18/05/2026
Mana Murtii Aanaa Malkaa Balloo
Camsa 10, 2018 A.L.I – Aanaa Malkaa Balloo
Mana Murtii Aanaa Malkaa Balloo, hubannoo Manuwaalii Ittisa Ragaa Sobaa irratti mata duree “Waliin Taanee Ragaa Sobaa Haa Ittisnu” jedhuun waltajjii marii bal’aa gaggeesseera.
Waltajjii kana keessatti, Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Malkaa Balloo fi Mana Murtii Aanaa Malkaa Balloo waliin ta’uun hawaasaafi qooda fudhattoota adda addaa hirmaachisuun marii bal’aa dhimma ragaa sobaa irratti Hojjettoota mootummaa,Abbootiin amantii, Abbootiin Gadaa,Hawaasni bal’aan,bal’inaan hirmaataniiru.
Sagantichi qinda'iinsa Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Malkaa Balloo Kabajamoo ob_Musxafa. Abdullahi fi pirizdanti Mana murtii Kabajamoo Abdii Shamshadinin hubannoon ergaa kennameen booda akka amantaa Islaamaatti Sheek Ibraahim Sheekh ragaan sobaa maal akka ta’e, miidhaa inni hawaasaafi sirna haqaa irratti geessisu, akkasumas ilaalcha amantaan dhorkamu irratti ibsa bal’aa kennaniiru.
Dhuma irratti, hojii ittisa ragaa sobaa keessatti hawaasni gahee isaa akka bahatuuf, Koreen Ittisa Ragaa Sobaa Sadarkaa Aanaa hawaasa keessaa namoota shan (5) of keessaa qabu filachuun mariin milkaa’inaan xumurameera.