10/06/2026
Pirojektiin Girl Gotta Run Shamarroota Harka Qalleeyyii calaluun dandeetti injifannoo idil adunyaa goonfachiisuu irratti argama.
Godina Arsii, Magaalaa Boqqojjiitti kan argamu Pirojektiin Girl Gotta Run jedhu waggoota 10 dura hundaa’ee hojii guddaa jijjiiramaa fi bu’aa qabeessa ta’e irratti argama. Dhaabbanni kun shamarran maatii harka qalleeyyii keessaa filachuun leenjii fi deeggarsa barbaachisaa kennuudhaan dandeettii isaanii guddisanii sadarkaa biyyaalessaa fi idil-addunyaatti akka dorgoman taasisaa jira.
Dhaabbatichi yeroo ammaa kana atileetota hedduu leenjisaa kan jiru yoo ta’u, tajaajiloota adda addaa kan akka hidhannoo fi meeshaalee ispoortii, nyaata madaalawaa, leenjii xiinsammuu, leenjii gaggeessummaa akkasumas leenjii atileetiksii guutuu kennuun beekama. Kana malees maatii atileetotaa deeggaruun rakkoo hawaasummaa fi diinagdee isaanii salphisuuf hojii bal’aa hojjechaa jira.
Bu’aan hojii dhaabbatichaa hanga ammaatti galmaa’e keessaa, guddatoonni hedduun carraa dhaabbilee leenjii sadarkaa olaanaatti argatanii jiru. Yeroo ammaa Atileetonni dhaabbaticha keessaa ba’an 15 Inistiitiyuutii Qorannoo fi Leenjii Ispoortii Daraartuu Tulluu, Giddugala Leenjii Booree, Giddugala Leenjii Boqqojjii, Akkaadaamii Ispoortii Tirunesh Dibaabaa Asallaa, Akkaadaamii Ispoortii Tirunesh Dibaabaa Finfinnee fi Kilabii adda addaa keessatti carraa argachuun leenjii isaanii itti fufani jiru. Yeroo ammaa kana atileetonni kun Itoophiyaa bakka bu’anii dorgommii idil-addunyaaf of qopheessaa jiru.
Sadarkaa idil-addunyaattiis bu’aan isaanii kan nama boonsu dha. Dorgommii figichaa qaxxaamuraa addunyaa Ameerikaatti gaggeeffame irratti atileetiin dhaabbatichaan deeggaramte Biyya bakka bu’uun sadarkaa lammaffaatiin xumuruun meedaaliyaa meetii Itoophiyaaf argamsiifteetti. Akkasumas dorgommii idil-addunyaa yeroo jalqabaaf Finfinneetti gaggeeffame keessatti figicha gufachiisaa meetira 3000 irratti sadarkaa tokkoffaa fi lammaffaa kan ba’an atileetota dhaabbaticha keessaa guddatan ta’uun isaa hojii isaaniif ragaa boonsaa dha.
Maanajerri dhaabbatichaa Aaddee Sukaaree Nurii akka jedhanitti, qaamolee adda addaa waliin qindoominaan hojjechuun shamarran carraa dhaban deeggaruu fi injifannoo isaanii sadarkaa addunyaatti ol guddisuun hojii isaanii ijoo ta’ee itti fufa. Bu’aan hanga ammaatti galmaa’e jajjabeessaa ta’us, gara fuulduraatti caalaatti shaampiyoonaa biyyaaf horachuuf ciminaan akka hojjetan ibsaniiru.
Leenjistuun dhaabbatichaa Aaddee Fatiyaa Abdii gamasaaniitiin, shamarran umurii isaanii irratti argaman filachuun haala qilleensaa kamiyyuu keessatti jechuunis qorraa, aduu, roobaa fi bubbee keessatti osoo duubatti hin jedhin leenjisuun isaanii gootota Biyya bakka bu’an horachuu irratti bu’aa guddaa fideera. Disipiliinii olaanaa, kutannoo fi dandeettii atileetota sadarkaa olaanaan guddisuun isaanii adda taasisa.
Dhaabbatichi shamarran irratti xiyyeeffatee hojjetus, jijjiirama isaanii arganii dargaggoonni dhiiraa hedduun leenjii akka isaaniif kennamu gaafachaa jiru. Kanaafis leenjii tolaa kennuun hawaasa bal’aaf tajaajilaa jira. Pirojektiin kun kaka'umsa nama lamaan hundaa'uun, qaama adda adaa irraa deeggarsa argatuun hojii boonsaa kana hojjetaa jira.
Walumaagalatti, Girl Gotta Run pirojektii atileetota qofa leenjisu osoo hin taane, jireenya shamarranii fi maatii isaanii jijjiiruun Biyyaa fi addunyaaf shammarran injifatoo horachaa jiru keessaa isa fakkeenya gaarii ta’ee dha. Hojiin isaanii shamarran harka qalleeyyii irraa ka’anii Biyya isaanii akka boonsan taasisaa jiru kun muuxannoo isaani fudhachuun bakka hundatti hojii ballachuu qabu dha. Pirojektiin kun guyyaa harraa bakka buutota Biiroo Dargaggoo fi ispoortiin daawwatame jira.