Arsi Zone Trade Office/Waajjira Daldala Godina Arsii

Arsi Zone Trade Office/Waajjira Daldala Godina Arsii We Strive to ensure Modern Trade in Ethiopia !

10/02/2014 Tasgabbii Gabaa fi Daldala Seeraan alaatiin walqabatee Hojii guddaan Hojjachaa turuun keenya ni yaadatama. Ka...
20/10/2021

10/02/2014


Tasgabbii Gabaa fi Daldala Seeraan alaatiin walqabatee Hojii guddaan Hojjachaa turuun keenya ni yaadatama. Kanaanis jijjiiramni hin tuffatamne dhufeera. Gatii oomishaalee baay'ee gadi buusuun ykn iddootti dhaabuun danda'ameera. Kun ammas cimee itti fufuu qaba.

Yeroo ammaa Godina keenya keessatti Oomisha midhaanii Sassaabuun calqabameera.
Sassaabbii Oomishaatiin walqabatee Saamichi Gatii Kombaaynaraa/1Kuntaala irratti geggeeffamuu fi Midhaan Qonnaan bulaa Gatii Xiqqaadhaan Maasii Qonnaan bulaa irratti bituun/Saamuun Godina keenya keessatti raawwatamaa tureera.
Kun ammoo raawwatama.

Bara kana Rakkoo kana hambisuuf Koreen Sadarkaa Godinaa mari'atee Hojii keessa galeera.
Gatiin Sassaabbii midhaaniitiif Kombaaynaraaf kaffalamu Kuntaalaan Qarshii 80-100 akka ta'u murtaa'eera.
Bittaa fi gurgurtaan Maasiirratti raawwatamus yakka akka ta'e kallattiin taa'eera.
Kana bu'uureffachuun Caasaan keenya Sadarkaan Hojii kana keessatti Koree Sadarkaa Aanaa waliin Qindoomee gahee isaa bahuu akka qabu ciminaan kan hojjatamu ta'a.

Gadaan Quufaa Gabbina!!!

Fulbaana 24/2014!Barri kun Bara Injifannooti!BOQONNAA HAARAA!New Beginning!  New Sprit! Seenaa Biyya kana keessatti Moot...
06/10/2021

Fulbaana 24/2014!
Barri kun Bara Injifannooti!
BOQONNAA HAARAA!
New Beginning! New Sprit!

Seenaa Biyya kana keessatti Mootummaa Uummataan, Uummataaf Filatame Hundeeffanneerra!
Barri Bara Rakkooleen Qaala'iinsi jireenyaa fi biroo itti furaman nuuf haa ta'u!
Bara Hojii Gaarii hawwine!

14/01/2014Leenjiin Waajjirri Daldalaa Godina Arsii Qindoomina Koolleejjii BLTO Athlete Qananiisaa waliin Hojjattoota Waa...
25/09/2021

14/01/2014

Leenjiin Waajjirri Daldalaa Godina Arsii Qindoomina Koolleejjii BLTO Athlete Qananiisaa waliin Hojjattoota Waajjira Daldala Aanaalee fi Godinaatiif Kennaa ture xumurame.
Sirna Daldalaa ammayyeessuudhaaf Tajaajilli kennamu hundi gara Technology'tti(Computerized System) jijjiiramaa jira.
Kanarraa ka'uudhaan Leenjiin Dambiilee fi Qajeelfamoota, Gurmaa'insa Hawaasa Daldalaa akkasumas Sirna Online'tiin Tajaajila kennamu irratti Guyyoota Lamaaf kennamaa ture milkaa'inaan xumurameera.
Leenjiin kun Rakkoo Dandeettii Raawwachiisumaa keessumattuu Gama Sirna Daldala Ammayyaatiin qunnamaa ture ni fura jedhamee yaadama!

Koollaajjii Athlete Qananiisaa fi Qaamota Milkaa'ina Leenjii kanaatiif gahee taphatan Maqaa Caasaa keenyaatiin ni Galatoomfanna!

Horaa Bulaa Dagaagaa!

14/09/2021
14/09/2021

Address

Asella

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Arsi Zone Trade Office/Waajjira Daldala Godina Arsii posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share