๐†๐š๐ซ๐ž๐ž ๐‡๐š๐ง๐ช๐ข๐ง๐š ๐๐ฒ๐š๐š๐ญ๐š๐š ๐‡๐ฎ๐ง๐๐ž๐ž ๐ˆ๐ซ๐ซ๐š๐š ๐…๐ฎ๐ซ๐ญ๐ฎ๐ฎ A๐š๐ง๐š๐š ๐ƒ๐š๐๐š๐ซ

  • Home
  • Ethiopia
  • Deder
  • ๐†๐š๐ซ๐ž๐ž ๐‡๐š๐ง๐ช๐ข๐ง๐š ๐๐ฒ๐š๐š๐ญ๐š๐š ๐‡๐ฎ๐ง๐๐ž๐ž ๐ˆ๐ซ๐ซ๐š๐š ๐…๐ฎ๐ซ๐ญ๐ฎ๐ฎ A๐š๐ง๐š๐š ๐ƒ๐š๐๐š๐ซ

๐†๐š๐ซ๐ž๐ž  ๐‡๐š๐ง๐ช๐ข๐ง๐š ๐๐ฒ๐š๐š๐ญ๐š๐š ๐‡๐ฎ๐ง๐๐ž๐ž ๐ˆ๐ซ๐ซ๐š๐š ๐…๐ฎ๐ซ๐ญ๐ฎ๐ฎ A๐š๐ง๐š๐š  ๐ƒ๐š๐๐š๐ซ Qancarummaa Hambisuun dhaloota biyyaa Fayyaaduu haa oomishnuu.

25/05/2024

Milkiin Waan hunda argachuu Miti.
Milkiidha jechuun Rabbiin๏ทป Waan siif kenneen si gammachiisee wanticha siif kenne Si jaalachiisuudha.

16/05/2024

Sirna nyaataa irratti hojjachuu egeree biyyaa ijaaruudha. Guddinni sammuu fi qaamaa bu'aa sirna nyaatati. Caamsaa 6 bara 2016 Adaamaa.
=================================
Biiroon fayyaa Oromiyaa gamaaggama raawwii hojii baatii sagalii kilaastara Bahaa fi Kibbaa sagantaa sirna nyaataa irratti gaggeessaa jira.
Sagantaa kana irratti qindeessan garee sirna nyaataa biiroo fayyaa Oromiyaa Obbo Abarraa Daggafaa argamuun akka jedhaniitti sirna nyaataa irratti hojjachuun dhaloota smmuu fi qaaman dagaage horachuun egeree biyyaa ijaaruuf gahee guddaa kan qabu ta'uu kaasanii jiru.

Hanqinni sirna nyaataa rakkoo walxaxaa dhalootaa gara dhalootatti darbuu fiduu waan danda'uuf guyyaa ulfi garaatti hafee irraa jalqabee hanga daa'imni dhalattee waggoota lama geessutti sirna nyaataa yookin nyaata dhangaa gosa garaa garaa qabu soorachiisun guddina daa'imaaf murteessaa akka ta'e kaasaniiru.
Milkaa'ina hojii kanaatif imaammannii fi tarsiimon bahanii jiraachuu eeranii jiru.

Obboo Abarraan itti dabaluun akka jedhaniitti rakkoon sirna nyaataa inni guddaan hanqina hubannoo irraa kan madduudha ta'uu kaasuun, hojiin hubannooo uumuu fi qisaasama qorichoota wal'aansa daa'immaniif oolan hambisuuf hirmaanna qaama hundaa kan barbaadu waan ta'eef qindoominaan irratti hojjatamuu qaba jedhanii jiru.

Gamaaggama kana irratti, gabaasni godiinaalee, dhaabbilee deeggartoota sagantaa kana irratti hojjatanii fi biiroo dhiyaachuun mariin erga irratti taasifamee booda kallattiin itti aanu ni kennama.

t.me/BiirooFayyaaOromiyaa.

  ( Plumpy)โœ๏ธ Wanti suuraa irratti argitan kuni, 'Plumpy Nut' jedhama. Dhangaalee soorata adda addaa kan of keessaa qabu...
12/05/2024

( Plumpy)
โœ๏ธ Wanti suuraa irratti argitan kuni, 'Plumpy Nut' jedhama. Dhangaalee soorata adda addaa kan of keessaa qabu yoo ta'u, daa'imman hanqina nyaataa hamaan miidhamiifi yeroo tokko tokko darbee darbee namoota ga'eessoota hanqina nyaataan gar-malee miidhamaniifiis ni kennama. Keessattuu biyya keenya keessatti daa'imman umrii ji'a 6-59 jidduu jiran kan hanqina nyaataan miidhamaniif akka yaalaatti kan laatamuudha. Hanqinni nyaataan hamaan sababii du'a daa'imman umrii 5 gadii ta'uudhaan akka addunyaatti beekkamaadha.

โœ๏ธ Garuu biyya keenya keessatti darbee darbee namoonni fayyaa guutuu qaban, wanta kana, seeraan ala yeroo dhimma itti ba'an ni mul'ata. Daddabarsa seeraan alaatiin wanti kuni ba'ee hawaasa keessatti yeroo harka nama dhuunfaa keessa galee duukkana irrattifaa gurguramuutu jira. Wanti kuni sirrii miti. Keessattuu biyya keenya keessatti dhaabbattoota gara garaatiin bifa gargaarsaatiin kan gara biyyaa galu yoo ta'u, hubannoon namoonni wanta kanarratti qaban sirrii miti.

โœ๏ธ Nyaata lubbuu daa'imma hanqina nyaataan miidhaman baraaruuf fayyadu kana, namni fayyaa qabu dhimma itti ba'uun seeraan nama gaafachiisa. Qaamni gochaa akkasii keessatti hirmaatee argames seera mataasaa kan ittiin gaafatamutu jira.

โœ๏ธ Wanta kana firii tokko seeraan ala nyaachuu jechuun, daa'ima hanqina nyaataan miidhamtee dhibamaa jirtu tokko nyaatanii liqimsuu jechuudha. Akkasitti hubatamuudha qabaasi.

โœ๏ธ Wanti kuni nama dhuunfaa harkatti argamnaan seeraan nama gaafachiisa. Warri seeraan ala dukkaana irratti gurguraniis, gochaa akkasiirraa of qusachuudha qabu. Kuni daa'imman hanqina nyaataan miidhaman qofaaf gargaarsaan kan dhufedha malee, kan namoota fayyaa guutuu qabaniif seeraan ala akka nyaataniif dhufee miti. Akkasuma yeroo laatamuus ogeessa fayyaa dhimma kanarratti leenji'ee hubannoofi muuxannoo cimaa qabuun qofa laatama.

โš–๏ธ .
Nama hundaaf hayyamamuu miti akkasuma gurguruufi bituunis labsii Qorichaa fi Nyaata to'achuuf bahe Lakk

Address

Deder

Telephone

+251912691459

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when ๐†๐š๐ซ๐ž๐ž ๐‡๐š๐ง๐ช๐ข๐ง๐š ๐๐ฒ๐š๐š๐ญ๐š๐š ๐‡๐ฎ๐ง๐๐ž๐ž ๐ˆ๐ซ๐ซ๐š๐š ๐…๐ฎ๐ซ๐ญ๐ฎ๐ฎ A๐š๐ง๐š๐š ๐ƒ๐š๐๐š๐ซ posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share