Waajira komunikeeshinii Aanaa arxumma fursee አርጡማ ፉርሲ ወረዳ መንስግስት ኮምዩኒኬሽን

  • Home
  • Ethiopia
  • Akesta
  • Waajira komunikeeshinii Aanaa arxumma fursee አርጡማ ፉርሲ ወረዳ መንስግስት ኮምዩኒኬሽን

Waajira  komunikeeshinii  Aanaa arxumma fursee አርጡማ ፉርሲ ወረዳ መንስግስት ኮምዩኒኬሽን to announce the development of wereda

Bulchiinsa godina saba oromootti qajeelchi fayyaa godina saba oromoo sagantaa tiraanformeeshinii Aanaalee buufata fayyaa...
04/10/2021

Bulchiinsa godina saba oromootti qajeelchi fayyaa godina saba oromoo sagantaa tiraanformeeshinii Aanaalee buufata fayyaa fi keellaa fayyaa kan bara 2013 adeemsisaa jiru.
sagantaa kanarratti sirni beekamtii kennuu Aanaa raawwii gaarii galmeessaniif raawwateera.waajjirri fayyaa Aanaa Arxummaa fursee raawwii roga hundaa jiruun madaallamee sadarkaa 1ffaa bahuun badhaasa geebaa fi waraqaa beekamtii kennameefira.

★★★★★★★★★★★★★★★★★★★  ∞∞∞∞∞∞∞∞∞∞∞∞∞∞∞∞∞∞∞∞∞∞∞Fulbaana 24/01/2014▼▼▼▼▼▼▼▼▼▼▼Kabajamoo dr. Abiyyi Ahmed Alii muummee minist...
04/10/2021

★★★★★★★★★★★★★★★★★★★
∞∞∞∞∞∞∞∞∞∞∞∞∞∞∞∞∞∞∞∞∞∞∞
Fulbaana 24/01/2014
▼▼▼▼▼▼▼▼▼▼▼
Kabajamoo dr. Abiyyi Ahmed Alii muummee ministeera itoophiyaa tahuun muudaman.
Manni maree bakka bu'oota ummataa yaa'ii jalqabaa waggaa tokkoffaa bara hojii jahaffaa geggeessaa jiruun kabajamoo Dr Abiyyi Ahmed Alii muummee ministeera FDRI tahuun muudameera.
♥♥♥♥♥♥♥♥♥♥♥♥♥♥

★★★★★★★★♥★★★★★★★★★★   "Day one class one in Artumma fursi woreda schools"!!!!*******************Fulbaana 24/01/2014∞∞∞∞∞...
04/10/2021

★★★★★★★★♥★★★★★★★★★★
"Day one class one in Artumma fursi woreda schools"!!!!
*******************
Fulbaana 24/01/2014
∞∞∞∞∞∞∞∞∞∞∞∞∞∞
Godina saba oromoo Aanaa Arxummaa furseetti mannee barnootaa hundarratti sagantaan baruu barsiisuu haala kanaan eegaleera.

★★★★★★★★★★★★★★★★★★★Koreen nageenyaa Aanaa Arxummaa fursee fi Aanaa ifraataa gidim waliin mar'atan.★★★★★★★★★★★★★★★★★★★Ful...
03/10/2021

★★★★★★★★★★★★★★★★★★★
Koreen nageenyaa Aanaa Arxummaa fursee fi Aanaa ifraataa gidim waliin mar'atan.
★★★★★★★★★★★★★★★★★★★
Fulbaanaa 23/01/2014
★★★★★★★★★★★★★★★★★★★
Godina saba oromoo Aanaa Arxummaa fursee koreen nageenyaa Aanaa Arxummaa fursee fi Aanaa ifraataa gidim guyyaa har'aa dhimma nageenya waloo irratti gandootaa oollaa tahan hirmaachisuun bakka geggeessitoonni Aanaa lamaanuu irraa argamanitti haala ho'aa adeemsifame. Koreen kunis dhimmi nageenya dhimma waan hunda dursa xiyyeeffannoon itti kennamuu qabu jedhuun miseensota koree waliin yeroo yeroo walgahuun rakkoo kamiyyuu akka hawaasaa obbolaa tahe gidduutti hin uumamneef haala nageenyi amansiisaan uumamuun hojjachaa kan jiraniidha.

Nageenyi bu'uura waan hundaati!!!!

