08/05/2024
Aanaa Nageellee Arsiitti Tumannaa seera Aadaa magaalaa Qaloo Duuroo,Ganda Adaabaa Xiixaa,Wataraa,Goondee Gurraattee,Bombaasoo reejjii fi Daanshee irratti gaafa guyyaa 30/08/2016 Abbootii Gadaa Haadha siinqee,Abbootii Amantaa,Hawaasa bal'aa Gandoota kanaa hirmaachise Abbootii Gadaa sikkoo fi Mandoo Gadaa Guutaatiin Seerri Adaa tumameera.Seerri tumame kana fakkaata.
*Walii Galteen kun kan taasifameef Barmaatilee Miidhaa Geessisan Ganda Keenya keessatti mataa gadi qabatanii,Dubartootaa, Daa’immanii fi Hawaasa bal’aa kan Miidhaa turan ganda keenya keessaa balleessuuf kan taasifameedha.Walii galtee kana keessatti Barmaatilee Miidhaa Geessisaaran jedhamanii akka Ganda keenyaatti kan adda bahan;-
1. Kittaannaa
2. Heeruma Umurii malee
3. Godaansa seeraan alaa
4. Fuudha fuudha irraa
5. Dirqisiisanii Gudeeduu
6. Miidhaa Daa’immanii
7. Qabeenya daa’imman abbaa fi haadha hin qabnee saamuu
8. Fira wajjiin gaa’ela Raawwachuu
9. Safuu/Duudhaa Cabsuu/sarbuu
10. Arraba sanyummaa fi Xiinsammuu nama tuqu
11. Dhaala
12. Gumaata humnaa olii.
13. Gabbara Humnaa olii
Ganda _ keessatti marii Hawaasni bal’aan gaafa guyyaa 30/08/2016 taasiseen seera Aadaa tumateen Barmaatilee armaan oliitti tuqaman namni raawwatee argame Murteewwaan armaan gadii kana akka irratti fudhatamaniif hawaasni bal’aan marii geggeessee irratti waliif galee murtee dabarfatee jira.
Murteewwan fudhataman
1. Butii raawwatee kan argame Adabbiin isaa Abbootii Gadaatiin kan irratti fudhatamu Loon shani(5) ta’a
2. Dirqisiisanii Gudeeduu raawwatee kan argame Adabbiin isaa Abbootii Gadaatiin kan irratti fudhatamu
a) Haadha Manaa Namaa Loon shani(5) ta’a
b) Durba Mana Abbaa jirtu loon sagal (9) ta’a.
3. Kittaannaa raawwatee kan argame Adabbiin isaa Abbootii Gadaatiin kan irratti fudhatamu .
a. Dubartii Fedhaan kittaanamte Loon lama(2) ta’a.
b. Kittaantuu Aadaa Kittaannaa geggeessite Loon lama(2) ta’a.
c. Dhiirri/Abbaa Warraa kittaannaa haadha manaa irratti raawwachiise loon lama(2) ta’a.
4. Heeruma Umurii malee raawwatee kan argame Adabbiin isaa Abbootii Gadaatiin kan irratti fudhatamu Loon sadi(3) ta’a.
5. Miidhaa Adda Addaa Daa’imman irratti raawwatee kan argame Adabbiin isaa Abbootii Gadaatiin kan irratti fudhatamu :-
a) Deessee Daa’ima kan gatte loon sagal(9) ta’a.
b) Daa’imman kireeffatee kan miidhu loon sagal(9) ta’a.
c) Daa’imman umuriin barnootaaf gahan kan barnoota dhoorke loon sagal(9) ta’a.
6. Godaansa seeraan alaa raawwatee kan argame Adabbiin isaa Abbootii Gadaatiin kan irratti fudhatamu Loon saddeettamii tokko 9X9(81) ta’a.
7. Dhaala raawwatee kan argame Adabbiin isaa Abbootii Gadaatiin kan irratti fudhatamu Loon torba(7) ta’a.
8. Qabeenya daa’imman abbaa fi haadha hin qabnee saamicha raawwatee kan argame Adabbiin isaa Abbootii Gadaatiin kan irratti fudhatamu Doomi jedhamaan(Abaarsa) ta’a.
9. Fuudha fuudha irraa raawwatee kan argame Adabbiin isaa Abbootii Gadaatiin kan irratti fudhatamu Loon shani(5) ta’a.
10. Fira wajjiin gaa’ela raawwatee kan argame Adabbiin isaa Abbootii Gadaatiin kan irratti fudhatamu:-
a) Beekaa kan raawwate loon sagal(9) ta’a.
b) Wallaalee kan raawwate loon sadi(3) ta’a.
11. Ilmaa fi intala safuu cabsite abbaa, haadha, hangafa Manguddoo irratti arrabsoo raawwatee kan argame Adabbiin isaa Abbootii Gadaatiin kan irratti fudhatamu Loon sadi(3) kormaa goromsaa fi bullukkoo ta’a.
12. Arraba sanyummaa fi Xiinsammuu nama tuqu raawwatee kan argame Adabbiin isaa Abbootii Gadaatiin kan irratti fudhatamu Loon shani(5) ta’a.
13. Gumaata humnaa olii nama hedduu hirmaachise raawwatee kan argame Adabbiin isaa Abbootii Gadaatiin kan irratti fudhatamu Loon shani(5) ta’a.
14. Gabbara Humnaa olii raawwatee kan argame Adabbiin isaa Abbootii Gadaatiin kan irratti fudhatamu Duloo fi Ruufa Abbootii Gadaatiif ta’a.
15. Aseennaa/Adda baana raawwatee kan argame Adabbiin isaa Abbootii Gadaatiin kan irratti fudhatamu Duwwaa geggeessuu Garuu Dubartiin tun dursitee osoo aseennaa hin deemin abbaa gadaatti himachuu qabdi.