27/02/2022
Manni Murtii Aanaa Dandii Manneen Murtii Gaodina Shawaa Lixaa keessatti argaman keessaa tokko ta'ee akka Godinichaatti baay'ina dhimmootaan kan beekkamuudha. Nutis baay'ina dhimmootaa kanaaf furmaata kennuun dhaqqabamummaa fi si'oomina keenya mirkaneessuuf torban keessaa guyyaa jaha (6) hojjachuuf murteessinee guyyaa sambataa hojjachuu erga jalqabnee ji'a tokko ol lakkoofsifnee jirra.