★★★★★★★★★★★★★★★★★★★★★

Godina saba oromoo Aanaa Arxummaa fursee ganda wagaree dabbasoo bakka borkannaa jedhamutti balaan tiraafikii uumamuun lu...
03/10/2021

Godina saba oromoo Aanaa Arxummaa fursee ganda wagaree dabbasoo bakka borkannaa jedhamutti balaan tiraafikii uumamuun lubbuu nama tokko darbuu fi nama tokkorratti miidhaan qaqqabeera.
Konkolaataan kun qullubbii fe'ee osoma gara dasee imalaa jiruu halkan barii birratti garagaluu miidhaan qabeenyaa fi lubbuun nama tokkoo darbuu akkasumas miidhaan cimaan nama tokkorra gaheera.konkolaachistonni lubbuu namootaa du'arraa bararuuf of eegannoon konkolaachisuun balaa tiraafikii haa hir'isnuun dhaamsa keenya.

በኦሮሞ ብሄር ዞን በአርጡማ ፉርሴ ወረዳ በወገሬ ደበሶ ቀበሌ ልዩ ስሙ ቦርከና ድልድይ ላይ ዛሬ ለሊት ንጋት ላይ ሽንኩርት ጭኖ ወደ ደሴ ሲጓዝ የነበረ የጭነት አይሱዙ ተገልብጢ የአንድ ሰው ህይወት አልፏል። አሽከርካሪወች ጥንቃቄ አድርጉ

▼▼▼▼▼▼▼▼▼▼▼▼▼▼▼▼▼▼▼Fulbaana 22/01/2014**********************Godina saba oromoo Aanaa Arxummaa furseetti jiilli I/G/Calli...
02/10/2021

▼▼▼▼▼▼▼▼▼▼▼▼▼▼▼▼▼▼▼
Fulbaana 22/01/2014
**********************
Godina saba oromoo Aanaa Arxummaa furseetti jiilli I/G/Callisaa fi I/A/Bulchaa Aanaa Arxummaa fursee obbo oumer mohammed oumeriin durfamu gootota milishoota fi raayyaa ittisa biyyaa duraanii adda waraanaa turanii diinaa biyya weraruuf deemtu barbadeessuun biyyaa ofiif lubbuu qaalii kaffaluuf of qopheessan daawwachuuf magaalaa kombolchaa galaniiru.

★★★★★★★★★★★★★★★★★★★Baranoota barnoota ammallee barnoota..***********************************-***-**Gamaaggamni raawwii g...
02/10/2021

★★★★★★★★★★★★★★★★★★★
Baranoota barnoota ammallee barnoota..
***********************************-***-**
Gamaaggamni raawwii galmee barattootaa adeemsifame.
★★★★★★★★★★★★★★★★
Fulbaana 22/01/2014
★★★★★★★★★★★★★★★★★★
Godina saba oromoo Aanaa Arxummaa fursetti "waltajjiin sadarkaa godinaan hogganamu bakka Aanaalee godina saba oromoo fi bulchiinsa magaalaa godina saba oromoo hundi argamanitti madaalliin raawwii hojii gannaa fi galmee barattootaa bara 2014 Galma mana maree Aanaa Arxummaa fursetti adeemsifamaa jira.
Waltajjii kanarratti Geggeessitoonni godinaa Qajeelcha barnootaa godina saba oromoo obbo Abdellaa Ahmed,I/A/ bulchiinsa godina saba oromoo obbo Ebree kebbedee,I/G/P/Badhaadhinaa damee gurmaa'inaa godina saba oromoo obbo Taarikuu Abdiisaa fi Bulchaa duree Aanaa hundarraa fi kaantibaa magaalaa akkasumas geggeessitoonni Aanaalee irratti argamuun haalaa ho'aa fi dammaqiinsa qabuun adeemsifamaa jira.
Waltajjiin kun Eebba abbootii gadaa fi haadhaa siinqeen banamuun nyaanni aadaa gosa gara garaa qophaa'uun waltajjii milkaahaa fi bu'aa qabeessa tahe haalaa ajaa'ibaa kanaan eegalameera
♥♥♥♥♥♥♥♥♥♥♥♥♥♥♥

♥♥♥♥♥♥♥♥♥♥♥♥♥♥♥"Ergaa baga geessanii ayyaana irreechaa bara 2014**************************Fulbaana 21/01/2014★★★★★★★★★★★...
01/10/2021

♥♥♥♥♥♥♥♥♥♥♥♥♥♥♥
"Ergaa baga geessanii ayyaana irreechaa bara 2014
**************************
Fulbaana 21/01/2014
★★★★★★★★★★★★★★★★★
Itti gaafatamaan paartii badhaadhinaa Aanaa Arxummaa fursee kabajamoo obbo seid mohammed ergaa baga geessanii ayyaana irreechaa bara 2014 dabarsan.
★★★★★★♥♥★★★★★

Ayyaanni Irreessaa bara kanaa Ayyaana milkiiti!!..
Calaqqee eenyummaa ummata Oromoo kan ta’e Ayyaanni Irreessaa waggoota dheeraaf hacuuccaa garaagaraa keessa darbuun har’a ga'eera.

