Caaltuu Saanii Offial

Caaltuu Saanii Offial Biyyii Keenya hin baasa baasan hin gurguramtu !!!!
(3)

09/02/2026

ውድ ኢትዮጵያዊያን

በዚህ ሳምንት ውዷ ሀገራችን በአፍሪካ ኅብረት ጉባኤ ለመታደም የሚመጡ እህት ወንድም አፍሪካዊያንን ለማስተናገድ ልቧን ከፍታ-እጆቿን ዘርግታ ትቀበላለች። እነዚህ ወዳጆቻችን የሰንደቃችንን ቀለማት የሚጋሩ፣ ኢትዮጵያን እንደነፃነት ቀንዲል የሚመለከቱ ብሎም ሀገራችን የአኅጉሩ የፖለቲካ ርዕይ የማዕዘን ድንጋይ አድርገው የሚያከብሩ ናቸው።

ኢትዮጵያ ወደር በሌለው እንግዳ ተቀባይነቷ ለምን ልትከበር እንደበቃች በአቀባበላችን እናሳያቸው። እንደቤታቸው እንዲሰማቸው እናድርግ። በክብር እንቀበላቸው። በፍቅር እናቆያቸው። ተደምረን ሰንደቃችን የሚወክለውን የአፍሪካ አንድነትን መንፈስ እና የሚያያይዘንን የወል ህልም እናክብር!

Jaaltamtoota Itoophiyaanotaaf,

Torbee kana biyyi keenya jaalatamtuun Afrikaanota obbolaa keenya Yaa'ii Gamtaa Afrikaa irratti hirmaachuuf dhufan keessumsiisuuf balbalashee bantee harkashee bal'iftee ni simatti. Hiriyoonni keenya kunneen haalluu alaabaa keenya kan qooddatan, Itoophiyaa akka mallattoo bilisummatti kan ilaalan, akkasumas biyya keenya akka dhagaa bu'uraa mul'ata siyaasaa ardichaatti kan kabajanidha.

Simannaa keenyaan Itoophiyaan simannaa keessumaashee gita hin qabneen maaliif kabajamuu akka dandeesse itti haa agarsiifnu. Akka waan manasaanii jiraniitti akka itti dhagahamuu haa taasifnu. Kabajaan haa simannu. Jaalalaan haa tursinu. Ida'amnee miira tokkummaa Afrikaa alaabaan keenya bakka bu'uufi kaayyoo waloo hunda keenya walittiqabu haa kabajnu!

To my fellow Ethiopians,

This week, our beloved homeland opens its arms to fellow Africans attending the AU meetings. These are friends who share the colors of our flag, who see Ethiopia as a beacon of freedom, and who regard our country as a cornerstone of political vision for the continent.

Let’s show them why Ethiopia is known for its unmatched hospitality. Let’s make them feel at home, greet them with respect, and embrace them with love. Together, let’s honor the spirit of African unity that our flag represents and the shared dreams that connect us all.

በአንጋፋውና ስመጥሩ ዩኒቨርሲቲያችን የነበረን ቆይታ!የአዲስ አበባ ዩኒቨርሲቲ የቀድሞ ምሩቃን ቀን በደማቁ ሁኔታ ሲከበር የእውቀትና ክህሎት መሰረት የሆኑንን አንጋፋ መምህራኖቻችንና ጓደኞቻችን...
13/10/2024

በአንጋፋውና ስመጥሩ ዩኒቨርሲቲያችን የነበረን ቆይታ!

የአዲስ አበባ ዩኒቨርሲቲ የቀድሞ ምሩቃን ቀን በደማቁ ሁኔታ ሲከበር የእውቀትና ክህሎት መሰረት የሆኑንን አንጋፋ መምህራኖቻችንና ጓደኞቻችንን ለማግኜት መቻሌ ልዩ ትዝታና ደስታ የሚፈጥር ነበር።

ክብርና ሞገስ ለቀድሞ መምህራንና ዩኒቨርሲቲያችን ይሁን።

Yuunivarsiitii Angafaaf maqaaqabeessa Kenya: Yuunivarsiitii Finfinnee!

