26/06/2021
• Faayidaa nama si jaallatu tokoo gaafa inni sirraa adda bahe barta
• Nama dhugaan si jaallatu tokko irraa adda bahuuf sababa hin
barbaadiin gaafa adda baatu ni miidhamta
•Nama jaallattu tokko utuu qabduu isa irra dhaabattee kan biraa hin
barbaadiin jaalalli cubbuudhaatii
• Erga nama tokko wajjin sin jaalladha jettee waliif galtee yoonni si gane
malee ati isa hin ganiin, atis bor ni ganamtaatii
• Nyaadhuu nyaadhuu gara firakeetti garagalii liqimsi akkuma jedhamu ,
Nama jaallattuuf nyaadhu malee isa hin nyaatiin ykn ishee hin nyaatiin
• Jaallatanii hin godooman waaqatu akka fedhetti nama uuma akkuma
jedhamu, waan taateef waan kessa jirtitti hin gaddiin carraatu namaaf
keennaatii
• Bishaan yaa'aa bulee kan namaaf qabe waraabbatu akkuma jedhamu,
kun na darbe sun na darbe jettee hin gaddiin addunyaan iyyuu geengoo
waan ta'eef, kana jechuun wanta si darbe deebitee haala biraan ni
argatta.
• Sa'a abbaan gaafa cabse ormi ija jaamsa akkuma jedhamu, utuu wanti
fedhe dhufeeyyuu of hin tuffatiin
• Jaalladhe waanan dhabeef ani lammata hin jaalladhu hin jedhiin,
sababni isaa namni tokko yoo madaa'e madaan isaa utuu hin fayyiin
waan hin hafneef
•Namni ati jaallattu tokko utuu ati isa jaallattuu sirratti yoo inni nama
biraa jaallate , nama sana dhiisi onneen isaa siin waan hin barbaanneef
kan biraa jaallateetii.
• Waan qabaniin gabaa bahu akkuma jedhamu,waan qabdan irratti
gammadaa malee isa hin qabneen wal hin ceepha'iinaa
• Qunceen wal gargaartee arba hiiti akkamu jedhamu, waliif galuun wal
yoo gargaartan jireenyi baay'ee salphaaf gaariidhaa!
■ Jaallatanii dhabuu, hojjetanii kaassaruu irraa isin haa baraaru
■ Kaa'anii dhabuu , bahanii galuu dadhabu irraa isin haa baraaru
gochuu hin daagatina
Yiutube irratt na hordofuuf
https://youtube.com/channel/UCo5P7sYLQutxsA9Txj4W3_A