28/05/2026
Waajjira Barnoota Aanaa Soofii Leenjii Dubbisa Barattoota Kuta 1hanga 4 irratti Deeggarsa Maallaqa Pirojektii HCO tiin Barsiisotaf Leenjin kenname.
*******************
Caamsaa 18/2018 waajjirri barnootaa Aanaa Soofii Dubbisa Barattoota kutaa tokkoo hanga Afuri irratti Deeggarsa Maallaqa Pirojektii HCO/human Capital operation tiin Barsiisoata Mana barumsaa irra walitti waamamaniif leenjiin kennamee jira.
leenjii kanaas kan banan hogganaa waajjira barnootaa Aanaa Soofii obbo Mohamad Abas akka dubbatanitti joolleen amma barsiisaa jirru kan boru hegeree biyya kanaatif , Dagaagina biyyaatif murteeysaa waan tahaniif akkuma obboleeyyan fi Ilmaan keenyaatti hubannee bu,uura kana aarsaa barbaachisu irratti kafallee barsiisuun dirqama gama keenyaa bahu qabna jechuun ergaa dabarsaniit jiran.
leenjifamtoonnis akkuma leenjirraa hubannoo argataniin hubannoo kana gara hojiitti geeddarudhaan akka lammii barnootaan badhaate akka oomishnu ni hojjanna jechudhaan xumurani jiran.