Guyyaan barattoota Yuunivarsiitii Finfinnee durii haala nama boonsufi yaadannoo guddaa qabuun kabajameeraa. Yeroo kan kabajamu barsiisota fi hiriyyoota bu’uura beekumsaafi dandeettii keenyaa ta’an waliin wal arguun keenya guyyaa yaadannoo addaa fi gammachuu guddaa ture.

Ulfiinniif kabajaa Haayyoota Yuunivarsiitii keenyaa duraani haat’u.

13/10/2024
27/08/2024
27/08/2024

Waamicha Diyaaspooraa Oromootiif: Irreecha 2024'f (ALA) Gara Biyya Abbaa Keessanii Koottaa!

Kabajamtoota Diyaaspooraa Oromoo;

Jala bultii kabaja ayyaana Irreechaa bara 2024 ALA/2017 ALI kanatti, obboloota keenya biyya alaa jirtan hundaaf gara biyya keessanitti deebitanii ayaanicha akka nuwaliin dabarsitan affeerraa onneerraa madde isiniif dhiheessuun barbaada.

Irreechi eenyummaafi achii-dhuftee keenya. Irreechi hafuura socho’aa ummata Oromoo waggoota kumaatamaa ofkeessaa qaba. Hambaan seenaafi duudhaan badhaadhe kun, addunyaa kanarra eessayyuu yoojiraanne, hidda dhiigaa keenya keessaa kan naana’uudha. Sirni ayyaanichaa, araara jireenyaafi dila dilbii arganneef, galata Uumaa keenya Waaqaf qabnu, akkasumas marartoo waliif qabnu ibsachuuf, xurree abbootii keenyaa argachuuf, akkasumas hidhata cimaa dachee nubaattu waliin qabnu haaromfachuuf carraa nuuf kenna.

Mirgi kabaja ayyaana Irreechaa ummata keenyaa jaarraa tokkoo oliif sarbamee turuun isaa seenaa kaleessaati. Sirnoonni walirraa lufan duudhaa kana moggeessuuf itti duulaniiru; hidhata ummanni keenya ittiin qabu kutuuf hojjetaniiru. Ta’us abbootiin keenya hinjilbifanne. Wareegama hin leeyyamfamneefi qabsoo bara dheeraatiin bada olchaniiru. Adeemsi kun, jabina, dandamannaafi kutannoo hinreeqqifne ummanni Oromoo hambaa aadaa isaa tiksuufi kunuunsuuf qabuf, ragaa yoomiyyuu hin dhokanne ta’ee dhaabbata.

Tokkoo tokkoon kabaja ayyaana Irreechaa, agarsiiftuu injifannoo cunqursa irratti argameefi bilisummaa cichoomina, kutannoofi gatii qaaliin dhugoomeeti. Nubira darbee, sirna hambaafi dhaalmi abbootiifi haadholii keenyaa itti kabajamu. Waggaa waggaan yemmuu Hora Harsadi, Hora Finfinnee, Malka Ateeteefi iddoowwan ulfoo birootti walitti qabamnu, gatii bilisummaa keenyaaf bahe nuyaadachiisa.

Kurnee lama dura yaa'ii lakkoofsa namoota xiqqaan, Hora Harsadiitti irradeebiin kan jalqabe Irreechi, har’a feestivaala damboobaa ta’eera. Waggaa shanii as ammoo, Irreechi Hora Finfinnee haaromee, magaalaa guddoofi handhuura Oromiyaa, Magaalaa Finfinneetti kabajamuun madda gammachuufi milkii miliyoonotaa ta’aa jira. Har’a Irreechi duudhaa yaadatamu qofa osoo hintaane, hambaa kiliyaafi taatee addaa muuziqaa, faarfannaa, hurrisaafi miira tokkummaa cimaa ta’een jiraatamuudha. Akkasumas, gara ayyaana guyyaa galateeffannaa biyyoolessaafi kaarniivaala gammachiisaa namni kamuu keessaaf alaa waloon irratti hirmaatuufi jaalalaan itti wal affeerutti ce’eera.

