14/11/2021
DHUKKUBA SUKKAARAA
(Diabetes Mellitus)
1) dhukkubni sukkaaraa maali?
dhukkubni kun sukkaarri dhiiga keenya keessaa jiru
yeroo hamma barbaachisuun ol (sakatta’insa ciree
duraa >=126mg/dl) ta'udha.
innis gosa gurguddaa 2tti qoodama.( eventhough
there are 4 type of classification ,two types are the
most common.
isaanis Type1 fi Type2 dha.
Type1- irra caalaa ijoollee fi waggaa 30 gaditti
hedduumaata.
Type2- namoota ga'eessota fi dullooman keessatti
hedduumaata.
MALLATTOOLEE DHUKKUBICHAA
bishaan ammaa amma dheebochuu fi dhuguu
(polydipsia)
fincaan ammaa amma fincaa'uu (polyuria)
ammaa amma beela'uu fi nyaachuu(polyphagia)
dadhabbii garmalee
ulfaatinni qaamaa hir'achuu
ijji ofii lafa arguu dadhabuu
MAALTU DHUKKUBA KANAAF NU SAAXILA?(Risk
factors)
namni dhukkubicha qabu maatii keessa yoo jiraate
(family history)
furdina humnaan olii (obesity)
genetiksii(genetically predisposed)
furdina humnaan olii (obesity)
dhiibbaa dhiigaa(Hypertension)
namoota umuriin dullooman (old age)
namoota sochii qaamaa hin taasifne(sedentary life
style)
DHUKKUBA KANAAF DAWAAN NI JIRAA?
dhukkubni kun al takkaa nama qamnaan guutumaa
guutuutti baduu hin danda'u. garuu to'atamuu nu
danda'a.
Type1 yoo ta'e, dawaa Insuliinii jedhamu akkaataa
ogeessi jedheen waraannachuun ni to'atama.
type2 yoo ta'e, dawaan liqimfamu waan jiruuf,
akkaataa ogeessi ajajeen fudhachuun ni danda'ama.
maalumaafuu isinis mallattoollee armaan olii yoo
ofirratti argitan ,attattamaan gara mana yaalaa
deemuun,amma sukkaara qaama keessan keessa
jiruu ilaalchisuun barbaachisaadha.
Fayyaan sabaaf!
Dr.Gaaddisaa F
2021@ Meelbaa physicians
Pls Join & share👇👇👇
Channel kun, Gorsa fayyaa💊💉, , Inspirational & Motivational Speeches, Walaloowwan🗒 Qoosaawwan😂 garaagaraa fi kkf. isiniif qooddi. Join godhaa!💞 Yaada keessaniif👉