16/10/2025
Jaarmaayalee Dargaggoo, Imala Olkaa'insa Qabatamaan Dhugoomsuuf!
________
Harargee Bahaa Aanaa Gursumitti Zonii saqaaree Ganda Nagaaya irrati Mariin Dhimma Haala Yeroo Biyyaa fi Nagenyaa irratti Xiyyeeffate Akkasumaas Gamaaggamni Raawwii Hojii Kurmaana 1ffaa Bara 2018 Kan Jaarmiyaalee Dargaggoo fi Cassaa Nagenyaa Sadarkaa Zonitti Gaggeeffameera.
Gamaaggamma Gaggeeffameen,hanqinoota fi Ciminoota Raawwii Hojii Jarmalee Dargaggoo fi Caassa Nageenyaa keessatti mul'atee sirritti ilaaluun,hanqinoota mulatan hunderraa maqsuun,ciminoota mul'atan akka itti fufsiisuu qaban Kallattirratti IG Waajjira Fayyaa Aanichaa Obbo Mahamad Mohamud fi I/G Gurmuu Dargaggoo Aanaa Obbo Murad Abdumalik Wal duraa dubaan Nageenyaa ganda fi Ollaa isaani Dargaggoota fi Caasan Nageenya waliin tahuun mallattoolee diinaa mul'atan hunda sakata'insaa gaggeesun oloola diina fashaaleessu akka qaban kallaatii Ka'udhaan Golaabame jira..