26/02/2026
Godina Shawaa Bahaa Aanaa Liiban Cuqqaalaa Manni Turtii haadholee Tajaajila keenna jiraa.
Guraadhala 20, 2018
Manni Turtii Haadholii Aanaa Liiban Cuqqaalatti argamu kun, haadholii baadiyyaa fageenyaa fi rakkoo geejjibaatiin rakkatan giddu-galeessa godhachuun tajaajila lubbuu oolchu kennaa jira. Akka Qindeessan Garee Fayyaa Maatii Obbo Abbaabiyaa Abdootti jedhanitti manni turtii kun haadholii yeroon dahumsaa isaanii dhihaate otoo ciniinsuun hin jalqabin simachuun, hordoffii ogeessa fayyaa walitti fufiinsa qabu akka argatan taasisa. Kunis, haadholiin dhiphina geejjibaa fi soda karaarratti dhalachuu jalaa bilisa ta’anii, haala amansiisaa ta’een buufata fayyaa keessatti akka deessan gochuun abdii maatii fi hawaasaa ta'eera.
Gahee Inni Du’atii Hir’isuu Irratti Qabu
Ijaarsa mana turtii kanaatiin alatti, du’atii haadholii fi daa’immanii hir’isuun akka salphaatti kan yaadamu miti; sababni isaas rakkoolee akka dhiigga garmalee fi dhibee dhiibbaa dhiigaa yeroo ulfaa mudatan ogeessi dhiyeenyatti hordofee hatattamaan furmaata akka kennu carraa uuma. Gama biraatiin, daa’imman haaraa dhalatan gargaarsa addaa yoo barbaadan ogeessi dhimma kanaan wal qabatu dhiyeenyatti waan jiruuf, du’a daa’imman dhalatanii sa’aatii muraasa keessatti mudatu hambisuu keessatti gahee bakka bu’aa hin qabne taphata. Walumaagalatti, manni turtii kun utubaa fayyaa haadholii aanaa kanaa ta’uun, hawaasa fayyaalessa ijaaruu keessatti bu’aa guddaa galmeessisaa jira.
Waa'ee Fayyaa East Shewa Communication Waajjira Fayyaa Aanaa Liiban Cuuqqaalaa Liben Chukala Communication Oromia Health Bureau