28/02/2026
Guraandhala 21/2018
Aanaa Odaa Bultumitti Waajjirri Barnootaa Leenjii Dureewwan Manneen Barnootaaf Sagantaa Soqoxaa jala jiraniif kenname.
Leenjii kana boodas Manneen barnootaa lafa qaban irratti oomisha kuduraa fi muduraa,horsiisa lukkuu irratti hojjachuun muxannoo kana manneen barnoota biroof fi hawaasa naannoof dabarsaa akkaataa daa'imman nyaata madaalamaa itti argachuu danda'an qabatamaan agarsiisaa akka hojjatamu leenjiin kennameera.
Galmoota Imala Badhaadhinaa Maatii hunda galeessa milkeessuuf akkasumas Daa'imman Nyaata Madaalawaa tahee akka argatan fi waan Naannoo isaanii argamuu Sirnaan fayyadamuun akka barbaachisu leenjii hubannoo qooda fudhattootaaf kenname.