Sirnoota darban keessatti ummanni Oromoo eenyummaafi tokkummaa isaa, aadaafi duudhaa isaa akka hin calaqisiifanneef hojjetamaa tureera.

Haata’u malee, erga mootummaan jijjiiramaa dhufee as Oromoon iddoo lafa seenaa isaa ganamaatti aadaa, duudhaa, eenyummaa isaafi tokkummaa isaa akka babal’ifatuuf Irreechi malkaa Finfinnee waggoota 150 booda bara 2012 irraa jalqabee handhuura Oromiyaa Magaalaa Finfinneetti bilisummaan akka kabajamu ta’eera. Aadaafi duudhaa isaa kanas Addunyaatti baasee mul’isuu danda'eera.

Irreessi bara kanaas kan yeroo kamii caalaa bifa ho’aa ta'een karaa tokkummaafi hammattummaa sabootaa ibsuun akka kabajamuuf qophiin barbaachisaan xumuramee jala bultii kabajaa irratti argamna.

Ayyaana bara kanaa kan adda taasisu keessaa tokko yeroo itti mootummaa haaraa hundeefamaa jirrutti kabajamuu isaati. Ayyaanichi ayyaana milkii kan jedhamefis yeroo biyyi keenya humnoota shororkeessitootaa irratti guyyaa guyyaatti injifannoo gonfachaa jirtutti. Kaaraa biraas yeroo nagaafi tasgabbiin biyyattii keessatti akka dhufuuf ummanni daangaa hanga daangaatti tokkummaan mootummaa cina hiriiree socho’aa jiru keessatti kabajamuu isaati.

Ummata naannoofi biyya keenyaa hundaaf Ayyaanni kun Ayyaana tokkummaan, nageenyiifi jaalalli biyyaa itti dagaagu akkasumas diinota alaafi keessaa nurratti duulaa jiran injifannee biyyi keenya nagaafi tasgabbii qabaattee badhaadhinni ishee gama hundaan itti mirkanaa’u nuuf haa taasisu jenna.

♥♥♥♥♥♥♥♥♥♥♥♥♥♥♥"ERGAA BAGA GEESSANII AYYAANAA IRREECHAA BARA 2014★★★★★★★★★★★★★FULBAANA 21/01/2014★★★★★★★★★★★★★★★★★Bulcha...
01/10/2021

♥♥♥♥♥♥♥♥♥♥♥♥♥♥♥
"ERGAA BAGA GEESSANII AYYAANAA IRREECHAA BARA 2014
★★★★★★★★★★★★★
FULBAANA 21/01/2014
★★★★★★★★★★★★★★★★★
Bulchaan Duree Aanaa Arxummaa fursee kabajamoo obbo Ahmed Alii Abbafuroo ergaa baga geessanii ayyaana irreechaa bara 2014 dabarsan.
kabajamtootaa fi jaalatamtoota ummata oromoo biyya keessaa fi alaa jirtan maraaf baga ayyaana irreechaa bara 2014 nagaan geessan.
Ayyaanni kun kan jaalalaa ,gammachuu,badhaadhinaa fi kan nageenyi biyya keenyaa itti mirkanaa'u ,kan jaalalli biyyaa itti dagaaguu akkasumas diinota biyya keessaa fi alaa nurratti duulan itti injifannee biyya keenyaa nagaa fi tasgabbii qabaatte badhaadhina ishee itti mirkanaa'u nuuf haa taasisu.

"Irreechi irreecha Nagaa ,Milkii,jaalalaa fi obbolummaa keenya itti dagaagu nuuf haa tahu!!!!!

♥♥♥♥♥♥♥♥♥♥♥♥♥♥♥

★★★★★★★★★♥★★★★★★★★Koreen ijaarsa dhaabbilee mootummaa sadarkaa Aanatti dhaabbate gara hojitti galuuf qophii xumuruu beek...
01/10/2021

★★★★★★★★★♥★★★★★★★★
Koreen ijaarsa dhaabbilee mootummaa sadarkaa Aanatti dhaabbate gara hojitti galuuf qophii xumuruu beeksisan.
*****************************************
Fulbaana 21/01/2014
★★★★★★★★★★★★★★★★★★
Godina saba oromoo Aanaa Arxummaa furseetti mariin ijaarsa dhaabbilee mootummaa koree sadarkaa Aanatti dhaabbate marii adeemsisuu fi karoora haala dhaabilee mootummaa ittiin ijaaramuu dandahu qopheessuun gara hojitti galuuf qophii xumuruu beeksisan.
Qindessaan korichaa I/G/S/S/Aanaa Arxummaa fursee obbo kedir Ahmed Husseen bara baajataa 2014 keessatti rakkoon kenniinsa tajaajila bifa si'ataa taheen akka kennamuu qabuufi rakkoo bulchiinsa gaarii hambisuuf qophii akka tahan ibsuun miseensa korichaa faana marii bilchaataa fi bu'aa qabeessa tahe adeemsisanii jiru..

