27/05/2026
Kan hojjennuuf rakkoo hawaasa keenyaa hiikuuf "Bulchaa Godina Shawaa Lixaa obbo Didhaa Guddataa"
Aanaa Ejersa Lafootti Pirojektoonni Misoomaa Fayyadamummaa Hawaasaa mirkaneessan 21 Qarshii Miliyoona 200 Oliin hojjetamanii Xumuramuun eebbifaman .
Caamsaa 19 ,2018 Godina Shawaa Lixaa Aanaa Ejersa Lafootti Pirojektoonni Misoomaa 21 Qarshii Miliyoona 200 Oliin ijaaraman Xumuramuun tajaajilaaf Banaa ta'an .
Bulchaan Godina Shawaa Lixaa obbo Didhaa Guddataa pirojektoonni Fayyadamummaa Hawaasaa Mirkaneessuun gaaffii hawaasa keenyaa Deebisa hojjechuun xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu himanii Uummanni Oromoo Duudhaa isaa ganamaatti deebisuuf mana murtii Aadaa Cimsuun murteessaa ta'uu himaniiru.
Kan hojjennuuf gaaffii hawaasini bu'uuraalee misoomaa gaafatu deebisuuf ta'uu himanii kenna tajaajilaa si'ataa taasiisuuf pirojektoonni yeroo isaa eeguun xumuruun tajaajilaaf banaa taasiisuun murteessaa ta'uu himaniiru.
Hoogganaan Biiroo Milishaa Oromiyaa obbo Abarraa Bunnoo gama isaaniin Pirojektoonni gaaffii hawaasaa bu'uura irraa furan hojjetamanii tajaajila hawaasaa kennaan uummanni kunuunfachuu akka qabu himaniiru.
Bulchaan Aanaa Ejersa Lafoo yaada kennaniin pirojeektoonni Misoomaa 21 Qarshii miliyoona 200 ijaaraman xumuramuun eebbifamanii jiraachuu himaniiru.
Jiraattotni aanichaa pirojektottonni ijaaramun xumuraman kunneen komii yeroo dheeraafi rakkoo bulchiinsa gaarii barootaaf ture furmaata argachuu isaatti gammachuu qabaachuu eeruun pirojektotni kunneen yeroo dheeraaf tajaajila akka kennaniif kunuunsa barbaachisu kan taasisan ta'uu dubbataniiru.