiwwan fuula duraaf hojjatamuu qaban irratti waliigaluun mariin keenya milkaa'inaan xumurameera.

Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Doobbaa Caamsaa 13/2016, Godina H/Lixaa, Aanaa Doobbaa Barumsi Hubannoo Seeraa Hawaasaa Cim...
21/05/2024

Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Doobbaa

Caamsaa 13/2016, Godina H/Lixaa, Aanaa Doobbaa

Barumsi Hubannoo Seeraa Hawaasaa Cimsu Kennameera
************************************
Waajjiri Abbaa Alangaa Aanaa Doobbaa har'a barumsa hubannoo seeraa hawaasaa cimsu labsii namaan daldaluu fi seeraan ala daangaa ceesisuu lakk.1178/12, mirgoota daa'immanii fi dubartootaa akkasumaas yakka buttaa fi fudhaa fi heeruma umrii malee ilaalchisee jiraatoota Araddaa Dirree Nagayaatiif haala suuraa irratti mul'atuun hubannoo kennee jira.

Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Doobbaa Caamsaa 12/2016, Godina H/Lixaa, Aanaa Doobbaa Barumsi Hubannoo Seeraa Hawaasaa Cim...
20/05/2024

Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Doobbaa

Caamsaa 12/2016, Godina H/Lixaa, Aanaa Doobbaa

Barumsi Hubannoo Seeraa Hawaasaa Cimsu Kennameera
************************************
Hawaasni yoo seera beekee fi waan seerri jedhu hubate seera kabajee gochoota seeraan gaafachiisu raawwachuu irraa of-qusata kanaaf immoo hawaasni barumsa hubannoo seeraa argachuu qaba. Aangoo fi gahee hojii Biiroo Abbaa Alangaa Waliigala Oromiyaatiif seeraan kenname keessaa inni tokko barumsa hubannoo seeraa hawaasaa cimsu kennuu akka ta’e labsii 214/2011 kwt. 7(33) jalatti tumameera. Haaluma kanaan, Waajjiri Abbaa Alangaa Aanaa Doobbaa gahee hojii seeraan kennameef kana bahachuuf har'a barumsa hubannoo seeraa hawaasaa cimsuu seera maatii naannoo oromiyaa, labsii bosonaa, yakka buttaa fi fudhaa fi heeruma umrii malee irratti jiraatoota Araddaa Dhalootaatiif barumsa hubannoo seeraa haala suuraa irratti mul'atuun kenneefi jira.

Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Doobbaa Ebla 29/2016, Godina H/Lixaa, Aanaa Doobbaa Qajeelfama Bulchiinsa Yaa'insa Hojii Ga...
07/05/2024

Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Doobbaa

Ebla 29/2016, Godina H/Lixaa, Aanaa Doobbaa

Qajeelfama Bulchiinsa Yaa'insa Hojii Galmee Biiroo Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa Murteessuuf Bahe Lakk.23/2016 irratti leenjiin kennameera.
************************************
Abbootiin Alangaa fi Hojjatoonni Bulchiinsaa Keenya Kaayyoo, Barbaachisummaa fi Sirna Hoggansaa fi Bulchiinsa Galmee qajeelfama kanaan diriirfame sirnaan hubatanii qajeelfamicha karaa guutuu ta’een hojirra oolchuun,
hojiin galmee saffisaan, qulqullinaan, haala bu’aa qabeessa fi walfakkaataan ta'een akka hojjatamu taasisuuf Qajeelfama Lakk.23/2016 irratti leenjiin kennameera. Leenjicha kan kennan It/gaafatamaa Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Doobbaa Obboo Idiriis Tamaam yoo ta'an, Abbootii Alangaa fi Hojjatoonni Bulchiinsaa hundi irratti hirmataniiru.

Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Doobbaa Guraandhala 21/2016, Godina H/Lixaa, Aanaa Doobbaa Hubannoon Seeraa Baratootaaf Ken...
29/02/2024

Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Doobbaa

Guraandhala 21/2016, Godina H/Lixaa, Aanaa Doobbaa

Hubannoon Seeraa Baratootaaf Kennameera
************************************
Namni kamiyyuu naannoo isaa gammoojummaa irraa eeguu fi kunuunsu akkasumaas Bosona keenya mancaatii irraa eeguu qaba. Eegumsa naannoo fi bosonaa keessatti immoo baratoonni gahee ol'aanaa qabu. Kanaafuu, baratoota keenya miidhaa fi itti gaafatamummaa yakkaa bosona mancaasuun, hayyama qaama dhimmi ilaaluutiin ala mukkeen eeggamoo muruu fi kusuun, seeraan ala bu'aa bosonaa geejjibsuu fi kkf raawwachuun hordofsiisu barsiisuu fi hubachiisuun murteessaadha. Haaluma kanaan, Waajjiri Abbaa Alangaa Aanaa Doobbaa har'a mata duree eegumsa naannoo fi bosonaa keessatti gahee baratootaa jedhuu fi miidhaa fi itti gaafatamummaa yakkaa BMG
Irratti barumsa hubannoo seeraa baratoota mana barumsa sadarkaa 1ffaa Waltaanee fi Walqixxummaa Wajjiitiif haala suuraa irratti mul'atuun hubannoon kennameera.

Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Doobbaa Guraandhala 20/2016, Godina H/Lixaa, Aanaa Doobbaa Hubannoon Seeraa Baratootaaf Ken...
28/02/2024

Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Doobbaa

Guraandhala 20/2016, Godina H/Lixaa, Aanaa Doobbaa

Hubannoon Seeraa Baratootaaf Kennameera
************************************
Lammiileen Biyya Keenyaa kamiyyuu Heera Mootummaa Kabachiisuu fi Heerichaaf bitamuuf itti gaafatamummaa kan qaban ta'uun Heera Mootummaa keewwata 9(2) jalatti tumameera, kanaaf immoo heera beekuu fi keessumattuu qajeeltoowwan bu'uuraa heerichaa hubachuun barbaachiisaadha. Haaluma kanaan, Waajjiri Abbaa Alangaa Aanaa Doobbaa har'a qajeeltoowwan bu'uuraa heera mootummaa fi itti gaafatamummaa yakkaa barmaatilee miidhaa geessisanii irratti barumsa hubannoo seeraa baratoota mana barumsa sadarkaa 1ffaa Garmaamaa fi Badhaatiif haala suuraa irratti mul'atuun hubannoon kennameera.

Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Doobbaa Guraandhala 18/2016, Godina H/Lixaa, Aanaa Doobbaa Hubannoon Seeraa Baratootaaf Ken...
26/02/2024

Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Doobbaa

Guraandhala 18/2016, Godina H/Lixaa, Aanaa Doobbaa

Hubannoon Seeraa Baratootaaf Kennameera
************************************
Waajjirri Abbaa Alangaa Aanaa Doobbaa mirgoota dubartootaa fi daa'immanii seeroota biyya keenyaan mirkanaa'anii fi yakkoota namaan daldaluu fi seeraan ala daangaa ceesisuu labsii 909/2007 jalatti hammataman ilaalchisee barumsa hubannoo seeraa baratoota mana barumsa sadarkaa 1ffaa Urjii fi Madaraatiif haala suuraa irratti mul'atuun hubannoon kennameera.

19/01/2024

Address

Harer
Hirna
0000

Opening Hours

Monday 09:00 - 17:00
Tuesday 09:00 - 17:00
Wednesday 09:00 - 17:00
Thursday 09:00 - 17:00
Friday 09:00 - 17:00

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Doobbaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Organization

Send a message to Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Doobbaa:

Share