16/04/2024
EGSO Ebla 8, 2016 – Tajaajila Lammummaa fi Immigireeshinii Federaalaa Hordoffii fi Deegarsa Raawwii Hojii Godinootaa fi Bulchiinsa Magaalarratti Gaggeessa turan Gabaasni duub-deebii Maaneejimatii Ejensichaaf Dhiyyaatee Mariin Irratti Gaggeeffame Jira.
Saganta kana irratti gabaasni hojii hordoffii fi deeggarsaa dhiyaate ciminoota fi hanqinaalee hojii keessatti mul’atan akkasumas hojiilee fakkeenyummaa gaarii qaban addaan bahani mariif kan dhiyaatan yoo ta’uu, dhimmoonni xiyyeeffannoon itti kenname hojjatamu qaban; ragaan galmaa’e qulqullina irratti xiyyeeffachuun galmeessuu, taateewwan daanga seeraan ta’e keessatti xiyyeeffachuu galmeessu, qindoominaa hojii jiru cimsuun karaa hunda galeessa ta’een hojjachuun ragaan galmaa’e ijaarsa biyyaaf gummaachaa irraa eeggamu bahuu akka danda’u ibsame jira.
Daareektarii Olaanaa Ejensii Galmeessa Siviilii Oromiyaa obbo Tasammaa Baqqalaa saganta kanarratti argamuun haala raawwii hojii waliigalaa Ejensichaa kan ibsan yeroo ta’u, hojiilee gama qabiinsa ragaa ammayyeessuutiin hojjatame, hojiin galmeessa siviilii ajandaa hooggansa akka ta’uu, leenjiin hoggansaa fi ogeessa sadarkaan jiruu fi qooda qabaattootaaf kennamuu, miidiyaalee maxxansaa fi Elektirooniksii fayyadamuun hojiin bala’aa hojjatamu isa ibsaniiru.
Dhumarrattis fuula duraa hojii galmeessa siviilii sistamaa misoomeen galmeessuu, qindoominaa hojii cimsuu, taatee yeroo irratti xiyyeeffatame kan hojjatamu ta’u bal’inaan ibsuun garee hordoffii fi deeggarsa taasisan galateefachuun sagantaan qabame xumurame jira.