05/03/2026
Guraandhala 25/2018
Wiirtuu Tajaajilaa Tokkoffaa-MESOB
Wiirtuun Tajaajilaa Tokkoffaa (MESOB) jalqaba bara 2018 akka Oromiyaatti Magaalota Shan Irratti Hojii Eegalan Sadarkaa Maal Irra Jiru?
“Wiirtuu Tajaajilaa Tokkoffaa” kan jedhu maqaa Afaan Ingiliffaa “MESOB” jedhu irraa kan dhufe yommuu ta’u, kunis“Modern Ethiopian Services for Organized Benefit” jechuu dha.
MESOB jechuun tajaajiloota iddoo garagaraatti faffaca’anii kennaman wiirtuu tokkotti walitti fiduun qindaa’ee haala itti kennamu jechuu dha.
Itoophiyaa keessatti yaada kana ka maddisiise kabajamoo muummee Ministiraa Dr.Abiy Ahimadiin yommuu ta’u,“MESOB” jalqaba sadarkaa Federaalaatti eegalee gara Naannootti gadi dhufee yeroo ammaa hojiirra oolaa jira.
Akka Naannoo Oromiyaatti, tajaajiloota mootummaa manneen hojii garagaraa keessatti kennamaa turan wiirtuu tokkotti walitti fiduudhaan kennamuu eegalee jira.
Jalqaba bara 2018 irratti MESOB magaalota Oromiyaa shan irratti kan eegalame yommuu ta’u, muuxannoon achi irraa argames godinaaleefi magaalota hunda irratti babal’ataa jira.
Magaalotni jalqaba wiirtuun tajaajila tokkoffaan hojiirra itti oole magaalota Shaggar, Bishooftuu, Adaamaa, Shaashamanneefi Jimmaa dha.
Magaalota kana irratti yeroo ammaa manneen hojii kana dura faffaca’anii tajaajila kennaa turan wiirtuu tokkotti walitti dhufuun tajaajila iddoo tokkoo kennaa jiru.
Haaluma kanaan:-
1. Wiirtuu Tajaajilaa Tokkoffaa Magaalaa Shaggar
Wiirtuu Tajaajilaa Tokkoffaa Magaalaa Shagar irratti manneen hojii 32 walitti dhufanii iddoo tokkotti tajaajila kennaa jiru.Wiirtuu kana irratti tajaajilootni 159 kan adda bahanii kennamaa jiran yommuu ta’u, hanga yoonaatti (20/6/2018) tajaajilamtootni/abbootiin dhimmaa 39,960 simatamanii keessummeessamaniiru. Akka Wiirtuu Tajaajila Tokkoffaa Magaalaa Shagaritti, sadarkaan itti quufinsa maamilaa 98.85% irra gaheera.
2. Wiirtuu Tajaajilaa Tokkoffaa Magaalaa Bishooftuu
Wiirtuu Tajaajilaa Tokkoffaa Magaalaa Bishooftuu irratti manneen hoji 26 walitti dhufuun iddoo tokkotti tajaajila kennaa jiru. Wiirtuu kana irratti tajaajiloota 131 kan adda bahanii kennamaa jira yommuu ta’u, hanga yoonaatti abbootiin dhimmaa 63,458 simatamanii keessummeessamaniiru.
Akka Wiirtuu Tajaajilaa Tokkoffaa Magaalaa Bishooftuutti, sadarkaan itti quufinsa maamilaa 99.5% irra jira.
3. Wiirtuu Tajaajilaa Tokkoffaa Magaalaa Adaamaa
Wiirtuu Tajaajilaa Tokkoffaa Magaalaa Adaamaa irratti manneen hoji 32 walitti dhufuun iddoo tokkotti tajaajila kennaa jiru. Wiirtuu kana irratti tajaajiloota 138 kan adda bahanii kennamaa jira yommuu ta’u, hanga yoonaatti abbootiin dhimmaa 125,357 simatamanii keessummeessamaniiru.
Akka Wiirtuu Tajaajilaa Tokkoffaa Magaalaa Adaamaatti, sadarkaan itti quufinsa maamilaa 98.75% irra akka jiru sakatta’iinsi biiroon geggeesse mul’iseera.
4. Wiirtuu Tajaajilaa Tokkoffaa Magaalaa Shaashamannee
Wiirtuu Tajaajilaa Tokkoffaa Magaalaa Shaashamannee irratti manneen hoji 27 walitti dhufuun iddoo tokkotti tajaajila kennaa jiru. Wiirtuu kana irratti tajaajiloota 110 kan adda bahanii kennamaa jira yommuu ta’u, hanga yoonaatti abbootiin dhimmaa 67,309 simatamanii keessummeessamaniiru.
Akka Wiirtuu Tajaajilaa Tokkoffaa Magaalaa Adaamaatti, sadarkaan itti quufinsa maamilaa 99.855% irra akka jiru sakatta’iinsi ni agarsiisa.
5. Wiirtuu Tajaajilaa Tokkoffaa Magaalaa Jimmaa
Wiirtuu Tajaajilaa Tokkoffaa Magaalaa Shaashamannee irratti manneen hoji 25 walitti dhufuun iddoo tokkotti tajaajila kennaa jiru. Wiirtuu kana irratti tajaajiloota 135 kan adda bahanii kennamaa jira yommuu ta’u, hanga yoonaatti abbootiin dhimmaa 72,893 simatamanii keessummeessamaniiru.
Akka Wiirtuu Tajaajilaa Tokkoffaa Magaalaa Adaamaatti, sadarkaan itti quufinsa maamilaa 98.7% irra akka jiru sakatta’iinsi biiroon geggeesse mul’iseera.
Akka waliigalaatti, Wiirtuu tajaajilaa Tokkoffaa Magaalota shan kana irratti manneen hojii 142 tajaajiloota 673 qabatanii maamila tajaajilaa jiru. Wiirtuulee Tajaajila Tokkoffaa Magaalota kanaa irratti hanga yoonaatti tajaajilamtootni 368,977 simatamanii kan keessummeeffaman yommuu ta’u, itti quufinsi maamilaa wiirtuulee tajaajilaa kanaa giddugalaan 98.9% irratti argama.
Kan gabaase Biiroo Pabliik Sarvisiifi Mqn Oromiyaa ti.