28/10/2023
Lafa Heektaara Miliyoona 2.6 Bona Kana Misoomu Irraa Callaa Kuntaalli Miliyoonni 105 ol ni Eegama
Mootummaan Naannoo Oromiyaa qonna utubaa dinagdee biyyaa ammayyeessuun hiyyummaa seenaa taasisuuf Bonaa Ganna hojjechuun oomishtummaa guddisuuf tarkaanfilee garaa garaa hojii irra oolchaa jira.
Tarkaanfilee kanneen keessaa inisheetiiviin misooma qamadii jallisii Bonaa tokko yoo ta’u, kanaanis Bona kana lafti hektaara Miliyoona 2.6 qamadiin misooma.
Misooma qamadii tibba Bonaa jallisiin misoomu kana irraas callaa kuntaalli Miliyoona 105 olitti tilmaamamu ni eegama.
Rooba Ganna darbeetiin lafti heektaarri Miliyoona 2.4 qamadiin misoomee kunuunfamaa kan jiru yoo ta’u, kana irraas callaa kuntaalli miliyoona 81 ol ni argama jedhamee tilmaamama.
Waliigala qamadii Roba Gannaatiin misomeefi jallisii Bona kanaatiin misoomu irraa callaa kuntaalli Miliyoona 186 ol akka argamuuf karoorfamee hojjetamaa jira.
Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa