Kominikeeshinii Aanaa Gobbuu Sayyoo

Kominikeeshinii Aanaa Gobbuu Sayyoo Maqaa Gaarii Aanaa Gobbuu Sayyoo Roga gaariin akka beekamtuu fi ijaaramtuuf hojjechuu

Godina W/bahaa Aanaa G/Sayyootti Raayyaa Ittisa Biyyaaf Qophiin Galaa QophesuuTaasifame.Akkuma Beekamu Rakkoo Nageenyaa ...
05/04/2022

Godina W/bahaa Aanaa G/Sayyootti Raayyaa Ittisa Biyyaaf Qophiin Galaa QophesuuTaasifame.
Akkuma Beekamu Rakkoo Nageenyaa Bara Kana Biyya Keenya Mudatee Jiru Furuuf Sochiin RIB taasisaa jiru bu'aa qabatamaa argamsiise jira.
Kanarraa Ka'uunis akka aanaa keenyaatti RIB aanaa keenya deggeraa jiraniif Qophiin Galaa karaa Aanaa fi karaa Qamolee Hawaasa adda addaa: hojjetaa Mootummaa Dhi.fi dub.,Jirataa magalaa, fi Dargaggoonni hirmaanna hojii humnaa taasisaniin karaa Aanaa Baajenni Qarshiin 68480 baasii ta'ee: Akaayii, Nuugii, Kukusii fi Bishaan qopheessuun Hawaasni humnaa fi qabeenyaa qabuun RIB cina hiriiruun deggersa itti fufinsa qabu kan taasisan ta'uu dhaamaniiru.
W/ra Dhi. Kom. Mot.A/G/Sayyoo
Bitootessa 26/2014

guyyaa 1/6/2014Godina Wallagga Bahaa Gobbuu Sayyootti  konfiraansii ligii duubartoota gaggefama  jiran.Mariicha irrattis...
08/02/2022

guyyaa 1/6/2014
Godina Wallagga Bahaa Gobbuu Sayyootti konfiraansii ligii duubartoota gaggefama jiran.
Mariicha irrattis hasaa baniinsaa kan tasisaan Bulchaan Bulchinsaa Aanaa Gobbuu sayyoo kan ta'an Obboo Midhaksaa Zambaabaa Dubartootni hojjii
Kam keessattuu adda durumaan akka hojjechuu danda'an of ammansiisu akka qaban. Hoggansaa ciccimoon kan keessaa ba'uun danda'udha kanaafuu wal tumsuun hojjitti wal guddisu aadaa haa godhanu jedhan. Mariicha irrattis gamagamnii hojjiwan batii jaha dhiyateraa. Isarattis ciminii fi hanqini jiru adda ba'ee akka irrattis hojjetamu kallattiin ka'amera.

07/02/2022

Ibsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa

Duudhaa sirna Gadaatiin Oromiyaa dirree haqaa haa taasifnu!..................
Duudhaaleen aadaa Horataalee murteessoo biyyaa fi dhaloota ittiin ijaarrudha. Ammayyummaan duudhaalee aadaa ka’umsa hin godhane kophaa isaa biyyaa fi dhaloota ijaaruu hin danda’u. Duudhaaleen aadaa qajeeltoowwan seeraa fi sirna ammayyaa osoo hin faalleessiin hariiroo hawaasummaa keessatti wal-hubannaan akka dagaagu, aadaan demokraasii akka gabbatu, waliif amanamuu fi aboomamuun akka jiraatu, aadaan hojii fi hojimaanni dinagdee akka fooyya’u taasisuu keessatti humna guddaa qaba. Sirni Gadaa Oromoo yaad-qalbiin ummata Oromoo ittiin sonaa’e kanaaf fakkeenya guddaa dha. Ummanni Oromoo demokraasii bara ammayyummaa keessatti kan barate osoo hin taane, sirna Gadaa irraa dhaale. Gaachana waliif ta’ee sirna ofii tikfachuu, yeroo rakkinaa fi bal’inaa, gaddaa fi gammachuun wal-bira dhaabachuu, wal-hirphee rakkoo keessaa wal-baasuun, miira namoomaatiin kabaja dhala namaa eeguu fi eegsisuun, bitaa mirga dubbi ilaalee araaraan fala wal-dhabdee kaa’uun Oromoodhaaf eenyummaa isaati.

