Mana Maree Magaalaa Bishooftuu

Mana Maree Magaalaa Bishooftuu Mana Maree Magaalaa Bishooftuu

Onk. 05.02.2013W/ra Afa-Yaa'ii fi mana Maree Magaalaa BishooftuuKoreen Dhaabbii M/Maree Magaalaa Bishooftuutiin guyyaa 0...
15/10/2020

Onk. 05.02.2013

W/ra Afa-Yaa'ii fi mana Maree Magaalaa Bishooftuu

Koreen Dhaabbii M/Maree Magaalaa Bishooftuutiin guyyaa 04-05/2013tti hojii hordoffiifi To'annoo sekterootaa geggeessaa turre xumurameeraa

K/Dhaabbii M/Maree Arfan guyyoota lamaan kanneen keessatti TOR qopheeffatan irratti hundaa'uun raawwii hojii sekterootaa Bul/Magaalichaa gamaggamaa turanii jiru.

Sekteroonni k/Dhaabbii arfan kurmaana 1ffaa kana keessatti hordoffiin irratti godhame

1/ K/Dhaabbii dhimma misooma Magaalaa, industirii, baajataa fi faayinaansiitiin

• W/ra MWD

• W/ra A T Galiiwwanii

• Mana Qopheessaa

• W/ra Konistiraakshinii

• W/ra misoomaa fi Intarpiraayizii fi Industirii

• W/ra Daldalaa

• W/ra Misooma Gabaa

• W/ra kilaastara Qonnaa

• W/ra Bul.Itti Fayyadama Lafaa

• W/ra Investimentii 2.K/Dh/Dh/Hawaasummaa fi Bulchiinsa Gaarii

• W/ra Barnootaa

• W/ra E/Fayyaa

• Hospitaalaa Bishooftuu

• W/ra Dhimma Hojjetaaf Hawaasummaa

• W/ra PSMQN 3. K/DH/DH/BULCHIINSAAF SEERAAA

• Qajeelcha Poolisii

• W/ra Abbaa Alangaa 4. K/Dh/Dh/Dubartoota, Daa'immanii fi Dargaggoo

• W/ra Dhimma Dubartoota, Daa'immanii fi Dargaggoo.

• Haala kanaan k/dhaabbii sekteroota olitti ibsaman irratti hordoffii geggeessaa turuun duub-deebii afaanii kn kennee yoo ta'uu Duub-deebii barreeffamaa immoo qindaa'ee torbee itti aanu keessa kan kennamuu ta'uun hubatamee jira

HORAA BULAA

M/M MAGAALAA BISHOOFTUU

Onk. 02 /2013,  Mana Maree BUlchiinsa Magaalaa BishooftuuGUYYAA KABAJA ALAABAA Magaalaa Bishooftuu keessatti guyyaan kab...
12/10/2020

Onk. 02 /2013, Mana Maree BUlchiinsa Magaalaa Bishooftuu

GUYYAA KABAJA ALAABAA

Magaalaa Bishooftuu keessatti guyyaan kabaja Ayyaana alaabaa marsaa 13ffaa guyyaa har'a dhaadannoo "alaabaan keenya, badhaadhina biyya keenyatiif" jedhuun haala hoo'aa ta'een kabajamee jira.

Kabaja Ayyaana kanaa irratti:

[ ] Afa-Yaa'iin Bulchiinsa Magaalaa Bishooftuu kab. aadde Lomisheet Indaalaa haasaa baniinsaa godhaniiru.

[ ] Poolisonni fi qaamoleen nageenyaa magaalaa keenyaa agarsiisa hiriiraa taasisanii jiru.

[ ] Sirni alaabaa baasuu karaa kabajamtuu kantiibaa Magaalaa Bishooftuu Aadde Alamtsahaaayi Shifarraa fi Kabajamtuu Afa-Yaa'ii Aadde Loomisheet Indaalaatiin raawwatamee jira.

[ ] Xumura irratti sirni kakuu/waadaa galuu karaa pirezidaantii Mana Murtii aanaa magaalaa Bishooftuu kab. obbo Abbabaaatiin raawwatamee jira.

