Waajjira Galiiwwan Godina Hararge Bahaa

Waajjira Galiiwwan Godina Hararge Bahaa To modernizing tax collection system in 2020

09/08/2022

YAADANNOO

Waajjira Galiiwwan Godina 21 tiif
Waajjira Galiiwwan Magaalaa 19tiif
B/J
Dhimmi:-Adabbii Bulchiinsa k/g Sadarka “C” Ilaala.
Akkuma beekamu sassaabbiin taaksii sadrkaa “C” bara 2014 qophii ga’aa gochuun Adoolessa 1,hanga 30 tti haala milka’ina qabuun sassabamee jirra.
Haata’u malee kaffalaa Gibiraa yeroo kaa’ame keessatti dhiyaatanii hin kaffalle akkaataa labsii buchiinsa taaksii 203/2009tiin adabbiiwwan ilaallatu buusuun kan sassaabamu yoo ta’es akkaatuma labsii ibsame keewwata 104 tiin adabbii beeksisa taaksii dhiyeessuu dhabuu kaffalaa gibiraa sadarkaa “C” bu’uura qajeelfama sirna adabbii bulchiinsa bahe lakk.24/2012 kewwa 7 (4) irratti ibsameen kan irratti hin buufamne ta’uu ifatti kaa’ee jira.
Kanaafuu, isinis kanuma beektanii kaffalaa Gibiraa sadarkaa C yeroo seeraaan kennameef dabarsanii dhufan taaksii iddilees ta’e kan mana qopheessa hin kaffalle irratti adabbii dhala (kew 39) fi Turtii kew 105 dabaluun akka sassaabamu haa ta’u.
Galatooma !!

Galiin Misoomaaf!!&&&Akkaataa Labsii Lak 203/2009 kewwataa (84) kewwataa xiqqaa (3)tiin Yeroo Sanadni Itti Dhiyeeffamu Y...
06/08/2022

Galiin Misoomaaf!!
&&&
Akkaataa Labsii Lak 203/2009 kewwataa (84) kewwataa xiqqaa (3)tiin Yeroo Sanadni Itti Dhiyeeffamu Yookaan Taaksiin Itti Kaffalamu
Bu’uura seera taaksiitiin guyyaa Sanbata, Dilbata yookaan guyyaa ayyaana uummata Itoophiyaa irra yoo oole guyyaan sanadichi itti dhiyaatu, kaffaltiin itti
raawwatamu yookaan akkaataa seera taaksiitiin guyyaa tarkaanfiin kamiyyuu itti fudhatamu guyyaa hojii itti aanu ta’a jedha.
&&&
Kanaafuu; guyyaan Adooleessaa 30/2014 Sanbata dura ykn Sanbata Xiiqqaa irraa waan oleef,
Gaafa Wixaataa ykn Hojja Duraa Taaksiiwwan Wajjiraa Galiiwwaan tti beeksfamanii fi kaffalaman ADABBII MALEE sassaabna jechu dha. Sisteemni SIGTAS bu'uuraa seeraa labsii 203/2009 kew 84 (3) waan programmed ta'eef ykn bocameef adabbii male hojjeta jechudha.
Kan hubannee kaffalaa gibiraa kaffalattii adda addaa raawwachuuf gara mana hojii keenya gaafa Wixataa ykn Hojja duraa dhufu haa keessumeessinu.

Halkan Gaarii !

03/09/2021
12/07/2017

kaffaltoota Gibira Godina Hararge Bahaa hundaaf yeroon kaffalti Gibira bara 2009 sadrkaa Cf Adolessa 1/11/2009 hanga Adolessa 30/2009ti
Sadarkaan B Adolessa 1/2009 -qaame 5/2009
sadarkaan A Adolessa 1/2009 -Onkololessa 30/2009 tahu hubatani yeroo kayame keessati Kaffalti issin irraa barbaadamu kaffalun Misooma egalamee itti haa fufsifnu. Galiin Misoomaaf!

06/07/2017

Tilmaamni Gali Guyyaa Godina H/bahaa keessati guyyaa 16-8-2009 egalamee turee guyyaa 1-10-2009 ti xumurame jira.

10/06/2017

Tilmaamni Galii Guyyaa bara 2009 ji'a eblaa keessaa egalame jira

24/05/2017

Tilmaamni hanga dandayameen guyyoota muraasa keessatti raawwatamuu qaba.

Address

Harer

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Waajjira Galiiwwan Godina Hararge Bahaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Organization

Send a message to Waajjira Galiiwwan Godina Hararge Bahaa:

Share