Akkaataa har’a Irreechi harka diriirsee nama kamuu simatu arguun heddu kan nama boonsuudha. Namoonni dudduubee garagaraafi sabaan Oromoo hintaanellee kabaja ayaanichaa irratti hirmaachuu qofa osoo hintaane, faajjii nagaa, walmararfannaa, milkiifi tokkummaa taasisuun fudhachaa jiru. Golee Itoophiyaa hundarraa, namoonni hedduun Irreecha ulfeessuuf, eebba isaa irraa hirmaachuuf, akkasumas ulfina hin sheeyinofne kana irratti ummata keenya walalchuuf tokkummaan argamaa jiru. Irreechi madda isaa ummata Oromoo bira darbee, sabootaaf mallattoo abdii, ofkaltiifi araaraa ta'eera.

Wanti ajaa'ibsiisaan biraa, Irreechi daangaa Oromiyaafi Itiyoophiyaa qaxxaamuruu isaati. Bara darbe, obboloonni keenya Oromoo biyya Keeniyaa, daangaa idil-addunyaa ce’uun nuwaliin hirmaachuun gamtummaa cimaa qaban nuuf ibsaniiru. Bara kana ammoo Oromoon addunyaa mara irra jiru ayyanichaaf fuula isaa gara lafa eenyummaa isaatti akka deebifatu abdanna. Irreechi ummata Oromootiif faajjii tokkummaa daangaa siyaasaa, bakka jireenyaa, amantaafi ilaalcha siyaasaa caalu ta’eera.

Haata’u malee, qaamni murteessaan ammallee guutummaatti qooddataa eebba kanaa hintaane nijira— diyaaspooraa Oromoo. Argamuun diyaaspooraa Oromoo deebii dhumaa hibboo keenyaati. Akka dhala Oromoo daangaa addunyaa maratti faffaca’etti, hirmaannaan keessan hirdhuu kabaja ayyaanicha guuta; fageenyi kamuu walitti dhufeenya hambaa, aadaafi eenyummaa ummata keenyaa waliin qabnu kan hinhirdhisne ta’uu agarsiisa. Oromoota idil-addunyaa gidduutti mallattoo tokkummaa oljiraa ta’ee tajaajila.

Waan ta’eef, dhaloota lammaffaa diyaaspooraa Oromootiif waamicha onnee irraa madde addatti isiniif dabarsuun barbaada. Kun waamicha hirmaannaa ayyaanichaa qofa miti; affeerraa kadhaa hundee keessan waliin deebitanii akka hidhata ummattan isiniif taasisuudha. Mee Hora Harsaditti, dha’annaa onnee waloo Oromoota miliyoonotaa, uffata kuula gargariin dirame uffatan, sirba sagalee kilolee, faarfannaa “Mareehoo, hursafi qawwisaa, ifa booqaa Birraa, qilleensa lallaafaa nama qirqirsu, urgaa Abaaboo Birraa haaraa daraaree iddoofi sa’aa tokkotti argamu keessatti ofyaadaa.

Mee akkuma abbootiin keessan jaarraa hedduuf raawwataa turan, yeroo marga magariisa bishaan qulqulluu keessa cuuphuudhaan walitti dhufeenya yabbuu lafaafi Waaqa waliin qabdan haaromsitan ofyaadaa. Irreechi kakuu jiraataa kan darbeefi kan jiru, abbootiifi dhala keessan egeree riqicha ta’ee walqunnamsiisuudha. Yeroon gara lafa eenyummaa keessaniitti imaltan amma ta’uu kan qabu kanaafi.

