06/01/2023
Sochii Invastimantii Naannoo Oromiyaa Yeroo ammaa
Biiroon Invastimantii fi Industirii Oromiyaa Yeroo ammaa Naannicha Keessatti Invastimantiin akka babal'atuu fi Bu'a qabeessa ta'u xiyyeeffannoo guddaan hojjechaa jira.
1. Carraa fi Poteenshaala Invastimantii Naannichi qabu irratti Hojii Piroomooshinii Cimaa hojjechuun Sadarkaa Addunyaatti beeksisuun Pirojektoota Invastimantii gurguddoo fi Naannoo keenyaa bu'aa olaanaa buusuu danda'an simachuun gara hojiitti galchuuf hojjechaa jiraachuu
2. Pirojektoota Invastimantii kanaan dura Hojii keessa galanii Sadarkaa adda addaa irra jiran Deeggarsaa fi Hordoffii cimaa gochuun daraan Bu'a qabeessa akka ta'an xiyyeeffannoo guddaan hojjechaa kan jiru ta'uu
3. Industiriiwwan Sadarkaa Sadarkaan jiran adda baasuun Deeggarsaa fi Hordoffii cimaa taasisuun Bu'a qabeessummaan isaanii akka mirkanaa'u hojjechaa jiraachuu
4. Dhaabbilee Invastimantii sababa adda addaatiin Hojii isaanii adda kutan rakkoolee isaan qunname irratti Marii gaggeessuun furmaata argatanii hojiitti akka galan sochiin adda addaa godhamaa jiraachuu
5. Sagantaa Daawwannaa Pirojektoota Invastimantii Muuxannoo gaggaarii qaban irratti qopheessuun Hooggantoota olaanoo Sadarkaa Ministeeraa hanga Naannootti affeeruun Daawwannaa garaa garaa gaggeessuun Invastimantiin Naannichaa Keessatti xiyyeeffannoo guddaa akka argatu gochaa jira.
6. Carraa Hojii qabatamaan Dhaabbilee Invastimantii Keessatti uummame adda baasuun akkaataa "Project Proposal" isaaniitiin Carraan Hojii uummamuu akka qabu Hordoffii cimaa taasisaa jiraachuu
7. Kenna Tajaajilaa Saffisaa, qulqullinaa fi iftoomina qabu kennuuf itti fayyadama Teeknooloojii eegale cimsaa itti fufuu akka qabu hojjechaa jiraachuu
8. Invastimantiin walqabatee Komiiwwan adda addaa Sadarkaa gubbaa hanga gadii jiran akka hiikkatu sochii adda addaa gochaa jiraachuu