Duudhaalee fi jaarmiyaaleen ummanni Oromoo sirna Gadaa irraa dhaale, horataalee ijoo biyyaa fi dhaloota ittiin ijaaruu mallu ta’anillee, ammayyummaa waliin wal-simsiifne itti fayyadamuu irratti hanqinni turee jira. Kana gochuu dhiisuu keenyaan, waan guddaa kan dhabne ta’ullee, yeroo dhihoo asitti Mootummaan Naannoo Oromiyaa horataalee duudhaa Sirna Gadaa hojimaata ammayyaa’aa waliin wal-simsiisuun faayidaa ummata Oromootiif akka oolan taasisuuf xiyyeeffannaa ol’aanaadhaan hojjetaa jira. Haaluma kanaan, Jaarmiyaan haqaa Sirna Gadaa keessa ture, beekamtii seeraa argatee qajeeltoowwan seeraatiin wal-cinaa faayidaa ummata Oromootiif hojiirra akka oolu, labsii lakk 240/2013n Manni Murtii Aadaa akka hundeeffamu taasisuun isaa akka fakkeenya guddaatti fudhachuun ni danda’ama.

Maanneen Murtii Aadaa Oromoo beekamtii seeraatiin deeggaramanii hojiirra akka oolana ta’uun isaa, ummata Oromoo tajaajila haqaa ammayyaa dhabee bo’uuf hiika guddaa qaba. Duudhaa haqummaa fi dhugaaf jiraachuu Sirna Gadaatiin hojiirra waan ooluuf, ragaa sobaa fi matta’aa gara garaatiin dhugaan jal’atee dharri moo’uuf carraa hin argatu. Ummanni Oromoo yeroo seerri ammayyaa hin turetti dubbii bitaa fi mirga ilaalee nagaa fi tasgabbii waloof murtoo haqaa kennaa akkuma ture, har’as,mana murtii aadaa kanatti dhimma bahuun nagaa fi tasgabbiin bu’ee fayyummaan hariiroo hawaasummaa waan mirkanaa’uuf, yeroo isaa hunda misoomaaf oolfachuuf carraa argata.

Horataalee duudhaa aadaa ammayyummaaf bu’uura ta’e kana sirnaan fayyadamuu yoo dandeenye fayyummaa hariiroo hawaasaa mirkaneessuu qofa osoo hin taane, dhalootaaf hambaa kaa’uu dandeenya. Kun ammoo fedhii fi kaka’umsa mootummaatiin qofa waan raawwatu miti. Ummanni Oromoo carraa argate kana bal’isee itti fayyadamuu qaba. Hojiirra oolmaa isaatiif dhiibbaa uumuu keessatti shoora irraa eegamu bahachuutu irra jiraata.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa, Oromiyaan dirree haqaa fi dhugaan itti mirkanaa’e akka taatuuf, gandoota Oromiyaa hunda keessatti Manneen murtii Aadaa akka hundeeffaman taasisuun isaa, sirna duudhaa Oromoon sonaa’e ijaaraa akka jirru mirkaneessa. Sirnaa fi duudhaa ofii abbaatu eeggata waan ta’eef, si’oomina fi hojiirra oolmaa Manneen Murtii Aadaa kana mirkaneessuu keessatti sadarkaa hundatti sosochiin uumamuu akka qabu Mootummaan Naannoo Oromiyaa waamicha dabarsa.

Oromiyaa ni Ijaarra!
Itoophiyaa ni Utubna!
Gaanfa Afrikaa ni Tasgabbeessina!
Waaqnis nu Gargaara!

Mootummaa Naannoo Oromiyaa
Amajjii, 30/2014
Finfinnee

07/02/2022
Guyyaa 28/5/2014Godina Wallaggaa Bahaa Aanaa Gobbuu Sayyootti Gamaggamni Sadarkaa Aanaatti guyyaa har'aa gaggeeffamee ji...
05/02/2022

Guyyaa 28/5/2014Godina Wallaggaa Bahaa Aanaa Gobbuu Sayyootti Gamaggamni Sadarkaa Aanaatti guyyaa har'aa gaggeeffamee jira.Gamaggamaa kanaa irratti Jirttootni magaalichaa kan ta'an raawwii hojiiwwan mootummaan yeroo amma kana haalota nageenyan wal qabatu fi Araara biyyoolessan kan wal qabatu irratti ciminaa fi hanqina ture irratti mari'achuun hanqinoota jiran furuuf, dabalataanis kallaatii fuula duraa irratti mari'achuun kan gaggeeffamee dha.

Guyyaa 28/05/2014Godina Wallaggaa Bahaa Aanaa Gobbuu Sayyootti  maree haalaa yeroo Sadarkaa Aanaatti guyyaa har'aa gagge...
05/02/2022

Guyyaa 28/05/2014Godina Wallaggaa Bahaa Aanaa Gobbuu Sayyootti maree haalaa yeroo Sadarkaa Aanaatti guyyaa har'aa gaggeeffamee jira.
Maree kanaa irratti Hojjettonni mootumaa Barsisoota kan ta'an raawwiin Haala nagenyaa yeroo amma irratti ciminaa fi hanqina ture irratti mari'achuun hanqinoota jiran furuuf, Ummanis ta'ee mootummaa araarama tokko malee Nageenya waaraa fiduf hojii isaa irra eegamu akka ba'atuu jedhan Hayyoonni.kun haala yeroo drbanni irratti hund'un dabalataanis kallaatii fuula duraa irratti mari'achuun kan gaggeeffamee dha.

