06/10/2023
"Faajjii nageenyaa, tokkummaa fi obbolummaa kan ta'e ayyaana irreechaatiif baga geessan"
*******
Waaqa lafaa fi samii miidhagina goonfachiisee, uumama hundaa sirneessee uume kan itti galateeffannu jala bulti ayyaana Irreechaa irratti argamna. Ayyaana kabajamaa duudhaan obbolummaa, dhiifamaa fi araaraa itti calaqqisu kan Abbootiin Gadaa, Haadholiin Siinqee, Foolleewwanii fi Shamarran Oromoo darbees sabaa fi sablammootni biyyattii biroon uffannaa aadaatiin faayamanii qooda irratti fudhatanu ayyaanni Irreechaa, ayyaana guddaa hawwii fi abdii gaariin eegamu waan ta’eef Oromoota biyya keessaa fi biyyoota alaatti argamtan akkasumas sabaa fi sablammoota biyya keenyaa maraan baga guyyaa kabajamaa kanaan ittiin isin gahe nun gahee.