Waajjira Konistraakshinii Bulchiinsa Magaalaa Shaggar

Waajjira Konistraakshinii Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Shaggar futures smart city!

27/05/2026
27/05/2026
25/05/2026
Waadaa gochaan dhugoome; cehumsa abdii irraa gara ifa qabatamaatti !-----Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Gafarsa Gujeett...
16/05/2026

Waadaa gochaan dhugoome; cehumsa abdii irraa gara ifa qabatamaatti !
-----
Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Gafarsa Gujeetti Piroojeektiiwwan garaagaraa fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessan baajeta Mootummaafi hirmaannaa Uummataa birrii miliyoona 500 oliin xumuraman eebbifamuun tajaajila hawaasaatiif banaa ta'aniiru.

Mootummaan gaaffiifi fedhii misoomaa hawaasni qabu guutuuf piroojeektiiwwan garagaraa sonawwan baay'ina, qulqullina, ariitiifi kalaqaan dabaaluun hojjechaa jira. Kanaanis piroojeektiiwwan eegalaman xumursiisuun tajaajila hawaasaaf oolchuun badhaadhina hunda-galeessa galmaan gahuuf hojii hojjetameen bu'aawwan gurguddoon argamaniiru.

Magaalaan Shaggaris bu'aawwan injifannoo Mootummaan Paartii Badhaadhinaan hoogganamu gaaffii Uummataa deebisuuf galmeesse yoo ta'u, hundeeeffama Magaalichaa irraa eegalees waggoottan sadan darbanitti milkaa'inootni guddina hawaas-dinagdee Uummataa tarkaanfachiisan argamaniiru.

Haaluma kanaan Magaalaa Shaggar kutaa magaalaa Gafarsa Gujee Aanaalee Gafarsa Eegduu, Kolooboofi Gujeetti piroojeektiiwwan garaagaraa fayyadamummaa uummataa mirkaneessan akkaataa baay'ina,qulqullinaafi ariitii karoorfameen xumuramuun tajaajilaaf banaa ta'aniiru.

Piroojeektotni kunneenis kellaa fayyaa, daandii dhagaa bocamaa, manneen barnootaa bu'uura boruu dabalatee piroojeektiiwwan garagaraa bakka hooggantootni sadarkaan jiraniifi kutaaleen hawaasaa argamanitti eebbifamuun tajaajilaaf banaa ta'aniiru.

Saganta eebba piroojeektiiwwan kanneenii irratti kan argaman Bulchituun kutaa Magaalichaa Aadde Boontuu Waaggaarii, Mootummaan Paartii Badhaadhinaan hoogganamu Waadaa Uummataaf gale gochaan dhugoomsuun fayyadamummaa Uummataa mirkaneessaa jiraachuu himuun kutaa Magaalichaattis piroojeektiiwwan fayyadamummaa Uummataa dhugoomsan xumuramuun tajaajilaaf qophaa'uus eeraniiru.

Piroojeektiiwwan kunneenis gaaffiifi fedhii misoomaa hawaasaaf deebii ta'uun fayyadamummaa Uummataa caalmaatti kan dhugoomsanidha.

Odeeffannoowwan keenya ariitiin argachuuf:

Facebook
https://www.facebook.com/shaggarcitycommunication1

YouTube
https://youtube.com/?si=03UKwSTEZapXBvCp

Tiktok
https://www.tiktok.com/

Telegram Channel https://t.me/shagarcitycommunication

WhatsApp: https://chat.whatsapp.com/ClggvainVIDKGZ5WqHUjzbq

Twitter /X https://x.com/ShaggarCityCom

Website: https://shaggarcitycommunication.et

05/05/2026

Address

Bole Imperial
Addis Ababa

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Waajjira Konistraakshinii Bulchiinsa Magaalaa Shaggar posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share