16/11/2023
(KNFMNO, Sadaasa 06/2016, Finfinnee)
Guyyaan Farra Malaammaltummaa Bara Kanaa Dambalii Uummataa Uumuun Ni Kabajama.
Guyyaan Farra Malaammaltummaa bara kana akka addunyaatti yeroo 20ffaaf, akka biyyaatti yeroo 19ffaaf fi akka naannoo keenyaatti yeroo 18ffaaf dhaadannoo'' Malaammaltummaan Diina Waloo Keenyaa Waan Ta'eef Gamtaan Irratti Haa Qabsoofnu !!'jedhuun Sadaasa 15-30/2016 tti manneen hojii sadarkaa naannoo, bulchiinsa godinaalee, magaalotaa fi aanaalee akkasumas manneen barnootaafi koolleejjiwwan keessaatti bifa ho'aa ta'ee fi dambalii uummataa uumuu danda'uun ni kabajama.
Guyyaa kana yoo yaadannu hundumiti keenya bakka nu ilaallatuutti gahee keenya gahumsaan bahachuun qabsicha milkeessuuf irra deebinee waadaa ofii galuu qabna.
Haaluma kanaan,
A. Hooggantoonni:
1.Ofii fakkeenya ta'uun qabeenya mootummaa fi uummataa sektera isaanii eeguu, kunuunsuufi malaammaltummaa irraa tiksuu,
2.Caasaaleen isaaniin hoogganaman tajaajila si'ataa, qulqulluu, haqa qabeessaa, iftoomina qabuufi malaammaltummaa irraa bilisa ta'e akka kennaniif hordoffiifi deeggarsa barbaachisu taasisu,
3.Kenninsi tajaajilaa mana hojii isaanii karaa seeraa, labsiifi qajeelfama jiru eeggateen akka raawwatamu gochuun hojimaatilee malaammaltummaafi hojimaata badaaf qaawwaa banan duuchaa deemuu
B. Ogeessonni:
1.Naamusa ogummaa isaanii kabajuun tajaajila saffisaa, qululluu, haqa qabeessaa fi malaamaltummaa irraa bilisa ta'e lammiileef kennuun aantummaa uummataaf qaban mirkaneessuu
C. Uummata:
1.Lammiileen hundi mirga tajaajila argachuu qaban waan ta'eef mirga isaanii maallaqaan bitachuu irraa of qusachuu.,
2.Qabeenya uummataafi mootummaa irratti yakka malaammaltummaa raawwatamu yoo argan qaama dhimmi ilaallutti eeruu kennuun saaxiluu,
D.Maatii:
Maatiin daa'imman isaa safuu, duudhaa fi aadaa isaa barsiisuun naamusaan qaree guddisuun qabsoo malaammatummaa irratti taasisamaa jiru qindoominaan haa milkeessinu.
Maddii :- KNFMNO