Guyyaa 27/05/2014Godina Wallaggaa Bahaa Aanaa Gobbuu Sayyootti mareen haala yeroo irratti dargaggoota Magaalaa Aannoo Ga...
04/02/2022

Guyyaa 27/05/2014Godina Wallaggaa Bahaa Aanaa Gobbuu Sayyootti mareen haala yeroo irratti dargaggoota Magaalaa Aannoo Gandaa 01tiif guyyaa har'aa kennamee jira.Maree kanaa irrattis dargaggoonni nageenyaa naannoo isaanii eegachuu akka qabaniif dabalataanis kallaatii fuula duraa irratti kennamuun mareen kan gaggeeffamuun waltajjichi karaa nagaadhaan xumurameera jira.

Guyyaa 26/05/2014Godina Wallaggaa Bahaa Aanaa Gobbuu Sayyootti Gamaggamni Sadarkaa Aanaatti guyyaa har'aa gaggeeffamee j...
04/02/2022

Guyyaa 26/05/2014Godina Wallaggaa Bahaa Aanaa Gobbuu Sayyootti Gamaggamni Sadarkaa Aanaatti guyyaa har'aa gaggeeffamee jira.Gamaggamaa kanaa irratti Hojjettonni mootumaa miseensa fi miti miseensaa ta'anraawwii hojiiwwan paartii fi mootummaa kurmaana 2ffaa irratti ciminaa fi hanqina ture irratti mari'achuun hanqinoota jiran furuuf, dabalataanis kallaatii fuula duraa irratti mari'achuun kan gaggeeffamee dha.

Guyyaa 26/05/2014Godina Wallaggaa Bahaa Aanaa Gobbuu Sayyootti Mareen Gamagamni jaarmiyaalee dargaggoo guyyaa har'aa gag...
04/02/2022

Guyyaa 26/05/2014Godina Wallaggaa Bahaa Aanaa Gobbuu Sayyootti Mareen Gamagamni jaarmiyaalee dargaggoo guyyaa har'aa gaggeeffamaa jira.Gamagamaa kanaa irrattis koreen hojjii rawwaachistuu jaarmiyaalee raawwii hojii kurmaana 2ffaa irratti ciminaa fi hanqina ture irratti mari'achuun hanqinoota jiran furuuf, dabalataanis kallaatii fuula duraa irratti maree kan gaggeeffamee jira.

03/02/2022

Guyyaa 26/05/2014Godina Wallaggaa Bahaa Aanaa Gobbuu Sayyootti Mareen Gamagamni jaarmiyaalee dargaggoo guyyaa har'aa gaggeeffamaa jira.Gamagamaa kanaa irrattis raawwii hojii kurmaana 2ffaa irratti ciminaa fi hanqina ture irratti mari'achuun hanqinoota jiran furuuf, dabalataanis kallaatii fuula duraa irratti maree kan gaggeeffamee jira.

Guyyaa 10/07/2013Godina Wallagga Bahaa Aanaa Gobbuu Sayyootti Koreen dhaabbii M/maree aanaa raawwii projektoota magaalaa...
19/03/2021

Guyyaa 10/07/2013

Godina Wallagga Bahaa Aanaa Gobbuu Sayyootti Koreen dhaabbii M/maree aanaa raawwii projektoota magaalaa fi baadiyyaatti hojjetamaa jiran daawwatan.

Koreen dhaabbii m/maree aanichaa aangoo raawwii hojii qaamolee mootummaa hordofuu fi baajenni ramadame hojii karoorfamerra ooluu to'achuu isaaniif kenname bu'uura godhachuun projektoota sadarkaa magaalaa fi baadiyyaatti hojjetamaa jiran raawwateera.

Haaluma kanaan projektii M/barumsaa sad. 1ffaa Aannoo Blockii 1 qarshii Miln.1.07 oliin Bolookkeettiin hojjetamaa jiruu fi daandii keessoo magaalaa Aannoo, Akkasumas, projektii daandii baadiyyaa 24km suphuu fi hojii lafaa 6km qarshii Miln. 2.7'n hojjetamaa jiruu hojii raawwiin baajetaa kan walsimuu fi raawwii gaariirra jiraachuu ilaalameera.

Dabalataanis projektoonni burqaa gabbisuu 4 gandoota aanichaa 4 keessatti qarshii 224,578'n hojjetaman sadarkaa xumuramuun hawaasaaf tajaajila kennuu eegaleera jedhan.

Hawaasnis projektoota hojjetamaa jiran tumsuu fi kunuunsa barbaachisaa ta'e taasisuuf akka qabu dhaamaniiru.

Address

Ano

Telephone

+251930300450

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Kominikeeshinii Aanaa Gobbuu Sayyoo posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share