14/04/2023
Eebla 15,1980 (Waggaa 43 yoonaa), gammoojjii Ogaadeen bakka Shinniggaa jedhamutti ture. Hangafoonni qabsaa'ota Oromoo, imaltoonni haqaafi irbuu, wareegamtoonni guyyichaa hidhattoota Somaalee waliin walitti dhufani. Yeroon kun wareegamtoota keenya kanaaf yeroo qorumsaa hamaa ture. Kunis akka amantaan adda qoodamaniif gaafatamu. Kiristaanni bakka tokko, musliimni immoo bakka biraatti akka goran itti himama. Yoo kana hin goone hunda isaaniitu ajjeefamuuf jira. Yoo 'tole' jedhanii waan isaan jedhan kana raawwatan immoo, kan du'a oolu ni jiraata. Dhugumattuu qorumsa hamaadha. Keessattuu osoo dhaloota akka keenya ammaa kanaaf ta'ee, akkam ulfaata!
Gootota keenya sanaaf garuu, hagas mara waan burjaajessu hin taane. Gaaffii dhiyaateefii sana deebisuufis akka isaan hin rakkifne deebii isaaniitu ragaadha. Akkana jedhaniin; "Nuti amantiidhaan gargar baanee hin beeknu, hin baanus. Nuti Oromoodha. Oromummaa keenyaafis qabsootti jirra. Akkuma tokko taane kana, duunus jiraannus hireen keenya takka. Kanaafuu du’a ooluuf jecha amantiidhaan gargar hin baanuutii, akka feetan nu godhaa!"
Isaan akkanaan wal faana wareegamani.
Nuyimmoo jechaafi gocha isaanii kana lapheetti qabachaa, yaadanna.
Baga geessani!
Eebla 15, 2023