Imalli kun feestivaala irratti hirmaachuun achitti, hidhata hundee ofii haaromsuudha; carraa hubannoo eenyummaa ofii dhugaa waliin qabnu jabeessuudha. Carraa magaalotaafi gandoota Oromiyaa yeroo ta'e abbaafi akaakayyuun keessan itti horanii horsiisan, naatoo teessuma lafaa, faaruu sinbirrootaa, akaakuu biqilootaafi bineensotaa — sirboota, walaloofi afoola isaanii keessatti siniif caqasaa turan ijaan arguuti.

Irreecha 2024 ALA/2017 ALI irratti nuwaliin hirmaachuun ayyaana tokko qofa qooddachuu miti; qaama seenaa hambaa jiraataa yeroofi hirbuun umamee ta’uudha. Akkasumas, walitti hidhamiinsa Oromoo, Oromiyaadhaa hanga golee addunyaa fagootti jiru jabeessuudha.

Irreecha 2024 ALA/2017 ALI irratti argamuun, hidhata hidda keessan waliin qabdan deebistanii hapheessuu qofa osoo hintaane, dhaloota dargaggoota Oromootiif xombora kaka'umsa ta'aa. Kabaja eenyummaa keessaniif qabdaniin, kutaa addunyaa gargarii irraa imaltanii dhufuun keessan, humnaafi icciitiin Oromummaa dilbii ta’uu kan itti agarsiisuudha. Dachee keessanitti fuula deebifachuun keessan, hafuura tokkummaa, kutannoofi abdii dhaloota biyya jiruu kan haromsu, akkasumas egereen keenya michichila amansiisarra dhaabbatee caalaatti akka mul'atu kan misiraachuudha.

Imalli kun, baay'ee keessaniif carraa addaa gara qe'eefi biyya abbaa keessaniitti deebi'uu kan banuudha. Ayyaana ulfoo kana nuwaliin qooddachuun, milkii Irreechaa hundee eenyummaa keessanii ishee dhugaatti deebi'aa. Gamtaan taanee ofkaltii darbeef galata dhiyeessinee, abdii egereef waadaa gallee, yeroo milkaa'ina ummata keenya waliin haromsinu haataasifannu.

Irreechi isiniin guutuu ta’a; malkaan isiniin miidhagaa koottaa! Nuti gama keenyan, fuula ifaafi miira obbolummaatiin, biyya abbaa keessaniitti isin simachuufi isin keessummeessuuf qophoofnee isin eegaa jirra.

Irra deebiin, gara lafaafi nama keessaniitti deebi’uun, Irreechaa bara 2024 ALA/2017 ALI mararfannaan akka waliin oollu, maqaa kiyyaafi maqaa Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin waamicha kabajaa isiniif dhiyeessuun barbaada.

27/08/2024

ታላቁ የህዳሴ ግድብ የመደመር ትውልድ አሻራ የወል እውነት ማሳያ፦ ሌላ የምስራች ተጨማሪ ድል!

ብልጽግና አካታችነትንና ፍትሃዊነትን መርህ አድርጎ ለሁንተናዊ ተምሳሌትነት እየተጋ ሀገራዊ ልዕልናን እያበሰረ ቀጥሏል። ወንድማማችነት/እህትማማችነት ጎረቤትን ባሰቀደመ ድፕሎማሲ የጋራ ተጠቃሚነትን ማዕከል አድርጎ ይሰራል።

