06/05/2026
Guyyaa Har'aa Ebla 28/2018
waajjirri ittisaa fi to'annoo HIV/AIDS Naannoo hararii gammaggama raawwii hojiilee "Mainstriming " ji'a sagalii gadggesse
*********************
waajjirri Ittisaa fi to'annoo HIV/AIDS Naannoo Hararii Sektaraalee mootummaa naannicha kessatti argaman afurtamii sagal (49 ) fi Aanoota saglan (9) irraa fokaal parsanoota HIV/AIDS afeeruudhaan hojiilee ittisaa fi tatamsa'ina HIV iddoo hojii ilaaluu jalqabeetii jira ,
waltajjicharratti argamudhaan haasawa baniinsaa kan taasisan hogganaan waajjira ittisaa fi to'annoo HIV/AIDS naannoo hararii kan tahan obbo abdulhaafiz mahammad akka jedhanitti tatamsa'ina HIV yeroo ammaa akka biyyaatti fi akka naannoo kenyaatti jiru eerudhaan jalqabarratti qaamnii asitti argamee kun hundii miira aantummaatiin ittisaa fi tatamsa'ina dhibee kanaa to'achuuf lafee duydaa akka tahan ibsudhaan , hojiilee mainstrimingiti walqabatee wantoonni gaariin hojjatamee jiraatus garuu haanqinoota ammaan dura umamee jiru sirressudhaan fuula dura kana caalaa irratti hojjechuun barbaachisaa akka tahee ibsaniiti jiruu, itti dabaludhaan baajata motummaan iddoo hojitti ittisa dhibee kanaatif ramadee 2% dhimma biraatif osoo hin taanee qixa sirri taheen dhimma kana qofaaf olchuun barbaachisaa akka tahee ibsudhaan dhaamsa isaa dabarfachudhaan waltajjicha jalqabsiisaniiti jiru .
hojiileen ittisa HIV/AIDS kurmaana sadan darban sektaraalee irratti hojjetaman bakka qaamnii dhimmi ilaallatu hundii argamanitti abbotti adeemsaa waajjira ittisaa fi to'anno HIV/AIDS Naannoo harariitiin , obboo Iskandar maftuh fi obbo kamaal abditiin erga dhihaataniin booda ciminotaa fi hanqinoota jiru adda baasudhaan kallattiin fuula duraa kaayameetii jira .
28/8/2018