Liiban jaawwii woreda court

Liiban jaawwii woreda court Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Liiban jaawwii woreda court, Government Organization, Ambo.

Aanaa Liiban Jaawwiitti Jaarsolee Mana Murtii aadaa sadarkaa gara garaa yeroo gaaddisa geggeessan!
23/09/2023

Aanaa Liiban Jaawwiitti Jaarsolee Mana Murtii aadaa sadarkaa gara garaa yeroo gaaddisa geggeessan!

03/08/2023

Hojiiwwan Yeroo Boqonnaa Abbootii Seeraa Hojjataman Ilaalchisee Murtii Gumii Bulchiinsa Abbootii Seeraa Oromiyaa
______________
(Adoolessa 18,2015 MMWO)-Abbootiin Seeraa waggaa tokko keessatti guyyoota walitti aananiif boqonnaa guyyaa jaatamaa (60) akka argatan Labsii Gurmaa'ina, Aangoo fi Hojii Manneen Murtii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Irra Deebiin Murteessuuf Bahe lakk. 216/2011 kwt. 44(1) fi Dambii Bulchiinsa Abbootii Seeraa fi Muudamtoota Manneen Murtii Oromiyaa Irra Deebiin Fooyya'ee Bahe Lakk.7/2012 kwt.80(1) jalatti ifaan tumamee jira.
___________
Boqonnaan waggaa Abbootii Seeraa yeroo walfakkaataa Adoolessa 21 hanga Fulbaana 20tti kan kennamuuf ta'uunis Dambii olitti ibsame kwt.80(2) jalatti ifaan tumamee jira. Hojiin kenniinsa tajaajila abbaa seerummaa Abbootii Seeraatiin idileedhaan Fulbaana 21 hanga Adoolessa 20 tti hojjatamaa tures yeroo boqonnaa Abbootii seeraa kana keessa ni dhaabbata.
____________
Haa ta'u malee, mirga lammiileen haqa argachuuf qaban keessaa kan yeroon itti hin kennamne eegsisuuf, dhimmoota diinagdee biyyaa fi nageenya lammiileetiin wal-qabatanii fi ariifachiisoo ta'anii yeroon itti kennamuu hin qabne gosa isaaniitiin adda baasanii karoora ji'a lamaaf (Adoolessa21,2015 hanga Fulbaana 20,2016) tti qophaa'u irratti hundaa'uun Abbootii seeraa, muudamtootaa fi hojjettoota bulchiinsaa manneen murtii sadarkaa sadarkaan jiranii fi hojii ganna keessa hojjatamuuf dabareen bahuufiin hojjechuun barbaachisaa ta'ee argameera.
____________
Bu’uuruma kanaan Gumiin Bulchiinsa Abbootii Seeraa Oromiyaa Yaa’ii 210ffaa gaafa guyyaa 16/11/2015 gaggeesseen dhimmoota yeroo boqonnaa Abbootii Seeraa bara kanaa hojjataman adda baasee murteessee jira.
_____________
Dhimmoota yeroo Ganna bara 2015/16 kana keessa Keessummeeffaman;
_________
Dhimmoota Yakkaa
 Yakka dubartootaa fi daa'imman irratti raawwataman hunda simachuun keessummeessuu;
 Dhimmoota dargaggoota seera yakkaa wajjin walitti bu'aniin walqabatee dhiyaatu fuuudhuun ilaaluu;
 Dhimmoota yakkaa harkaa fi harkaa(RTD) simachuun murtii kennuun raawwachiisuu.
 Dhimmoota yakkaa ariifachiisoo ta'an kan akka ajaja sakatta'insaa fi qabinsaa, jecha amantaa bu'uura S/D/F/Y/lak.35tiin fuudhamu, beellama yeroo, mirga wabii, gaaffii ammaakiroo mana amala sirreessaa irraa dhiyaatuu fi kkf simachuun keessummeessuu.
