25/03/2026
Magaalonni barootaaf saamtota baadiyyaa turan. Adeemsi kun hariiroo magaalaafi baadiyyaa madaallii hineegne, haqa maleessa darbees haala lachuu walqabatanii conqola'an umera! - Pirezidaantii MNO, Shimallis Abdiisaa
Tarsiimoofi imaammattoota magaalomsuu haaraa mootummaan keenya boce, rakkoolee seenaa loogii magaalaa (urban bias) cabsaniifi haq-qabeessummaa hawaas-dinagdee kan mirkaneessn akkasumas ce’umsaa hawaas dinagdee qinda’aa roga maran kan dhugoomsaniidha.
Umamni magaalota keenyaa kaappitaalli, humni namaa barateefi teknoolojiin, lafa rukkataa (density) akka filatu kan taasisu ture. Magaalonni rukkina bu'uuraalee misoomaa (daandii, ibsaa, bishaan, neetworkii) waan qabaniif, baasii omishaa niqusatu; bu’aa ammoo nidabalu. Abbaan qabeenyaa tokko baadiyyaatti invasti gochuurra, magaalaa filata; sababiin isaa buraajoon (facilities) magaalaa keessatti walitti dhiyeenyan waan argamaniifidha. Magaalaan qabeenya baadiyyaa—nyaata, humna namaa, qabeenya umamaa—ofitti harkisee kan xuuxu humna harkisa dinagdee (economic gravity) kanaani. Kun ammoo adeemsa hamaa “Kiyyoo Yaa’insa Kaappitaalaa” (Capital Flow Trap) jedhamu umera.
Kiyyoon kun adeemsa waljijjiirraa loogaa (unequal exchange) irratti kan hundaa’edha. Gama tokkoon, qonnaan bulaan omisha isaa—midhaan, aannanii — gatii gadi aanaafi rakasaan gara magaalaatti erga. Faallaa kanaatiin ammoo, maallaqa muraasa gurgurtaarraa argate sanaan, omishaalee warshaa magaalaa kanneen akka uffataa, meeshaalee ijaarsaafi xaa’oo gatii qaaliin bitachuuf dirqama. Dhiibbaan kun qabeenya qofa irratti hindaanga’u; humna namaa irrattis dhiibbaa walfakkaatu uma. Kunis, magaalonni keenya barootaaf saamtota baadiyyaa ta’anii akka jiraatan taasiseera.
Adeemsi kun hariiroo magaalaafi baadiyyaa madaallii hineegne, tokko kan biraa itti hinhumneessine darbees lachuu walqabatanii ittikufan uumera. MNO imaammata ce’uumsa baadiyyaa hojiirra oolchaa jiru cinaatti, yaadama magaalomsuu haaraa daba hariiroo kana sirreessu bocee hojitti galcheera.
Yaadamni haaraan kun, kiyyoo haalota dura ture cabsuun, adeemsa magaalaa “baadiyyaa liqimsu” irraa gara ijaarsa magaalaa “baadiyyaa hammatuufi waliin misoomutti” ce’uu, akkasumas ilaal-qalbii (psyche) “hireen koo kana hindarbuu” jedhu hawaasa baadiyyaa irratti fe’e ture cabsuu kan akeekudha.