Waajjira Investment Bulchiinsa Magaalaa Nageellee Arsii

Waajjira Investment Bulchiinsa Magaalaa Nageellee Arsii Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Waajjira Investment Bulchiinsa Magaalaa Nageellee Arsii, Government Organization, Arsi Negele.

Akkam jirtu Hordoftoota Page Keenyaa? Bulchiinsa Magaala Nageellee Arsiitti hojiin Investimentii daraan dabaluun wolqaba...
03/10/2021

Akkam jirtu Hordoftoota Page Keenyaa?
Bulchiinsa Magaala Nageellee Arsiitti hojiin Investimentii daraan dabaluun wolqabatee, Investerri ykn Dhaabbanni guddaan Magaala keenyaa kan Maqaan isaa Negele Arsi General Hospital and Medical College/ Investera Guddaa Magaala keenyatti lafa Maqaa Investimentiitiin fudhatanii Haala gaarii ta'een misoomsanii jiru.
# Hospitaala kana wonti adda isa taasisu
1. Carraa hojii bal'aa Uumuu isaa nama 172 Carraa hojii uumera.
2. Magalichaaf galii guddaa galchaa kan jiru.
3. Akkaata project propozal isaatiin kan hojjataa jiru ykn wolii galtee mallatteesseen kan hojjataaru ta'uu isaa.
# Bara kana immoo Fulbaana 16/01/2014tti Barattoota damee fayyaa garagaraatiin barsiisaa ture barattoota 269 ebbisisee jira.
# Kanaaf Akka wajjira Investimentii Bul/Mag/Nag/Arsiitti Abbootii Qabeenyaa humna gahaa qaban gara Magaala keenyatti simachuu waan barbaannuuf kanneen biyya keessa jirtanii fi biyya alaa jirtanis Kootta Magaala Nageellee Arsitti Qabeenya keessan investi godhaa ofis daraan duroomaa Magaala Nageellee Arsii misoomsaan ergaa keenya.
Horaa bulaa!!!!

Abbootii qabeenyaa hedduu simannee hojiitti galchuuf, hojii barbaaddota hedduuf carraa hojii umuunii fi  hiyyummaa hir`i...
25/09/2021

Abbootii qabeenyaa hedduu simannee hojiitti galchuuf, hojii barbaaddota hedduuf carraa hojii umuunii fi hiyyummaa hir`isuuf qophii gahaa taasifnee jirra jedhan Obbo shuumii Guuttamaa I/G Waajjira Invastimentii Bulchiinsa Magaalaa Nageellee Arsii

jala bultii ayyaana masqalaa fi irreechaa ilaalchisuun ergaa baga geettanii kan dabarsan I/G Waajjira Invastimentii Bulchiinsa Magaalaa Nageellee Arsii Obbo Shuumiin abbootii qabeenyaa fi jiraattota magaalaa Nageellee Arsii baga ittiin isiniin gahe jechuun, Xiyyeefannoo mootummaan Naannichaa misooma Investimentiif kenne bu`uura taasisuun bara 2014 tti carraa qaban kamuu fayyadamuun abbootii qabeenyaa misamawoo biyya keessaa fi alaa simatanii hojii keessa galchuuf hojjachaa jiraachuu Obbo Shuumiin Waajjira Dhimmoota kominikeeshiinii mootummaa Bulchiinsa Magalaa Nagellee Arsiitti himanii jiru.

Magaalaan Nageellee Arsii giddu-gala daldalaa fi magaalaa jaalaalaa,aadaan waliin jireenya sabaa fi sablammoota kan itti dagaage ta`uu ishee abbootiin qabeenyaa fi jiraattoonni magaalichaa ragaadha,kan jedhan I/G Waajjira Invastimentii Bulchiinsa Magaalaa Nageellee Arsii Obbo shuumii Guuttamaa Abbootii qabeenyaa misoomaa investimentii irratti hirmaachuu barbaaddaniif simmannaa addaa isiniif taasifna jechuun waamichaa dhiyeessanii jiru.
Barri 2014 kan nagayaa,jaalalaa fi badhaadhinna isiniif haa ta`u jechaa,Koottaa waliin taanee Magaalaa Nageellee Arsii haa misoomsinu jedhaniiru.

