24/03/2026
:
Daawwiin piroojektii Jallisii xixiqqaa Amboo gaggeeffame.
Godina harargee bahaa aanaa meettaa bulchiinsa ganda Bikkiyyee lakk.2 keessatti madda baajata Gamtaa Awurooppaa (EU) Qar. Mil.13.8 oliin hojjetamaa kan ture ijaarsi piroojektii jallisii xixiqqaa Amboo daawwatame.
Piroojektichi iddoo I/G Waaajjira Bulchiinsa Godina Harargee bahaa obbo Mahammad Jamaal akkasumaas I/G Waajjira Misooma jallisii fi horsiisee bulaa godina harargee bahaa obbo Abdulhaamid Idiriis, I/Gaafatamtuun Buusaa Gonofa damee harargee bahaa Aadde Fadiilaa Dawwid fi hooggantuun gamtichaa Aadde Juulian akkasumaaa keessummootni buusaa gonofa oromiyaa irraa argamanitti daawwannaan gaggeeffame.
Ijaarsi piroojektii jallisii xixiqqaa Aamboo lafa hektaara 75 misoomsuun Abbaa warraa 320 ta'an tajaajiluun fayyadamtoota misooma jallisii kan godhuudha.
piroojektichiis yeroo dhiyootti kan eebbifamu ta'a.
BITOOTEESSA 15/2018
WMJHBGHB