13/08/2023
Sagantaa cufinsa hojii bara 2015, Beekamtii fi badhaasaa gaggeeff𝚊𝚖𝚎!!
•••••••••••//•••••••••••
Manni Murtii Aanaa Ciroo sagantaa cufinsaa hojii bara 2015, sirna beekamtii fi badhaasaa bakka Kabajamoo Pireezidaantii MMO Godina Hararghee Lixaa Obbo Mahammad Abdurahaman, Bulchaa Aanaa Ciroo Obbo Yaasiin fi keessummoonni garagaraa kan biroo argamanitti guyyaa har'aa gaggeessee jiraa. Sagantaa kanas Kabajamoo Pireezidaantii MMO Godina Hararghee Lixaa Obbo Mahammad Abdurahaman haasa banninsaa taasisuun banuun, raawwii bara 2015 Manni Murtii Aanaa Ciroo galmeesseef baga gammaddan jechuun ergawwan adda addaa dabarsanii jiru.
Manni Murtii Aanaa Ciroo bara 2015 keessa hojiilee gama hundaan hojjechaa tureen raawwii ol'aanaa galmeessuun manneen murtii Aanaalee Godina Harargee Lixaa keessaa sadarkaa 2ffaa qabachuun xumuruun badhaasa geebaa argachuun isaa ni yaadatama. Raawwii olaanaa argame kanaaf shoorri hojjetootni Manaa Murtiichaa hoggansa irraa hanga wardiyyaatti taasisan olaanaa ta'u hubaachuun Abbootti Seeraa, Ofisaroota Seeraa fi hojjetoota deggersaa madallii hojiin sadarkaa 1ffaa hanga 3ffaa bahaniif badhaasa fi beekamttin kennameera.
Gama biroon Abboottii seeraa MMA Ciroo kan turan Obbo Yoobsan Baqqalaa fi Obbo Dursaa Aliyyii sababa guddinaan mana murtii keenya irraa gara mana murtii biroo deemanii, fi ofisara seeraa Obbo Shimmallis Takkaa kan sababa guddinaan mana murtii keenya irraa deemaniif beekamtti fi kennaan kennameera.
Xumura irrattis afeeraa laaqannaa taasisuun yeroo boqonnaa gaarii waliif hawwuun sagantaan qophaa'ee xumuramee jira.
Sagantaa kana milkeessuuf warri dadhabdan hundinuu galatoomaa jenna!
Hag 08, 2015
Mana Murtii Aanaa Ciroo
Ciroo.