▼▼▼▼▼▼▼▼▼▼▼▼▼▼▼▼▼▼▼Dhaloota beekumsaan badhaadhe horachuuf har'a deeggaruun barbaachisaadha.*******************Fulbaana ...
01/10/2021

▼▼▼▼▼▼▼▼▼▼▼▼▼▼▼▼▼▼▼
Dhaloota beekumsaan badhaadhe horachuuf har'a deeggaruun barbaachisaadha.
*******************
Fulbaana 21/01/2014
★★★★★★★★★★★★★★★★★★★
Godina saba oromoo Aanaa Arxummaa furseetti daa'imman maatii harka qalleeyyii tahanii fi yaatima ta'anii deeggarsi meeshaalee barnootaa godhame.
Waajjirri dhimma dubartootaa ,daa'immanii fi dargaggoo Aanaa Arxummaa fursee barattoota maatii harka qalleeyyii fi yaatima tahaniif deeggarsa meeshaalee barnootaa qalamaa fi dabtara arjoomanii jiru.
Deeggarsa kanas hojii tola ooltummaa fi tajaajila lamummaa qindeessummaa waajjira kanaatiin qaamota hojii tola ooltummaa irratti hirmaachuu qaban hirmaachiisuun sassaaban yoo tahu dhaadannoo dhaloota beekumsaan badhaadhe horachuuf har'a deeggaruu qabna jechuun itti gaafatamtuun dhimma dubartootaa Aanaa Arxummaa fursee Aadde xooyibaa Ahmed hojii bareedaa fi milkaaha tahe raawwachaa jirun sagantaa kanarratti kenninsa tajaajila lamummaa kanarratti I/G/liigii dubartootaa fi I/A/G/liigii dubartootaa Aanaa Arxummaa fursee argamuun hojii tola ooltummaa ammas kan cimee itti fufu akka tahe ergaa dabarsaniirun

ለአቅም ደካሞች እና ለተፈናቃይ የሚከፋፈል 700 የቤት ቁሳቁስ የውሀ ባልዲወችን ለጨፋ ሮቢት ከተማ አስተዳድር እና ለአ/ፋ/ወረዳ በስጦታ  ማስረከቡንየአርጡማ ፉርሴ ወረዳ ውሀ ጽ/ቤት ተወካይ...
30/09/2021

ለአቅም ደካሞች እና ለተፈናቃይ የሚከፋፈል 700 የቤት ቁሳቁስ የውሀ ባልዲወችን ለጨፋ ሮቢት ከተማ አስተዳድር እና ለአ/ፋ/ወረዳ በስጦታ ማስረከቡን
የአርጡማ ፉርሴ ወረዳ ውሀ ጽ/ቤት ተወካይ የተከበሩ እንጅነረ ሙ/ድ ሰይድ አስታወቀ።
★★★★★★★★★★★★★★★★★★★
መስከረም 20/01/2014
**********************
በኦሮሞ ብሄር ዞን አርጡማ ፉርሴ ወረዳ ውሀ ጽ/ቤት ለደካሞች እና ችግረኛ ማህበረሰብ የቤት እቃ ቁሳቁስ ስጦታ አበረከተ የወረዳው ወሀ ጽቤት ለጨፋ ሮቢት ከተማ አስተዳደር 150 የውሀ ባልዲ እንዲሁም ለአርጡማ ፉርሴ ወረዳ ሴቶች ህፃናት እና ወጣቶች ጉዳይ ጽ/ቤት 550 ያስረከበ ሲሆን ስጦታውም በወረዳው ውስጥ ቤት ንብረት ለተቃጠለባቸው የህብረተሰብ ክፍሎች እና ለደካማ ማህበረሰብ የሚከፋፈል በድምሩ 700 የውሀ ባልዲወችን በድጋፍ መስጠቱን ነው የወረዳው ውሀ ጽ/ቤት ያስታወቀው ። በዚህም መሰረት የአርጡማ ፉርሴ ወረዳም ሆነ ከተማ አስተዳዳሩ ያገኙትን ድጋፍ መድረስ እና መሰጠት ለሚገባቸው ለአቅም ደካሞች እና ለተፈናቃይ የሚሰጡ ይሆናል።

Address

Akesta

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Waajira komunikeeshinii Aanaa arxumma fursee አርጡማ ፉርሲ ወረዳ መንስግስት ኮምዩኒኬሽን posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share