West Guji Zone Birbirsa Kojowa Wareda Agriculture Office

West Guji Zone Birbirsa Kojowa Wareda  Agriculture Office Office Page

Mariin Rakkoolee Kenna Tajaajilaatiin Walqabate Ogeeyyota Waajjira Qonnaa Wajjiin Gaggeeffamaa jira .===================...
28/07/2022

Mariin Rakkoolee Kenna Tajaajilaatiin Walqabate Ogeeyyota Waajjira Qonnaa Wajjiin Gaggeeffamaa jira .
======================
Adoolessa 21/11/2014
Godina Gujii Lixaa Aanaa Birbirsa Kojowaatti mariin Rakkoolee Kenna Tajaajilaa irratti xiyyeeffate Kennamaa jira .
Mariin kun Rakkoolee Kenna Tajaajilaa Keessaa fi Kan alaa irratti xiyyeeffate yommuu ta'u ;Rakkoo keessaa ilaalchisee akka Mana Hojii Waajjira Qonnaa Aanichaatti Rakkoolee Kenna taajilaa jiran adda baasuun Sirreeffamni kan fudhatamu ta'ee ,rakkoolee alaa immoo adda erga bahee Qaama dhimmi ilaallatuuf dhihaatee furmaatni kan itti kennamu ta'a.
Marii kanaan booda rakkooleen turan ni furamu jedhamee eeggama.

Gamaaggama Hojii Dirree Hoojjattoota Misoomaa fi Ogeeyyii Qindoomina Waajjira Qonnaa Wajjiin Gaggeeffamaa jira .πŸ’―πŸ’―πŸ’―πŸ’―πŸ’―πŸ’―πŸ’―πŸ’―...
22/07/2022

Gamaaggama Hojii Dirree Hoojjattoota Misoomaa fi Ogeeyyii Qindoomina Waajjira Qonnaa Wajjiin Gaggeeffamaa jira .
πŸ’―πŸ’―πŸ’―πŸ’―πŸ’―πŸ’―πŸ’―πŸ’―πŸ’―πŸ’―πŸ’―πŸ’―πŸ’―πŸ’―
Adooolessa 15/11/2014
Godina Gujii Lixaa Aanaa Birbirsa Kojowaa
πŸ’―πŸ’―πŸ’―πŸ’―πŸ’―πŸ’―πŸ’―πŸ’―πŸ’―πŸ’―πŸ’―πŸ’―πŸ’―πŸ’―πŸ’―πŸ’―
Godina Gujii Lixaa Aanaa Birbirsa Kojowaatti Gamaaggamni Hojii Dirree Hojjattooota Misoomaa fi Ogeeyyii Qindoomina Waajjira Qonnaa Wajjiin gaggeeffamaa jira.
Gamaaggamni Hojiilee Ijoo xiyyeeffannaa barbaadan irratti kan xiyyeeffate yommuu ta'u;dhuma Gamaaggama Kanaa irratti Ciminni ,Hanqinnii fi Rakkoon ture adda bahee Ciminni akka itti fufuu fi Hanqinnii fi Rakkoon ture akka Fooya'uu fi Furmaata akka argatu Kallattii Hojii Fuul-duraa ni Kaa'ama.

Dhaabbii Biqiltuu Ashaaraa Magariisaa Aanaa Birbirsa Kojowaatti Gaggeeffamaa jira. 🌱🌱🌱🌱🌱🌱🌱🌱🌱🌱🌱🌱🌱🌱Adoolessa 11/11/2014God...
18/07/2022

Dhaabbii Biqiltuu Ashaaraa Magariisaa Aanaa Birbirsa Kojowaatti Gaggeeffamaa jira.
🌱🌱🌱🌱🌱🌱🌱🌱🌱🌱🌱🌱🌱🌱
Adoolessa 11/11/2014
Godina Gujii Lixaa Aanaa Birbirsa Kojowaa
🌱🌱🌱🌱🌱🌱🌱🌱🌱🌱🌱🌱🌱🌱
Godina Gujii Lixaa Aanaa Birbirsa Kojowaatti Hojiin Duula Dhaabbii Biqiltuu Ashaaraa Magariisaa Haala Gaariin Dhaabbamaa jira .
Dhaabbiin Biqiltuu Kun Gandoota Aanichaa hunda keessatti gaggeeffamaa Kan jiru Yommuu ta'u ;Guyyaa tokkotti Biqiltuu 900,000 Dhaabuuf Karoorfamee Hanga Sa'a Kanaatti Raawwii Biqiltuu 900,000 oli dhaabbamee jira .
Dhaabbiin Biqiltuu kun Dhaadannoo "Ashaaraa Keenya Dhaloota Keenyaaf "Jedhuun qabatamee hojjatamaa kan jiruu fi Kutaaleen Hawaasaa Aanicha Keessatti argaman hundi Irratti hirmaattanii Dhaabbii Biqiltuu Ashaaraa Magariisaa gaggeessuu irratti argamu .