[ ] Sirna kabaja ayyaana alaabaa kuni bakka hojjettoonni mootummaa Bul.Mag. Bishooftuu fi haawaasni magaalaa argamaniitti kabajame.

Guyyaan alaabaa bu'uruma labsii 863/2006 mana maree bakka bu'oota ummataatin murtaa'un isaa ni beekama.

HORAA BULAA

M.M. Bul.Mag.Bishooftuu

[  ] Irreechi Irree oromooti [  ] Irreechi Jaalala. # # # # # # # # # # # # # # # # # # # # # # #Kabajamtuu Afa-Yaa'ii M...
02/10/2020

[ ] Irreechi Irree oromooti

[ ] Irreechi Jaalala.

# # # # # # # # # # # # # # # # # # # # # # #

Kabajamtuu Afa-Yaa'ii Magaalaa Bishooftuu Aadde loomisheet Indaalee (Fulbaana 22/2013)Baga Ayyana Irreechaa geessan jechuun Oromoon jireenya isaa keessatti dhibee,beelaafi waan hamtuu hundaa ni jibba jedhan

Ayyaanni Irreechaa bara kanaa yeroo kabanyus uummanni dhibee baraa kan ta'e Vaayirasii Koronaa irraa of eeguun ta'uu qaba jedhan.

Irreechi Hora Finfinneefi Hora Harsadee Oromoo biratti bakka guddaa qaba kan jedhan Aadde loomisheet Indaalee , Uummatni keenya waliin ta'ee aadaafi eenyummaa isaa addunyaaf beeksisuu qabas jedhaniiru.

Kanaaf Irreecha boruufi iftaan kabajamu sababa dhibee kanaatiif akka duraatti baayyanne bakka tokkotti irreeffachuu baannus bakkuma jirrutti fayyaa keenya eeggachaa kabajuu qabna jechuun dhaamaniiru.

M/M/Magaalaa Bishooftuu

Adaamaatti Fulbaana 20/2013 ilaalameera.@@@@@@@@@@@@@@@@@Gamaggama raawwi hojii bara 2012 fi qophii karoora bara 2013 ir...
30/09/2020

Adaamaatti Fulbaana 20/2013 ilaalameera.

@@@@@@@@@@@@@@@@@

Gamaggama raawwi hojii bara 2012 fi qophii karoora bara 2013 irratti walgahiin Magaalaa Adaamaatti kanneen armaan gadii irratti geggeeffameera.
%%%%%%%%&%&&&&&&&&&&&&&&&&&
HAALUMA KANAAN AFA-YAA'IIN MAGAALAA BISHOOFTUU KAB/TUU AADDE LOOMISHEET INDAALEE GABAASA 2012 KEESSATI HOJIILEE HOJJETAMAN KANNEEN ARMAAN GADII IRRATTI HAALA IFA TA'EEN HOJII AKKA MAGAALAA BISHOOFTUUTTI HOJJETAME IRRATTI IBSA KENNANII JIRU

KAB/TUU AFA-YAA'II CAFFEE OROMIYAA AADDE LOOMII BADHOOS ARGAMANIIRU.
%%%%%%%%%%%%%%%%%%
1. Gabaasa Mana Maree Magaalaa Bishooftuu.

2. Karoora bara 2013

3. Sochi hojii misoomaa

4. Hojii nageenyaa

5. Ittisa Covid-19

6. Qophii Ayyaana Irreechaa ilaalchisee kallatti abbootiin gadaa kennaniin waldhagahuun akka uummanni keenya hubannoo argatee dhibee covid-19 irraa of eeguun ayyaaneffachuu akka qabu bakka gageesitootni olaanoonii fi koreewwan dhaabbii caffee akkasumas Manneen Maree Godinaalee, Magaalootaa fi Aanolee Oromiyaa hundi argamaniiti dhiyyatee jira.

HORAA BULAA

:::::::::::::::::::::::::::::::::::::

MANA MAREE BISHOOFTUU

DAAWWATAMEERA!!!*****************Fulbaana 19/2013  Manni Maree Bul.Mag.Bishooftuu pirojektoota buleeyyii bara 2012 keess...
29/09/2020

DAAWWATAMEERA!!!