 Dhimmoota haala Nageenya naannoo fi biyyaa wajjin walqabatan, yakka diinagdee biyyaa irratti raawwataman, yakka malaammaltummaa, shororkeessaa fi kan biroo uumama isaanitiin yeroon itti hin kennamne simachuun keessummeessuu.
____________
Dhimmoota Hariiroo Hawaasaa
____________
 Dhimmoota maatii wajjin walqabatu keessaa dhimma qallabaa, guddisaa fi kununsa daa'immanii, dhimma abbummaa mirkaneessuu,falmii hiikkaa gaa'ilaa dhiyaateen walqabatee iyyannoo dhoorkaa qabeenyaa fi iyyannoo biroo fala yeroo barbaadanuu simachuun keessummeessuu,
 Dhimmoota hariiroo haawaasaa beellama irra jiranu ta'ee waliigaltee araaraa bitaa fi mirgaan xumura argatan simachuun keessummeessuu
 Dhimmoota hariiroo hawaasaa qabeenyi na jalaa qabame yookiin kallattii kamiinuu qaama 3ffaatti na jalaa darbe jedhu yookiin sababa dhorki kennameen baduu yookiin tajaajilaa ala ta'uu ni danda'a jedhamee itti amaname kan akka ciraa, qabeenya sababa adda addaatiin rniliqsaman yookiin qaama 3ffaatti darbaa jiran ilaalchisee dhiyaatu simachuun furrnaata yeroo kennuu
 Dhimmoota hariiroo hawaasaa ariifachiisoo ta'an kan akka iyyannoo sababa dirqamanii qabamuutiin dhiyaatu (bu'uura S/D/F/H/H/lak.177, Iyyannoo bu'uura 207 fi 208tiin dogoggoorri uumarne akka sirraa'uuf dhiyaatu,fi jijjiiraa maqaa fuudhuun keessummeessuu,
 Dhimmoota Hariiroo Hawwaasaa misoomaa fi diinagdee biyyaa wajjiin walqabatu, kan akka dhimma inveestimeentii fi kan biroo uumama isaaniitiin yeroon itti hin kennamne simachuun keessurnrneessuu,
 Oliyyannoo dhimma kamiyyuu banuu fi isa dhiyaate immoo saaqanii beellama qabsiisuu
 Himata kallattii dhimma kamiiyyuu dhiyaatu yeroo hojii gannaa kana keessa galmeen yoo saaqamuu baate kan yeroon itti darbu adda baasuun saaqanii beellarna qabsiisuu
___________
Dhimmoota biroO
 Dhimmoota yakkaas ta'e dhimmoota hariiroo hawwaasaa karoora gannaa kana keessatti hin tarreeffamne garuu immoo uumama isaanitiin yeroon itti hin kennamne jedhaman Sadarkaa Manneen Murtii Aanoleetti Pirezidaantiin Mana Murtii Aanaa Pirezidaantii Mana Murtii Ol’aanaa waliin mari’achuun; sadarkaa Manneen Murtii Ol’aanaa fi Dhaddachoota Dhaabbii Mana Murtii Waliigalaa immoo dhimma dhiyaatuuf Pirezidaantiin Mana Murtii Ol’aanaa fi Qindeessaan Dhaddachaa wal duraa duubaan Daarektoreetii Kenniinsa Tajaajila Abbaa Seerummaa Mana Murtii Waliigala Oromiyaa waliin mari’achuun yoo itti amaname keessummessuun fala kennu. Daarektoreetiin dhimmoota haala kanaan dhiyaatan yaada irratti waliigalame waliin battalamutti Hooggantoota Ol’aanaa beeksisuu qaba.
---------------
Daayireektoreetii Dhimmoota Komunikeeshinii MMWO

