Waajjira Carraa Hojii Uumuu fi Ogummaa /God/H/Lixaa

Waajjira Carraa Hojii Uumuu fi Ogummaa /God/H/Lixaa Carrara hojii Ogummaan durfame uumuun hiyyummaa ni balleessina

04/02/2026
04/02/2026
Biiroo Carraa hojii Uumuu Oromiyaa (BCHUO)Kilaastera AdaamaaNamoota:77Muuxannoo: 0 year Ogummaa Leenjisummaatiin qaxaruu...
20/01/2026

Biiroo Carraa hojii Uumuu Oromiyaa (BCHUO)
Kilaastera Adaamaa
Namoota:77
Muuxannoo: 0 year Ogummaa Leenjisummaatiin qaxaruu barbaada.
Sirritti erga dubbiftanii hubattan kanneen ulaagaa guuttan Waajira Carraa Hojii Uumuu fi Ogummaa Godinaatti qaamaan deemtanii Galmaa'uu dandeessu

Kilaastarri Kolleejjii Poolii Teeknika Carcar leenjifamtoota ogummaalee garaagaraan leenjisaa ture 538 eebbisiise.Fulbaa...
14/09/2025

Kilaastarri Kolleejjii Poolii Teeknika Carcar leenjifamtoota ogummaalee garaagaraan leenjisaa ture 538 eebbisiise.

Fulbaana 04, 2018 (Komn.BCHUOO)- Kilaastarri Kolleejjii Poolii Teeknika Carcar leenjifamtoota ogummaalee kudhaniin leenjisaa ture 538 eebbisiiseera.

Sirnicharrattis Kolleejjiin Poolii Teeknika Carcar leenjifamtoota 496, Kolleejjjiin BLTO Daaroo Labuu leenjifamtoota 14 fi KBLTO Hirnaa leenjifamtoota 28 waliigala kilaastarichatti leenjifamtoota 538 leenjii xumursiisuun eebbaaf dhiyeessuu Diiniin Kolleejjii Poolii Teeknika Carcariifi walitti qabaan kilaastara Kolleejjota BLTO godina Harargee Lixaa obbo Kadiir Abaadir ibsaniiru.

Sirna eebbaa kanarrattis Hoggantuu Ittaantuun BCHUOO aadde Magartuu Mahaammad, Kantiibaan Magaalaa Ciroo obbo Mahaammad Umar, Ittigaafatamaan WCHUO godina Harargee Lixaa obbo Faamii Abraahiim, eebbifamtoonni, maatiin eebbifamtootaafi keessummoonni garaagaraa hirmaataniiru.

Kol/Pool/Teeknika Carcar  guyyaa 4/1/2018Eebbifamtoonni KPT Fi KBLTO God/Har/Lixaa hundi Baga gammaddan Congratulations!...
14/09/2025

Kol/Pool/Teeknika Carcar guyyaa 4/1/2018
Eebbifamtoonni KPT Fi KBLTO God/Har/Lixaa hundi Baga gammaddan Congratulations!!!
Kolleejjooni kilaastera Carcar leenjifamtoota ogummaalee garaagaraan leenjisaa ture 538 eebbisiise.

Fulbana 04, 2018 Kolleejjiin Poolii Teeknika Carcar leenjifamtoota ogummaalee adda addaa leenjisaa ture keessaa kanneen leenjii isaanii gahumsaan xumuruun madaallii gahuumsa ogummaan milkaa'an guyyaa har'aa sirna ho'aan eebbisiiseera.

Kolleejjiin Poolii Teeknika Carcar bara hundeeffama isaarraa kaasee lammiilee hedduu leenjii idilee fi gaggabaaboon simatee leenjisuun ogummaa gonfachiisee gabaa hojiif dhiyeessuu Diiniin Kolleejjichaa obbo Kadiir Abaadir ibsaniiru.

Sirna eebba leenjifamtootaa kanarrattis Kolleejjiin Poolii Teeknika Carcar leenjifamtoota dhibba 4 fi 96, akkasumas Kolleejjiin BLTO Hirnaa leenjifamtoota 28 kolleejjiin BLTO D/Labuu leenjifamtoota 14 waliigalaan 538 qindoominaan bakka tokkotti eebbaaf dhiyeessuu Diiniin kilaastera obbo kadiir Abaadir ibsaniiru. Eebbifamtoota guyyaa kanaa keessaa 66.33 % dubartoota tahuu isaanii Ittii Aanaan Diinii koilleejjii poolii teeknikaa carcar obbo Dejennee Dhaabasaa ibsaniiruu.

Haasawaa anaadhufuu kan taasisan Diiniin koolleejjii polii teeknikaa carcar obbo kadiir Abaadir, Eebbifamtootaaf gammachuu qaban ibsuun, ilaalcha hojii eeggachuu keessaa bahuun ogummaa gonfataniin hojii uummachuun jiruuf jireenya isaanii fooyyeffachuu akka qaban dhaamaniiru, itti dabaluuniis ogummaan isin dhuunfatan daabboodha oli jechuun dhaamaniru.
Haasawaa anaadhufuu kan taasisan kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa ciroo Obbo Mahammad Umar, Kolleejjiin Poolii Teeknika Carcar galmoota misoomaa akka magaalichaatti qabaman milkeessuu keessatti qooda ol'aanaa qabachuu himaniiru.
Itti dabaluuniis Obbo Mahammad Umar Eebbifamtootni guyyaa haraa akka kilaasteraati eebbisiisuun,akkasumaa yeroo biyyi keenyaa Etiyophiyaan hidhaa guddicha haaroomsaa akka Afrikaatti sadarkaa tokkofaa tahee eebbisiisuun guddummaa keenya itti argisiisteeti tahuun isaa eebba guyyaa har'aa adda isa taasisa jedhaniiru.

Baga gammanne baga gammaddan Etoophiyaanonni biyya keessaa fi biyya Alaajiraattan hundi  πŸŽ‰πŸ₯³πŸ‘guyyaan boru guyyaa guddaadh...
08/09/2025

Baga gammanne baga gammaddan
Etoophiyaanonni biyya keessaa fi biyya Alaajiraattan hundi πŸŽ‰πŸ₯³πŸ‘
guyyaan boru guyyaa guddaadha. guyyaa sumuniif shilingiin sabbata aayyolii teenyarraa bahe,kiisha barataarraa baafame,dafqa qotee-bulaa,hojjataa mootummaa,daldalaa fi dafqaan bulaa hundarraa gumaacha xiqqaa guddaan keenya gooneen hoggantoota murannoo qaban durii kaasee yaada uuman,design kaayan,jalqabsiisanii fi xumuranin ittiin mullatuudha!

Guyyaa eebba Hidha guddicha Abbayyaa kana, qalbiin keenya gammachuu fi galataan guutameera.
Abbaayi Mallattoo misoomaa, tokkummaa fi abdii biyya keenyaati. πŸ‡ͺπŸ‡Ή

Address

Chiro
Asebe Teferi

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Waajjira Carraa Hojii Uumuu fi Ogummaa /God/H/Lixaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share