Seera fi Haqaa

Seera fi Haqaa Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Seera fi Haqaa, Government Organization, Ambo Oromia, Hagere Hiywot.

05/05/2025

Seera Hojjeeta fi hojjechiisaa ilaachiise
Kaffaltii_hojii_irraa_gaggeessaa (Severance Payment)
✔Kaffaltiin hojii irraa gaggeessaa tajaajila hojjetaan kennaa tureef kaffaltii kanfalamuudha. Kanfaltiin bifa kanaa waliigalteen karaaa seeraan alaa fi karaaa seera qabeessa ta’een yeroo adda citullee haalli itti kanfalamuu danda’u ni jira. Labsii Hojjataa fi hojjachiisaa labsii lakk 1156/2011 kwt 39 jalatti hojjetaa waliigalteen isaa addaan citeef sababoota kanfaltii hojiirraa gaggeessaa itti kanfalamuufii danda’u tarreefamaniiru.

↪Isaanis:
✅ hojjechiisaan sababa kasaareef ykn sababa biraatiif dhaabbatichi itti-fufiinsa haala
qabaatuun cufamuu,
✅sababa seeraan alaatiin kaka’umsa hojjechiisaatiin hojjetaan hojii irraa yoo gaggeeffame,
✅sababa tuttuqqaa ykn miidhaa saalaa hojjechiisaadhaan ykn hojjetoota hoggansaatiin ykn
hojjetoota biraan irratti raawwatameef hojjetaan hojii yoo gadi dhiise,
✅hojjetaan bu’uura labsii HH’ kwt.29tiin ibsameen hojii irraa yoo hir’ifamu,
✅gochi yakkaa waan irratti raawwatameef hojjetaan waliigaltee hojii yoo kute,
✅hojjechiisaan nageenya ykn fayyaa hojjetaa irra balaan akka qaqqabuu danda’u osoo
beekuu balaan kun akka hin qaqqabneef tarkaanfii fudhachuu dhiisuu irraa kan ka’e
hojjetaan waliigaltee hojii addaan yoo kute,
✅ sababa miidhaa hojiirratti gaheen hojjechuu dhabuun isaa ragaa mana yaalaan yoo
mirkanaa’e,
✅ kaffaltii pirovidenti fandii kan hin qabne ykn soorama kan hin qabne umuriin sooramaa
gahee yoo gaggeeffame,
✅sababa dhukkuba ‘HIV/AIDS’tiin gaaffii ofiitiin hojjetaan hojii yoo gadi lakkise
✅ yoo xiqqaate hojjetaan waggaa 5 hojjechiisaaf hojjettee dhukkubaan ykn du’aan
waliigalteen isaa kan cite,
✅Sababa leenjii isaaf kennameetiif dirqama hojiirra turuu kan hin qabne ta’ee fedhii
isaatiin hojii yoo gadi dhiise dha.

Address

Ambo Oromia
Hagere Hiywot
011236

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Seera fi Haqaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share