በአረንጓዴ አሻራ የተፈጥሮ ሚዛንን በማስጠበቅ ተምሳሌት የሆነችዋ ኢትዮጵያ በፍትሃዊነት የጋራ ተጠቃሚነትን የሚያረጋግጡ ታላላቅ ፕሮጀክቶችን በስኬት በማጠናቀቅ እጅን በአፍ የሚያስጭን እምርታዎችን እያስመዘገበች ነው። ብሔራዊ ክብርን ያሰጠበቀ፣ የትውልድ ቅብብሎሽና የትጋት ውጤት የሆነው ታላቁ የህዳሴ ግድብ ተጨማሪም ብስራትን በማስቀጠል የልዕልናችንን መንገድ አመላክቷል።
ይህ መደመር የትውልድ ኩራት የሆነው ታላቅ የስኬት አሻራ ብዝሃነታቻችንን ያደመቀ አንድነታችንን ያፀና በወል ሀገር የወል እውነትን ያዳበረ ድል ነው። ህዳሴ የብሔራዊነት ትርክት ማጠንጠኛ አንድ ሆነን ብዙ፣ በብዝሃነትም አንድነትን ያፀናንበት ዘመንን የዋጀ የአርበኝነት መገለጫ ነው። መደመር በፍታሃዊነትና በጋራ ተጠቃሚነት ሀገራዊ ልዕልናን እየገነባ ለነገ ምንዳን የሚያሻግር የከፍታ መንገድ ነው።

ኢትዮጵያ የአፍሪካውያን የድል ምልክት የሆነውን አድዋን በደማቸው እንዳስመዘገቡት ሁሉ የመደመር ትውልድ በላቡ የፃፈው የአርበኝነት ማሳያ የሆነው ታላቁ የህዳሴ ግድብም ከእራስ አልፎ ለወንድም አፍሪካዊያንም ኩራት ነው። በተለይም በተፋሰስ ሀገራት ላይ ምንም አይነት ጉዳት ሳያደርስና ይልቁንም ተጨማሪ አቅም በመሆን በዝናብ አጠር ጊዜም ጭምር ውሃው ፍሰቱን ጠብቆ እንድሄድ ምቹ ሁኔታን ፈጥሯል። የጎርፍና ለሌሎች የአየር መዛባቶችንም በመቀነስ፣ የሀይል አማራጭ በመሆን ለጎረቤት ሀገራት ጭምር ጉልህ አበርክቶት አለው።

ይህ ትውልድ የአባቶቹን በደም የከበረች ሀገር በላቡ መስዋዕትነት እያፀና አዳዲስ አሻራዎችን በማኖር ትናንትን፣ ዛሬን እና ነገን አስተሳስሮ ለሁለንተናዊ ብልጽግና እየተጋ ይገኛል። ብሔራዊ ኩራት የወል አሻራ ማሳያ የሆነው ህዳሴ ወንድማማችነትና እህትማማችን በማፅናት ፍትሃዊ ተጠቃሚነትን በማብሰር የጋራ ከፍታን የሚረጋግጥ ነው።
ህዳሴ ለታችኛው ተፋሰስ ሀገራት ዕድልና የምስራችም ነው። ለኢትዮጵያዊያን ደሞ የትጋታቸው ውጤት የህብረታቸው የድል ማብሰሪያ ነው። ለተፋሰስ ሀገራት የጎርፍ ስጋትን በመቀነስ በጋራ የመልማትን፣ በድርቅ አለመጠቃትና ውሃው አመቱን ሙሉ ያለማቋረጥና ብክነት ፍሰቱን እንዲጠብቅ ያደረጋል።

ብልጽግና በኢትዮጵያ ክብርና ጥቅም እንደማይደራደረው ሁሉ በፍትሃዊነትና በጋራ ተጠቃሚነት ወንድማማችነትንና እህትማማችነትን መገንባት መርሁ ነው። ሁለንተናዊ ተምሳሌት በመሆን ከእራስ ባሻገር በማሰብ የተፈጥሮ ሚዛንን በመጠበቅ የአረንጓዴ ኢኮኖሚ ግንባታ ላይ ይገኛል። ይህ የተፈጥሮ ሚዛንን በማስጠበቅ ተጨማሪ ውሃን ማገኘት የሚያስችል ለጎረቤት ሃገራት ዓቅም የሚሆን የትጋት ውጤት ነው በጥቅሉ አባይ ለኢትዮጵያ ኩራትና ድል ለተፋሰስ ሀገራት ደሞ የምስራች መሆን ችሏል።

26/08/2024
26/08/2024
19/04/2024
19/04/2024

Address

Dila

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Caaltuu Saanii Offial posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share