31/03/2023
31/03/2023

Gamaggama Raawwii Karooraa kurmaana sadii guyyaa har'aa geggeeffamee jira.gamaggama kanaanis hanqinoonnii fi ciminoonni kan adda bahan yoo ta'u,akka hanqinaatti gama Qulqullina Tajaajila abbaa seerummaa jalatti agarsiiftuleen karoorfaman baay'een karooraa gadi ta'uu adda bahee fuulduratti ciminaan kan irratti hojjetamuu akka qabu irratti waliigalameera.ciminoota jiran caalatti fooyyeessuun irratti akka hojjetamu kallattiin kennameera.

Leenjiin Jaarsolee fi barreessitoota  Manneen Murtii Sadarkaa calqabaa fi ol dabarfataa Aanaa Liiban Jaawwii tiif matadu...
26/03/2023

Leenjiin Jaarsolee fi barreessitoota Manneen Murtii Sadarkaa calqabaa fi ol dabarfataa Aanaa Liiban Jaawwii tiif matadureewwan -aangoo fi gahee hojii Manneen Murtii Aadaa fi
_Naamusa jaarsolee Maanneen Murtii Aadaa jedhurratti kennamee jira.leenjichas kan kennan Pirezidentii MMA liiban Jaawwiiti.

Manni Murtii Aanaa Liiban Jaawwii guyyaa har'aa Guyyaa Dubartoota Addunyaa akka addunyaatti yeroo 112ffaa akka biyya kee...
08/03/2023

Manni Murtii Aanaa Liiban Jaawwii guyyaa har'aa Guyyaa Dubartoota Addunyaa akka addunyaatti yeroo 112ffaa akka biyya keenyaatti yeroo 47ffaa mataduree ''Kalaqa Teeknooloojii walqixxummaa koorniyaaf'' jedhuun kabajamee ooleera,haalli kabaja isaaf beellama guyyaa har'aa dhimma dubartootaa ofirraa qabu abbaa seeraa dubartii,kabachiisaa sirna dhaddachaa dubartii fi ofiisera dubartiin akka hojjetamu,akkasumas marii paanaaliin kabajamee ooleera!

03/10/2022
Manni Murtii Aanaa Liiban Jaawwii Guyyaa har'aa deeggarsa meeshaalee barnootaa kanneen akka dabtara,iskiriptoo,qalamaa f...
16/09/2022

Manni Murtii Aanaa Liiban Jaawwii Guyyaa har'aa deeggarsa meeshaalee barnootaa kanneen akka dabtara,iskiriptoo,qalamaa fi borsaa qarshii 20,000 ol baasu bituun barattootaa maatii hin qabnee fi maatii harka qalleeyyiif bitee gumaachee jira.

sirna Badhaasaaf beekamtii kennuu fi geggeessaa hojjetaa nu biraa jijjiiramanii haala kanaan geggeeffamee ooleera.
25/07/2022

sirna Badhaasaaf beekamtii kennuu fi geggeessaa hojjetaa nu biraa jijjiiramanii haala kanaan geggeeffamee ooleera.

23/07/2022

Murtii Barsiisaa Mana Murtii Aadaa Sadarkaa Calqabaa Magaalaa baabbichaan kenname,
Dhiimichi akkas ture,himataan Mana Murtii Aanaa keenyaatti himata dhiyeeffateen himatamaan kun qabiyyee lafa magaalaa daangaa darbee najalaa waan qabateef akka gadi naaf dhiisu jechuun himata dhiyeeffateera.
Himatamaanis deebii erga dhiyeeffatee booda Manni murtii fedha bitaaf mirgaa irratti hundaa'ee dhimmi isaanii Mana Murtii Aadaa Magaalaa baabbichaan akka ilaalamu qajeelchee jira.
Manni murtii aadaas dhimma isaanii ofitti fudhanii ilaalaa turuun qulqulleeffatee jira.wanti qulqullaa'es himatamaan kun faayidaa hin malle argachuuf waliigaltee bittaa mana magaalaa jechuun ofumaaf qindeessee nama biraa kan yeroo ammaa lubbuun hin jirre akka waan himataan kun mallatteessee godhee qopheessuu isaa waan qulqulleeffateef himatamaanis kanuma boodarra waan amaneef,himatamaan kun manaa fi dallaa laficha irratti ijaare kaafachuu caala bitaaf mirga waliif galchee himatamaan kun gatii lafa daangaa darbamee,baasii fi kisaaraa himataa fi akkasumas faayidaa hin malle argachuuf waan deemeef mana murtii aadaa dhimma isaanii ilaaleef qarshiin akka adabamu murteessee jira.araaraan dhimma isaanii xumureera.
Manni Murtii aadaa dhugaa Manni Murtii idilee baasuu hin dandeenye baasaa jira!

Waan harkaa qaban yoo darbatan,daboora(lugna) hin ta'an jedhe Oromoon! guyyaa Manni Murtii Aanaa Liiban Jaawwii namoota ...
15/07/2022

Waan harkaa qaban yoo darbatan,daboora(lugna) hin ta'an jedhe Oromoon! guyyaa Manni Murtii Aanaa Liiban Jaawwii namoota harka qalleeyyii,dadhaboo fi nama isaan deeggaru hin qabneef tokkoon tokkoo isaaniif midhaa daakuu 5kg fi zayita liitra 3 arjoomeefii jira.deeggarsichi kan taasifames waan manichi qabuu fi hojjettoota isaa hirmaachisuuni kan taasifamedha.kanas asirratti barreessuu fi suura kaasuun barbaachisaa ta'uu baatullee,Manneen Murtii keenya biroo kanneen kanaan dura hojii akkasii hojjechaa turtan akkuma jirutti ta'ee warreen itti hin hirmaanne fakkeenya irraa fudhatanii akka deeggarsa kan itti yaadaniifi,unuuf salphaadha,warreen waan nyaatanii bulan hin qabneef garuu waan guddaadha.namoota hagabuu oolanii bulan,yoo xiqqaate irbaata itti haa goonu jenna.galatoomaa,lafa nagaa oolaa!

Address

Ambo

Telephone

+251911916736

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Liiban jaawwii woreda court posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Organization

Send a message to Liiban jaawwii woreda court:

Share