Kominikeeshinii w/ra Bulchiinsaa fi Nageenya Magaalaa Galamsoo

Kominikeeshinii w/ra Bulchiinsaa fi Nageenya Magaalaa Galamsoo Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Kominikeeshinii w/ra Bulchiinsaa fi Nageenya Magaalaa Galamsoo, Public & Government Service, 1st asphalGelemso, Gelemso.

 # Dubartii jabduu, magaalaan galamsoo dhalchitee, aaddee aynaalam geetaachoo tufaa, guyyaa kana gahuu keettiif gammachu...
24/03/2024

# Dubartii jabduu, magaalaan galamsoo dhalchitee, aaddee aynaalam geetaachoo tufaa, guyyaa kana gahuu keettiif gammachuu hammana hin jedhamneetu nutti dhagahamee jira. Baga gammaddee.
Congratulation

06/04/2023
06/04/2023

Ejjennoo Siyaasa Paartii Badhaadhinaa!
******
☞ Ejjennoo Paartii Badhaadhinaa fi Federaaliziimii Sab-daneessuumma

Dhimma Federaalizimii sab-daneessaa ilaalchiisee sirna bulchiinsa bakka bu’iinsaa hambisuu, lakkoofsa afaan federaalaa gara shanitti guddisuu, sabootni afaan isaanitiin akka tajaajilamanii fi akka baratan dandeessisuu, mirgootni garee fi dhunfaa qixa akka keessumeeffaman gochuu, duudhaa Obbolummaa bu’uura sab-daneessuummaatiif iddoo gudda kennuun tokkummaa biyyooleessaa cimsuu fi seeneeffama garaagarummaa irratti hundaa’e hambiisuun ejjennoowwan ijoo Paartii Badhaadhinaa ti.

☞ Eejjennoo Yaadama (Ideology) Paartii Badhaadhinaa

Falaasamni Paartii Badhaadhinaa siyaasa madaalaawaa kan ta’e, siyaasa fiinxaaleessuummaa kamirraayyuu bilisa ta’ee fi siyaasa gidduu-galeessa (Centrism), rakkoo ummataa haqaa fi beekumsa irratti hundaa’uun kan hiikuu, giddu galli siyaasa keenyaa Piraagimaatikii kan ta’e, obbolummaa kan cimsuu akkasumas waliin jireenya Itoophiyaanoota hundaa fi ijaarsa biyyaa itti fufiinsa qabuuf akka fayyaduu fi furtuu rakkoolee keenyaa hundaa akka ta’utti hojiirra akka ooluu qabu Paartiin keenya ejjennoo cimaa qaba.

☞ Ijaarsa Mootummaa Biyyooleessaa fi Mootummaa Sabaa fi Ejjennoo Paartii Badhaadhinaa

Ejjennoon Paartii Badhaadhinaa ijaarsa mootummaa biyyaaleessaa cimaa fi dhaabbilee cimoo bilisaa ijaaruu irratti xiyyeeffannoo addaa kan kennuu yemmuu ta’u, mootummaa sabaa cimsuuf fi hawaasa diinagdee tokkoo ijaaruuf sochii taasifamu keessatti eenyuummaawwan waloo cimsuun wal-dhabdee mirgoota dhuunfaa fi garee araarsuun tookkummaa biyyaaleessaa fi waliigaltee biyyaaleessaa fiduuf hirmaannaan hayyootaa fi uummattoota keenyaa cimsuun dhimma murtteessaa akka ta’e Paartiin keenya ejjennoo cimaa qaba.

☞ Ijaarsa Sirna Dimookiraasii fi ejjennoo Paartii Badhaadhinaa

Ejjennoon Paartiin keenya ijaarsa sirna dimookiraasii fi sirna paartii hedduu /Multi-Party System/ qabu morkattootaa fi deggaraa giddutti madaallii isaa eeguun diimokiraasii waliigaltee nam-tolchee fi caaseeffamaa, mirga garee fi dhunfaa, mirga sivilii fi siyaasaa qixaan beekamtii kan kennu akkasumas adeemsaa fi qabiyyee dimokiraasii irratti madaallii isaa karaa eegeen dimokiraasii yaada moo’ataa qabu ijaaruuf ejjennoo cimaa qaba.

06/04/2023
06/04/2023
(4)Simannaafi kennaa qaamoleen garagaraa Godina Jimmaa, Bulchiinsi Godinaafi Magaalaa Jimmaa Obbo Shimallis Abdiisaa, Pi...
06/04/2023

(4)

Simannaafi kennaa qaamoleen garagaraa Godina Jimmaa, Bulchiinsi Godinaafi Magaalaa Jimmaa Obbo Shimallis Abdiisaa, Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaatiif taasisan.

06/04/2023
Yakkamaan Daa'ima umrii waggaa lamaa ajjeese hidhaa waggaa 25n adabame Himatamaa Izaddiin Kamaal jedhamu gaafa guyyaa 01...
06/04/2023

Yakkamaan Daa'ima umrii waggaa lamaa ajjeese hidhaa waggaa 25n adabame

Himatamaa Izaddiin Kamaal jedhamu gaafa guyyaa 01/06/2015 ganama keessa tilmaamaan sa'aa1:00 yoo ta'u Godina Arsii Lixaa Magaalaa Dodolaa Ganda Madda Waabee bakka addaa mana jireenyaa Abbaa du'aa Abdulkariim Huseen jedhamu dhaqee obboleettii Abbaa du'aa Aashiyaa Huseen jedhamtu Gowwoomsuun du'aa daa'ima umriin isaa waggaa 2 (lama) ta'e, obboleessa isaa fuudhee abbaa bira fidee juusii bitaaf jedhee erga fuudhee deemeenii booda dhoksuudhaan guyyuma kana abbaa du'aatti bilbiluun daa'ima kee argachuu yoo barbaadde qarshii 100,000(kuma dhibba tokko) lakk. Herreega baankii kiyya irratti yoo hin galchine daa'ima kankee argachuu hin dandeettu jechuudhaan gaafa guyyaa 03/06/2015 sa'aa hin beekkamnetti haala sukkaneessaa ta'een daa'ima kana ajjese.

Erga ajjeese booda Godina Shawaa Bahaa Aanaa Adaamii Tulluu Jiddoo kombolchaa bakka addaa garee bosonaa keessatti hiituu kophee/ maasariyaa kopheetiin hudhee erga ajjeesee booda qaama isaa cicciree madaabaratti naqee boolla Awaaldigessaa keessatti awwaale.

Galmeen yakkaan irratti qulqullaa'ee erga xumuramee Abbaan Alangaa Godina Arsii Lixaa seera yakkaa bara 1996 bahe keewwata 586 fi 539(1) jalatti Mana Murtii Olaanaa Godina Arsii Lixaatti himate.

Manni Murtii himannaa kana irratti bitaa fi mirga falmisiisaa erga turee booda keewwata ittiin himatame jalatti murtii balleessaa itti kennuun dhaddacha gaafa guyyaa 20/7/2015 ooleen adabbii hidhaa cimaa waggaa 25tiin adabeera!

Ummanni keenna daa'imman irratti yakki akka hin raawwatamne eeggumsaa fi kunuunsa gahaa gochuu akka qabuu fi yeroo yakki daa'imman irratti raawwatamus yakkamtoota saaxiluun ragaa irratti bahuu qabaan dhaamsa keenna!

Address

1st AsphalGelemso
Gelemso
000

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Kominikeeshinii w/ra Bulchiinsaa fi Nageenya Magaalaa Galamsoo posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share