Boqonnaa Qophii Dhaabbii Biqiltuu Ashaaraa Magariisaa Aanaa Birbirsa Kojowaa kana fakkaata .
16/07/2022

Boqonnaa Qophii Dhaabbii Biqiltuu Ashaaraa Magariisaa Aanaa Birbirsa Kojowaa kana fakkaata .

Guyyaan Dhaabbii Biqiltuu Ashaaraa Magariisaa Adoolessa 11/11/204 tti Jijjiiramuu  himame 🌱🌱🌱🌱🌱🌱🌱🌱🌱🌱Yeroo ammaa Kana Akk...
13/07/2022

Guyyaan Dhaabbii Biqiltuu Ashaaraa Magariisaa Adoolessa 11/11/204 tti Jijjiiramuu himame
🌱🌱🌱🌱🌱🌱🌱🌱🌱🌱
Yeroo ammaa Kana Akkuma Beekkamu Biyyi teenna dhaabbii Biqiltuu Ashaaraa Magariisaa irratti Hojjataa jiraachuun Isii ni beekkama.
Kanumarraa Ka'uun Biiroon Qonna Oromiyaa Guyyaa Dhaabbii Biqiltuu Ashaaraa Magariisaa Bara 2014 Adoolessa 11/11/2014 ta'uu Labsee Waan jiruuf Hawaasni Aanaa Birbirsa Kojowaa hundi Dhaabbii Biqiltuu irratti akka hirmaattan Ergaa isiniif dabarsuu barbaadna.
🌱🌱🌱🌱🌱🌱🌱🌱🌱
Waajjira Qonnaa Aanaa Birbirsa Kojowaa

🌱🌱🌱🌱🌱🌱🌱🌱🌱🌱

Gamaaggama Hojii Waggaa Kan Waaj.Qonnaa Abbootii Adeemsaa Woliin Gaggeeffamaa jira .πŸ’―πŸ’―πŸ’―πŸ’―πŸ’―πŸ’―πŸ’―πŸ’―πŸ’―πŸ’―Adoolessa 2/11/2014 Godina...
09/07/2022

Gamaaggama Hojii Waggaa Kan Waaj.Qonnaa Abbootii Adeemsaa Woliin Gaggeeffamaa jira .
πŸ’―πŸ’―πŸ’―πŸ’―πŸ’―πŸ’―πŸ’―πŸ’―πŸ’―πŸ’―
Adoolessa 2/11/2014
Godina Gujii Lixaa
Birbirsa Kojowaa
πŸ’―πŸ’―πŸ’―πŸ’―πŸ’―πŸ’―πŸ’―πŸ’―πŸ’―πŸ’―
Godina Gujii Lixaa Aanaa Birbirsa Kojowaatti Gamaaggamni hojii Waggaa Kan Waaj.Qonnaa A/Adeemsaa Wajjiin gaggeeffamaa jira .
Gamaaggama gaggeeffamu Kanaan Ciminni ,Hanqinnii fi Rakkoon ture adda bahee kallattiin Hojiicfuul-duraa ni kaa'ama jedhamee eeggama.

