20/02/2026
🎙️ Ergaa Hoogganaa Waajjira Lafaa – Inj. Mahammod Aliyyii
📍Kutaalee Bulchiinsa Magaalaa Bishooftuu Sadeen Duukam, Calalaqaa, Dhibaayyuu hojii Kaadasteraa ilaalchisee dabarsan!!
“Kaadasterri magaalaa sirnaan ijaaruudhaaf furtuu ijoo dha. Kaadasterri magaalaa magaalaomsuu dha; kaadasterri galii mootummaan Misooma ittiin hojjetu dha; kaadasterri bu’uuraalee misoomaati. Kaadasterri magaalaa pilaanii dhaan bulchuun alseerummaa dhabamsiisuun dha
Kaadasterri Bulchiinsa lafaa hammayyeessuun tajaajila itti quufinsa mirkaneesse dhugoomsuu dha. .
Hojii Land Development Plan (LDP) irraa kaasee hanga raawwii kaadaasteraatti tarkaanfii fudhanne bu’aa qabatamaa fideera. Kaartaa lafa qonnaan bultootaaf kennuu qofaan osoo hin ta’in, battalumatti gara sirna kaadaasteraatti galmeessuun mirga abbaa qabiyyee seeraan mirkaneessaa jirra.
Kun mootummaa fi uummata gidduutti amantaa cimsuu, ijaarsa seeraan alaa ittisuu, galii magaalaa guddisuu fi bu’uuraalee misoomaa saffisiisuu keessatti gahee olaanaa qaba.
🌍 Kaadaastaraan Galmeeffachuun Abbaa_Qabiyyee Uummachuudha!
Kanaafuu, hawaasni keenya hirmaannaa cimaa taasisuun lafaa fi qabeenya isaa sirnaan galmeessisee fayyadamummaa isaa akka mirkaneeffatu gochaa jirra. Milkaa’inni argame ariitii fi bifa utaalchootiin gara fuulduraattis magaalaa keenya pilaanii fi seeraan bulchuu keessatti cimnee itti fufsiifna.”