Waajjira Barnootaa A/Meettaa

Waajjira Barnootaa A/Meettaa Quality education for All

28/11/2021

*Sagantaa Suppervizyinii Hojii Barnootaa**
G/H/Bahaa Aanaa Meettaatti sagantaa Suppervizyinii barnootaa Ogeessa Waajjira Barnootaa Godinaatiin gaggeeffamaa turee jira. Ogeessa Godinaa dhufe, Obbo Darajjee torbee tokkoof Qaamaan argamuun hojiiwwaan KTL ganna keessa hojjatamaa turee fi hojiiwwan barnootaa kurmaana tokkoffaa keessa hojjataman hundumaahuu qabatamaan ilaalaa turee jira. Sagantaa kana keessatti haala kanaan duraa irraan Addatti manneen barnootaa fi CRC baay'ee keessa deemuun fageenya osoo hin jedhin iddoo barbaachisaa hunda gahuun hojiiwwan qabatamaan lafarra jiran ilaaluun mirkaneeffatanii jiru. Kana malees iddoo gahan hundatti ciminaa fi hanqina jiruus ifatti adda baasuun deeggarsa ogummaa kennaniiru. Akka Aanaa keenyaatti kurmaana kana keessa hojiin gaariin hojjatamee kan jiruu fi caalatti cimuun kan hafan xumuruu akka qabnu kallattii nuuf laataniiru. Dhuma irrattiis wantoota daawwii irra hubatame qindeessuun Gamaaggama Hoggantoota Manneen barnootaa, Sup CRC fi Ogeeyyii waajjiraa Barnnotaa waliin taasifamee jira

Kitaaba bituun dhaloota Hegeree haa ijaarruu!!
17/09/2021

Kitaaba bituun dhaloota Hegeree haa ijaarruu!!

13/09/2021

Barnoota, Barnootaa ammaas barnootaa, kana tahuu qaba kaayyoon oromootaa " Dr. Kabajaa Artist Alii Birraa

Ijaarsa MB Bu'ura boruu Aanaa meettaatti haala gaariin raawwatamaa jira.
01/09/2021

Ijaarsa MB Bu'ura boruu Aanaa meettaatti haala gaariin raawwatamaa jira.

31/08/2021

Galmeen barnootaa kan bara 2014 akkuma itti fufetti jira.

30/08/2021

Galmeen bara kanaa online waan taheef yeroon mana barumsaatti argamanii galmaa'uun barbaachisaadha!

Address

Harar

Telephone

+251974622342

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Waajjira Barnootaa A/Meettaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Organization

Send a message to Waajjira Barnootaa A/Meettaa:

Share