Waldaa Qorannoo Oromoo

Waldaa Qorannoo Oromoo #

Mammaaksa Oromoo1,Waa sadi irraa waa sadi hin eegan☞Hiyyeessa boonu irraa durummaa hineegan☞Lola gowwaa irraa araara hin...
17/07/2025

Mammaaksa Oromoo
1,Waa sadi irraa waa sadi hin eegan
☞Hiyyeessa boonu irraa durummaa hin
eegan
☞Lola gowwaa irraa araara hin eegan
☞Dhibee dulluma keessaa irraa fayyaa hin eegan.
2,Waa sadi waa sadiitu mi’eessa
☞Nama du’e awwaalatu mi’eessa
☞Intala dubraa heerumaatu mi’eessa
☞Keessummaa galaatu mi’eessa
3,Waa sadi dulluma quba hin qaban
☞Qeensa
☞Rifeensa ykn dabbasaa
☞Qalbii ykn lubbuu
4,Waa sadi abbaatu kadhata sadi ofii dhufti
☞Durummaa abbaatu kadhata; hiyyummaan
ofumaa dhufti
☞Fayyaa abbaatu kadhata dhibeen
ykn duuti ofumaa dhufti
☞Ulfina abbaatu kadhata salphinni ofumaa dhufti
5,Kormaan lukkuu waa sadi fakkaata
☞Yoo lafa qotu adurree fakkaata
☞Yoo yeroon manatti galu hayyuu fakkaata
☞Yoo iyyu maraattuu fakkaata
6,Korbeessi re’ee waa sadi fakkaata
☞Yoo areeda laalan sheeka fakkaata
☞Yoo ofirratti fincaa’u saree fakkaata
☞Yoo hobobsu maraattu fakkaata
7,Tiitisni waa sadi fakkaata
☞Bifaan kanniisa fakkaata
☞Waa balfuu dhabuun waraabessa fakkaata
☞Iddoo arge qubachuun kashlabbee fakkaata
8,Namni waa sadi qabaatun tola
☞Sammuu qabaatun tola
☞Amala qabaatun tola
☞Amantii qabaatun tola
9,Waa sadi irraa waa sadi fokkisaadha.
☞Qurcii irraa qubeen fokkisaadha
☞Hiyyeessa irraa moorri fokkisaadha
☞Hayyuu ykn beekaa irraa kijibni
fokkisaadha
10,Jaarsi waa sadi jaalata
☞Abdii jaalata
☞Aduu jaalata
☞Oduu jaalata
11,Gowwaa waliin dhalchuun sadii gubatuudha
☞Isa namarraa eeyda
☞Nama isarraa eeyda
☞Ofii kee irraa of eeyda
12,Waa sadi facaasanii guurun nama rakkisa.
☞Xaafii,
@ kijiba fi yaada
13,Keessummaa Waa sadihiin simatu.
☞Erbee rifeensa hin qabne (fuula gaari)
☞Lafee foon hin qabne(ilkaanin) itti
kolfuun
☞Foon lafee hin qabne ykn arraba waan
gaarii dubbatuun.
14,Waa sadi irraa waa sadi eegan booda isumaan eegan.
☞Waraabessa harree irraa eegan booda isumaan eegan.
☞Dargaggeessa dubra irraa eegan booda isumaan eegan.
☞Ilmoo qabeenya irraa eegan booda isumaan eegan.
15,Waa sadi waa sadi hin ga’u.
☞Namni mana hin qabne sin birroo hin ga’u.
☞Namni sanyii ofii hin beekne re’ee hi

Address

Finfinnee
Ambo

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Waldaa Qorannoo Oromoo posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Organization

Send a message to Waldaa Qorannoo Oromoo:

Share