*****************

Fulbaana 19/2013 Manni Maree Bul.Mag.Bishooftuu pirojektoota buleeyyii bara 2012 keessa hojiin isaanii eegalee osoo hin xumuramin bara 2013tti ce'an sadarkaan hojii isaanii maal irra akka jiru akkasumas kanneen xumuramanii tajaajila kennaa jiran daaw'ateera.

Pirojektootni daaw'ataman kanneen keessaa muraasni:

1. Ijaarsa Daandii asfaaltii keessa keessaa

2. Mana Barumsaa Biiftuu abbaa darbii lamaa

3. Doormiitarii ispoorteessitootaa

4. Giddu gala bashannanaa maanguddootaa

5. Pirojektii ijaarsa bishaani Baabboogaayyaa

6. Ijaarsa daandii gravelroad

7. Sheediwwan waldaalee IMX tiif ijaaraman yoo ta'an pirojektoota kanneen keessaa baay'een isaanii xumura irra kan jiran yoo ta'u, kanneen hafan muraasni immoo yeroo gabaabaa kessatti xumuramanii tajaajilaaf kan qophaa'an ta'uu miseensonni mana maree daaw'annaa gaggeessan irraa hubatanii jiru.

Akkasumas pirojektootni 2013 ijaaramuuf karoorfataman ilaalamaniiru.

Dhuma irrattis pirojektoonni hojjatamaa jiran kuni haala gaarin kan hojjataman ta'uu ibsuun pirojektoonni haaraan bara kana hojjatamanis qulqullinni isaanii eegamee yeroo karoorfameef keessatti akka xumuramuu qaban kallattiin kaa'un sagantaan daawwannaa guyyaa har'aa xumuramee jira.

Horaa Bulaa.

Mana Maree Magaalaa Bishooftuu

FULBAANA 16/2013 B*A*G*A AYYANA MASQALAA  G*E*E*S*S*A*NAFA-YAA'II MAGAALAA BISHOOFTUU.kabajamtuu Afa-Yaa'ii Aadde Loomis...
26/09/2020

FULBAANA 16/2013 B*A*G*A AYYANA MASQALAA G*E*E*S*S*A*N

AFA-YAA'II MAGAALAA BISHOOFTUU.

kabajamtuu Afa-Yaa'ii Aadde Loomisheet Indaalee Mana Maree Magaalaa Bishooftuu bakka bu'uun uummata Magaalaa Bishooftuu fi Amaantoota kiristaanaa Maraan Baga ayyana masqalaa bara 2013 geessan jedhaniiru.

:::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::

Ayyanni kun:-

nagaa

jaalalaa

Tokkommaa

haata'u jedhaniiru.

Horaa Bulaa
M/M Bulchiinsa Magaalaa Bishooftuu

ODUU GADDAA""""""""""""""""""""""""""""""""""""''''''''''''''  Miseensa mana maree magaalaa keenyaa kan ta'an kab. Aadde...
20/09/2020

ODUU GADDAA

""""""""""""""""""""""""""""""""""""''''''''''''''
Miseensa mana maree magaalaa keenyaa kan ta'an kab. Aadde Daanaayee Fayyisaa addunyaa kanarraa Fulbaana 10, 2013 du'aan boqatan.

Aadee Daanaayeen marsaa 2f Mana maree Bulchiinsa Magaalaa Bishooftuu keessatti nan dadhabe, nan nuffe osoo hin jedhin hanga yeroo lubbuun isaanii darbeetti miseensa mana maree magaalaa kenyaa ta'uun hojii bakka bu'ummaa uummata magaalaa bishooftuu itti gaafatamummaa isaanii bahaa turaniiru.
Afa-yaa'ii Magaalaa Bishooftuu kan Ta'an Kab/tuu Aadde LOOMISHEET INDAALEES Gadda isaanitti dhagahame kana ibsaa Mana maree bakka bu'uun Abaaboo yaadannoo kaa'anii jiru.

Manni maree keenyas boqachuu aadde Daanaayetin gadda itti dhagahame ibsaa maatii fi firoottaniif jajjabina hawwina.

Address

Debre Zeyit

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Mana Maree Magaalaa Bishooftuu posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share