27/01/2020
Waajjirri Misooma Qabeenya Bishaani fi Inarjii Godiina Harargee Bahaa Rakkoo Bishaan dhugaatii akka Godiina keenyatti jiru Hir’isuuf qotiinsa bollaaf qarshii 33,736,975 Biroon ramadeen iddolee karoorfaman irratti hojiin Qotiinsi bollaa akka raawwatamu godhaa jira. Haaluma sagantaa ta'een :-
✍ 1. Aanaa Mayyuu ....... pirojektii Gugguuf
✍ 2. Aanaa Mayyuu........pirojektii Gabibdaa
✍ 3. Aanaa G/Gutuu.....pirojektii Ifajalelaa
✍ 4. Aanaa Mettaa...pirojektii H/Bilisummaa
✍ 5. Aanaa Gursum.. pirojektii Boralee
✍ 6. Aanaa Bedeno.... pirojektii Magalaa
✍ Dabalataan kontiraaktaruma kanaan bajata Aanaatiin araddaa Ilillii Deraartu irratti bolli bishaan dhugaatii tokko waliigala 9 qotammani saglanu milkaa'u danda'aaniru. Kan haafes hojiin isaa gaggeeffamaa jira.
Haaluma kanaan saayitilee qotiinsi isaani milkaa'e irratti eega yaalin gahumsa bishaani raawwatame booda hojiin ijaarsa sivilii kan eegalamu ta'a.
Walumaagala tokkoomne, pirojektoota amma hojjetamaa jirani fi kan kanaan dura eegalamani hawasaaf tajaajiila osoo hin keenniin bajatni isaani cufamuun waggaa dheraa lakkofsiisun madda komii ta'aa turan xummursisuun komii ummata kenyaa debisaa demuun dirqama ta'a.