Waajjira Invastimentii Bulchiinsa Magaalaa Nageellee Arsii
Ayyaana Gaarii !!

Waajjira Dhimmoota kominikeeshiinii mootummaa Bulchiinsa Magalaa Nagellee Arsii

FBC Damee Shaashamanneetiif

20/09/2021

Dambii Lakk. 208/ 2012
Dambii Bulchiinsa Investimentii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Irradeebiidhaan Murteessuuf
Bahe
Bulchiinsa Investimentii naannichaa bifa seera qabeessa ta’ee fi iftoomina qabuun gaggeessuun,
akkasumas pirojeektootni investimentii guddina diinagdeetiif shoora ol’aanaa qaban haala itti
babal’atan mijeessuun fi sirna deeggarsaa fi hordoffii ittifufiinsa qabu diriirsuun bu’a
qabeessummaa pirojeektoota Investimentii mirkaneessuun barbaachisaa ta’ee waan argameef;
Naannicha keessatti kenna tajaajila investimentiin walqabatee rakkoo hojimaataa fi qaawwa
seeraa mul’atu sirreessudhaan kenna tajaajila investimentii yeroon barbaadu, si’ataa,
qulqullinaa fi iftoomina qabu, akkasumas ittigaafatamummaa mirkaneessuu danda’u diriirsuun
waan barbaachiseef;
Aangoo fi hojii Komishinichaaf Labsii Qaamolee Raawwachiiftuu Mootummaa Naannoo
Oromiyaa Lakk. 213/2011 tiin kenname irratti hundaa’uudhaan aangoo fi hojii caasaalee
bulchiinsa investimentii sadarkaan jiranii ifatti murteessuun carraa investimentii naannichi
qabu gahumsaafi bu’a qabeessummaan ittifayyadamuu fi bulchuun, fedhii fi faayidaa uummata
naannichaa mirkaneessuun barbaachisaa ta’ee waan argameef;
Qonnaan Bultoota, Horsiisee Bultootaa fi Gamisa Horsiisee Bultoota qabeenya horatanii gara
hojii investimentiitti ce’uu barbaadaniif dhuunfaadhaan yookiin bifa gurmaa’een gara hojii
investimentiitti ceesisuun sochii investimentii keessatti hirmaachisuun ittifufiinsaan
fayyadamtoota taasisuun ce’umsa diinagdee naannicha keessatti gahee isaanii akka bahan
taasisuuf sirna bifa addaatiin itti deeggaraman diriirsuun barbaachisaa ta’ee waan argameef;
Akkaataa Labsii Bulchiinsa Investimentii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Lakk. 138/2000
keewwata 18(1) fi Labsii Qaamolee Raawwachiiftuu Mootummaa Naannoo Oromiyaa Lakk. 213/2011 keewwata 71(2) tiin Dambiin kanatti aanu bahee jira.

17/02/2021

WAAJJIRA INVESTIMENTII B/M/NAGEELLEE ARSII.
Teessoon Waajjirichaa Gamoo Bulchiinsa Magaalaa Darbii 3ffaa Waajjira I/A Kantiibaatti aanee argama.
jechuun baasii Kappitaalaa mallaqaan pirojektii haaraa gaggeessuu fi kan jiru babal'isuuf ykn ol guddisuuf investeraan taasifamu jechu dha.
:- Jechuun nama dhuunfaa ykn dhaabbata hojii investimentii irratti seera investimentii eeggatee bobba'e ta'ee, Lammii biyya keessaa ykn Lammii biyya alaa kan dabalatuu dha. Keessumattuu babal'ina Investimentii ilaalchisee Pirojektoota investimentii filatamoo ( Selected Investment Projects) ta'an Magaalaa keenya keessatti akka babal'atan xiyyeeffachuun ni hojjanna.
Haala teessuma Lafa Magaalaa Keenyaa:- Magaalaan Nageellee Arsii Lafa Diriiraa fi mijaata irra jirti argamti

Address

Arsi Negele

Telephone

+251916008814

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Waajjira Investment Bulchiinsa Magaalaa Nageellee Arsii posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share