RAGAA HAALA QILLEENSAA WAQTII GANNAA HORDOFAA
08/07/2022

RAGAA HAALA QILLEENSAA WAQTII GANNAA HORDOFAA

Talaalliin Dhukkuba Gororsaa Loonii fi Hoolaa /Bovine &Ovine Pastoralist Vaccine Kennamaa jira .πŸ„πŸ„πŸ„πŸ„πŸ„πŸ„πŸ„πŸ„πŸ„πŸ„πŸ„πŸ„πŸ„πŸ„πŸ„πŸ„Godina G...
03/07/2022

Talaalliin Dhukkuba Gororsaa Loonii fi Hoolaa /Bovine &Ovine Pastoralist Vaccine
Kennamaa jira .
πŸ„πŸ„πŸ„πŸ„πŸ„πŸ„πŸ„πŸ„πŸ„πŸ„πŸ„πŸ„πŸ„πŸ„πŸ„πŸ„
Godina Gujii Lixaa Aanaa Birbirsa Kojowaatti Talaalliin Dhukkuba Gororsaa Loonii fi Hoolaa /Bovine & Ovine Pastoralist Vaccine / Ogeeyyota Fayyaa Beelladaatiiin kennamaa jira .
Kaayoon talaallii kanaa Ittisa dhibichaa iirratti kan xiyyeeffate yommuu ta'u; Uummati Haalaa gaariin horii isaa talaalchifataa jira.

Qophiin Boolla Dhaabbii Biqiiltuu Ashaaraa Magariisaa Haala Gaariin Hojjatamaa jira .🌱🌱🌱🌱🌱🌱🌱🌱🌱🌱🌱🌱🌱🌱🌱🌱Godina Gujii Lixaa ...
27/06/2022

Qophiin Boolla Dhaabbii Biqiiltuu Ashaaraa Magariisaa Haala Gaariin Hojjatamaa jira .
🌱🌱🌱🌱🌱🌱🌱🌱🌱🌱🌱🌱🌱🌱🌱🌱
Godina Gujii Lixaa Aanaa Birbirsa Kojowaatti Qophiin Boolla Dhaabbii Biqiltuu Ashaaraa Magariisaa Haala Gaariin Hojjatamaa jira .
Yeroo Ammaa Hojiin Dhaabbii Biqiltuu Ashaaraa Magariisaa Waxabajjii 14.10.2014 irraa kaasee Sadarkaa Biyyaatti hojjatamaa jiraachuun isaa beekkamaadha .
Aanaan Keenyas Hojii Dhaabbii Biqiltuu Ashaaraa Magariisaa bara kanaa gaggeessuuf qophiiwwan dursaa Xummuuree jira .
Qophiiwwan duraa keessaa tokko qophii boolla Dhaabbii Biqiltuu Yoo ta'u ;yeroo ammaa Gandoota Aanichaa hunda keessatti hojiin Qophii Boolla Biqiltuu Hawaasa Hunda hirmaachisuun hojjatamaa jira .
Hawaasni Hojii kanarratti hirmaatanis ,dhimmi Dhaabbii Biqiltuu Dhimma Jiraachuu fi jiraachuu dhabuu ta'uu hubannee Biqiltuu itti fufiinsaan dhaabuu qofa osoo hin taane kunuunsuus qabna jedhan .

Saaqiinsi  Hojii Dhaabbii Biqiltuu Sagantaa Ashaaraa Magariisaa Aanaa Birbirsa Kojowaatti Taasifame 🌱🌱🌱🌱🌱🌱🌱🌱🌱🌱🌱🌱🌱🌱🌱🌱Waxa...
22/06/2022

Saaqiinsi Hojii Dhaabbii Biqiltuu Sagantaa Ashaaraa Magariisaa Aanaa Birbirsa Kojowaatti Taasifame
🌱🌱🌱🌱🌱🌱🌱🌱🌱🌱🌱🌱🌱🌱🌱🌱
Waxabajjii 15/10/2014
Godina Gujii Lixaa
Aanaa Birbirsa Kojowaa
🌱🌱🌱🌱🌱🌱🌱🌱🌱🌱🌱🌱🌱🌱🌱🌱
Godina Gujii Lixaa Aanaa Birbirsa Kojowaatti Saaqiinsi Hojii Dhaabbii Biqiltuu Ashaaraa Magariisaa taasifamee jira .
Saqiinsi Hojii Dhaabbii Biqiltuu Ashaaraa Magariisaa kuni Kutaalee Hawaasaa Gandoota Aanicha keessatti argaman hunda hirmaachisuun gaggeeffamee jira .

