Hasasaa Dodola Water Supply and Sewerage Enterprise

Hasasaa Dodola Water Supply and Sewerage Enterprise Dhaabbannii Keenna Hawaasa Kennaaf Bishaan Dhugaatii Qulquulluu fi Gahaa kennuudha.

Fulbaana 25/01/2017 fooramii maamiltoota Dhaabbata Tajaajila bishaan dhugaatii fi dhangala'aa Magaalaa Hasasa Dodola  Ha...
07/10/2024

Fulbaana 25/01/2017
fooramii maamiltoota Dhaabbata Tajaajila bishaan dhugaatii fi dhangala'aa Magaalaa Hasasa Dodola Haala hoo'aa ta'een bakka bu'oota ummata/miseensota foramii hawaasa waliin marii bal'aa gaggeessee Jira. jalqaba irratti saganticha Eebba manguddootaatin banamee Jira.
itti ansuun Marii kana baga Nagaan dhuftan jechuun Haasawa Baniinsa Kan godhan Hoogganaa dhaabbatichaa Obboo Jawaaroo Dhaqaboo yoo ta'an dhaabbatichi Hundeefama Isaa Irraa eegalee hanga ammaatti hojii hojjatamee fi fuula durattis maali hojjechuu Akka barbaaduu Karoora yeroo gabaabaa,giddu galéssaa Fi Dheeraa karoorsee kan Itti deemaa jiruudha jedhan.
Magaalota keenya keessatti hanqinni bishaanii baroota darbe bal'aan ture erga Ijaarsa pirojektii bishaan dhugaatii magaalota lama(Hasasa Fi Dodola) Erga raawannee booda hanqinni bishaanii guutumatti furamee ummatni keenya KT Tajaajila si'ataa,Saffisaa Fi Wal irraa hin citne Haqa Qabeessa ta'e Sa'a 24 argateera.

Akkasumas Hojii hojjatama jiru kana keessatti KT Tajaajila Foyya'aa ta'e Ummata keenyaaf Haala gaariin Kennaa jiraachuu.
Bishaan Qabeenya(Lubbu) kunuunsuun eeguun tikfachuun Ummata keenya irraa barbaachisa.
Maamila Sarara bishaanii cabsuun Dhimmisa bishaanii Akka dabalu godhan
maamila bishaan seeraan Alummaa fayyadamuun Qisaasama bishaanii fidan irratti hawaasni keenya eeguu akka qabu.
Sarara bishaanii irratti Ijaarsa gara garaa raawatamuu akka hin qabnes ibsaniiru.

Gama birootiin Dhaabbatni keenya Madda Galii haaraa cimsuuf
Business Pilanii Qopheessuun Pirojektii gara garaa hojjatuun madda galii cimaa taasifataa Jira Ijaarsa Pirojektii Fuel Station (Maaddayaa) Hojiin bal'aan hojjatamee Sadarkaa xumuraa 97% ol raawatamee Tajaajila kennuuf Qophii irra jiraachuu ibsaniiru.
Ijaarsa Gamoo G+5 Fi Fuel Station Dabalataa bara bajaata 2017 Fi Inisheetive Misooma Dammaa Kan eegalu ta'us Ibsaniiru.
Waantota dhaabbatichi hojjatu hunda uummatni keenya beekaa deemuu akka qabu.
KT tajaajilaa fooyya'aa ta'e kennuuf caalaatti miseenso

09/12/2023

Fuula Kana akka dhaabbataatti kan banneef Hariiroon keennaa fi Maamiiloota keenna gidduu jiru ka komataa fi komaatamaa osoo hin taane Hariiroo Tajaajiilaa fi Tajajiilamaa ta'eetti hubaachiisuuf yoo ta'uu.
Inni Ijoon hariiroo gaarii uumudhaan rakkoo hawaasa keessa jiruu fi dhaabbata biraatti muldhaatuus waliin taanee hiikuudha.
Kanaaf Tajaajiila Keennaa Irraatti Yaada Maamiilaa beekuu
Haala Bishaan Magaalaa kessaa jiruu to'aachuuf
Fedhiin hawaasaa beekuu
Dhimma dhaabbata keenna Laallatu maraa isaa waliin marii gochuudha. Kanaaf koottaatii ilaalcha gaariin waliin haa hojjannuu.
Galaatoomaa

08/12/2023

Tajaajiila Keennee Yeroo Hundaa tajaajiilaa isaa olguddisuudhaaf yaadni Ummataa keennaa nu barbaachisa.

08/12/2023
Jiraatoota Magaalaa Hasaasaa fi Naannoo Ishii Maraaf Saraarrii  Guddaan kusaa Magaalaa seenuu Bishaan dhangaalasee waan ...
07/12/2023

Jiraatoota Magaalaa Hasaasaa fi Naannoo Ishii Maraaf
Saraarrii Guddaan kusaa Magaalaa seenuu Bishaan dhangaalasee waan suphaamaa jiruufi Bishaan Magaalaa keessaatti gartokkeen waan argaata hin jirreef Haawaasin keenna nuuf hubaatee obsaan akka nu eeggaatuuf kabaajaa guddaan isin beeksiifna.
Dhabbaticharraa.

05/12/2023

Dhaabbanni Tajaajila Bishaan Dhugaatii Magaala Hasassaa Dodolaa Hanqinna bishaan Dhugaatii Magaala Hasassaa fi Dodolaatti mudaataa ture Sadaarkaa Sadaarkaan hiikuun hawaasa magaalota lamaaniituu fayyadamaa bishaan Dhugaatii qulquulluu taasiisaa jira.

Address

Dodola

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Hasasaa Dodola Water Supply and Sewerage Enterprise posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share