05/03/2026
Waajjirri Galii Bulchiinsa Magaalaa Shaashamannee Duula Galii Cimsuu Eegale
Waajjirri Galii Bulchiinsa Magaalaa Shaashamannee maddoota galii hunda qulqullinaa fi iftoominaan fayyadamuun galii Magaalichaa sadarkaa ol’aanaatti guddisuuf duula galii sassaabuu bal’aa eegaluun, qooda fudhattoota waliin mari’achuun kallattii hojii ifaa kaa’eera.
Waajjirichi bu’a qabeessummaa galii cimsuuf dambii fi qajeelfamoota mootummaa irratti hundaa’uun rifoormii humna namaa gaggeesseera. Riijoo hanga aanaalee Magaalattii jiranitti ogeeyyii fi daarektaroota 27 irratti jijjiirama fi fooyya’iinsi hojii taasifameera.
Ittigaafatamaan Waajjira Galii Magaalichaa, Obbo Dastaa Adishoo, duula galii sassaabuu milkeessuuf cheeklistiin hojii qophaa’ee irratti mari’atamuu fi hojii irratti hiikamuun eegaluu ibsaniiru. Akkasumas, milkaa’ina karoora galii mirkaneessuuf rifoormiin hojjettootaa murteessaa ta’uu hubachiisaniiru.
Itti Aanaan Ittigaafatamaa Waajjira Galii Magaalichaa, Obbo Hayiluu Ingidaa, karoora galii bara kanaa guutummaatti raawwachuuf hojii qindoominaa fi ittigaafatamummaa cimaan gaggeeffamaa jiraachuu ibsanii, qooda fudhattoonni hundi hojii kana milkeessuuf xiyyeeffannoo fi tumsa isaanii cimsuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.
Waajjirri Galii Magaalaa Shaashamannee galii sirna qabeessa, qulqulluu fi itti gaafatamummaa irratti hundaa’een sassaabuu fi fayyadamuuf hojii itti fufiinsaan hojjechaa jira.