08/07/2026
Paarkii Obbii Fi Mil'uu OBN
Barii jijjiiramaan booda guddinaa fi hawwattummaa magaalotaaf xiyyeeffannoon addaa kennamee hojiin hojjatame bu'aa ajaa'ibsiisaa argamsiisee jira.
Paarkii Tokkummaa, Paarkii Michummaa- 1, 2, Paarkii Inxooxxoo, God-Hambaa Saayinsii, Paarkii Araadaa, Mandara Ikoo-Turizimii Wancii Dandii, Ikoo-Riizortii Gorgoraa, Loojii Daanaa Arbaa Cabaraa, Riizortii Halaalaa Kellaa, Ikoo-Loojii Danbii, Riizortii Hara Loogoo, Riizortii Shabeellee, Loojii Palmii Ni'iin Lee, Beeynunaa, Misooma Soof umar, Haaromsa Masaraa Mootii Jimmaa A/Jifaar, Ijaarsa giddu gala Aadaa Booranaa; Walumaa galatti Mootummaan Paartii Badhaadhinaa qabeenya turiizimii killiyaa fi killiyaa hin tahin mosoomsuun Imala Olka'iinsa Itoophiyaa humneeysee jira.
Paarkiin Obbii Godina Harargee Bahaa Bulchiinsa Magaalaa Dadaritti fakkeenyummaa hojii sadarkaa biyyaatti hojjatame kanaa hordofuun hojii boonsaa hojjatameedha.
Hojiin misooma Turiizimii sadarkaa biyyaatti hojjatame guddina fi hawwattummaa magaalota biyya kenyaa dachaan dabalee dinqisiifannaa idil-addunyaa gonfachiisee jira. Dhiibbaa uumtota fi diplomaatonni Biyyoota gara garaa irraa dhufanii argan kanaas ragaa bahanii bahaas jiru.
Sadarkaa biyyaatti gama misooma Magaalaatiin hojii hojjatamaa jiran keysaa misoomni paarkiiwwanii ijoodha. Haaluma kanaan Bulchiinsi Magaalaa Dadar fakkeenyummaa hojii sadarkaa biyyaatti hojjatame fi hojjatamaa jiru sadarkaa hundatti hojjachuun akka danda'amu mirkaneysee jira.
Hojiin Magaalaa Dadaritti hojjatame kun Fayyadamummaa Dargaggootaa fi Humna Misooma Magaalaa dhaabbiin kan cimsuudha.
Ijaarsa piroojektii kanaa waldayaan ijaaramanii kan hojjatan Dargaggoota, hojii oogummaa fi hojii humnaa sadarkaa hundatti kan irratti hirmaatanii fayyadamaa tahan dargaggoota, iddoo akkasitti misoome kanatti gahuumsa qaamaa dabalatee hojii gara garaa hojjachuun kan irraa fayyadamu dargaggoota, ... walumaa galatti piroojektiin kun dhaabbiin madda galii fi humna diinagdee Magaalaa kan cimsu, Fayyadamummaa ummataa addatti fayyadamummaa Dargaggootaa kan mirkaneysuudha.
Viidiyoon OBN Afaan Oromoo
Kominikeeshinii Magaalaa Dadar