Akkuma beekkamu Yeroo ammaa Biyyi teenna Duula Dhaabbii Biqiltuu Ashaaraa Magariisaa irratti bobbaatee hojjataa jiraachuun ishii ni beekkama .Akka Aanaa keenyaattis Hojii Dhaabbii Biqiltuu Ashaaraa Magariisaa Bara kanaa dhaabuuf qophiin Xummuuramee kan jiru yommuu ta'u;Biqiltuu Miliyoona 4.8 Sagantaa Idilee fi Biqiltuu 900,000 Guyyaa tokkotti dhaabuuf karoorfamee hojitti galamee jira .
Hirmaattotni Waltajjichaas "Biqiltuu Dhaabuun dhimma Jiraachuu fi Jiraachuu dhabuu ta'uu hubanneerra Waan ta'eef Biqiltuu ni dhaabna ,Ashaaraa keenya ni kaa'anna "! Jedhaniiru .
Dhaabbiin Biqiltuu Haala Roobaa giddugaleeffachuun kan gaggeeffamu ta'a .

🌱🌱🌱🌱🌱🌱🌱🌱🌱🌱🌱🌱🌱🌱🌱🌱
Biqiltuu Dhaabuun dhimma Jiraachuu fi Jiraachuu dhabuu ta'uu hubannee Qaamni hundi Haa dhaabnu ,Haa Kunuunsinu !
🌱🌱🌱🌱🌱🌱🌱🌱🌱🌱🌱🌱🌱🌱🌱🌱

Aanaa Birbirsa Kojowaatti Hojiin Fooyya'iinsa Gabbina Biyyoo Haala Gaariin hojjatamaa jira.πŸ’―πŸ’―πŸ’―πŸ’―πŸ’―πŸ’―πŸ’―πŸ’―πŸ’―πŸ’―πŸ’―πŸ’―πŸ’―πŸ’―Godina Gujii Li...
06/06/2022

Aanaa Birbirsa Kojowaatti Hojiin Fooyya'iinsa Gabbina Biyyoo Haala Gaariin hojjatamaa jira.
πŸ’―πŸ’―πŸ’―πŸ’―πŸ’―πŸ’―πŸ’―πŸ’―πŸ’―πŸ’―πŸ’―πŸ’―πŸ’―πŸ’―
Godina Gujii Lixaa Aanaa Birbirsa Kojowaatti Hojiin Fooyya'iinsa Gabbina Biyyoo Haala Gaariin Hojjatamaa jira .
Sababa Baay'achuu Laakkofsa Ilmaan Namaa Babal'ifannaa lafa Qonnaatiin Manca'uun Bosonaa Dhiqama biyyee uumuudhaan Gabbinni Biyyoo rakkoo keessa akka jiru beekkamaadha .
Rakkoo Kana furuuf Mootummaan Hojii Fooyya'iinsa Gabbina Biyyoo Xiyyeeffannoo Addaa kennee hojjataa jira.
Waajjirri Qonnaa Aanaa Birbirsa Kojowaas hojii Fooyya'iinsa Gabbina Biyyoo Kanaaf xiyyeeffannoo kennee hojjataa jira .
Hojiin Fooyya'iinsa Gabbina Biyyoo hojjatamaa jiru kuni yeroo ammaa Qophii Kompostii fi Dikee Qonna Hagayyaatiif kan Oola yommuu ta'u;Gandoota Aanichaa Hunda keessatti haala Gaariin hojjatamaa jira .
Qonnaan bultootni Faayidaa Kompostii fi Dikeen isaaniif qabu hubachuudhaan dikee fi Kompostii Qopheeffachuurratti argamu .

Hojii Qophii Kompostii Qonna Gannaa fi Hagayyaa Akkuma itti fufetti Hojjatamaa jira.===============================Godin...
02/06/2022

Hojii Qophii Kompostii Qonna Gannaa fi Hagayyaa Akkuma itti fufetti Hojjatamaa jira.
===============================
Godina Gujii Lixaa Aanaa Birbirsa Kojowaatti Hojiin qophii Kompostii Qonna Gannaa fi Hagayyaa Hojjatamaa jira.
Hojiin Qophii Kompostii kuni Qonna Arfaasaa irraa eegalee hojjatamaa kan jiru yommuu ta'u;Gandoota Aanichaa hunda keessatti Hojiin qophii Kompostii haala Gaariin hojjatamaa jira.
Ogeeyyonni Waajjira Qonnaa Aanichaas bobba'anii hojii deeggarsaa fi hordoffii taasisuurratti argamu.

Address

South Oromia
Hagere Mariam

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when West Guji Zone Birbirsa Kojowa Wareda Agriculture Office posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share