14/01/2023
Himatamtoonni Miidhaa qaamaa Cimaa geessisan adabaman
==============================
Himatamtoonni 1ffaa Efreem Mulugeetaa fi 2ffaa Mulugeetaa Kallilee jedhaman waliin ta'uun gaafa guyyaa 05/02/2015 Galgala keessaa tilmaaman sa'aatii 12:30 yoo ta'u Aanaa Abbichuu fi Nya'aa,ganda Adaree Collee,iddoo Gooroo jedhamutti miidhamaa dhuunfaa Warquu Birhaanuu jedhamutti lola kaasuun himatamaa 1ffaan dhagaa darbatee lafee buqqee mataa gara mirgaa irra rukkutee kan cabsee fi himatamaa 2ffaan immoo ulee baargamootiin lafee cinaachaa gara bitaa lama rukkutee waan cabseef Abbaan Alangaa lameen isaanirratti keewwata rogummaa qabuun himata saaqeera. Guyyaa dhagahaatti himatamtoonni gocha ittiin him ataman hambifannoo tokko malee guutuutti waan amananiif bu'ura amantaa isaaniin murtiin balleessummaa kennameera. Manni murtiis dhaddacha gaafa 11/05/2015 ooleen yaada adabbii bitaa fi mirgaa xiinxaluun tokkoon tokkoon isaanii Waggaa lama lamaan adabeera.