21/02/2026
Mariin waloo dhimma kenninsa tajaajilaa mootummaafi misooma irratti xiyyeeffate Hoggansa Bulchiinsa Magaalaa Hoolataafi Bulchiinsa Aanaa Walmaraa waliin gaggeeffame.
Gurraandhala 15, 2018 - Hoggansi Bulchiinsa Magaalaa Hoolataafi Bulchiinsa Aanaa Walmaraa marii waloo dhimma kenninsa tajaajilaa mootummaa si'ataa ammayya'aa taasisuu bulchiinsa gaarii mirkaneessuufi misooma waloo irratti mari'atan.
Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Hoolataa Obbo Isheetuu Baqqalaa haasaa taasisaniin, kaayyoon marichaa tarsiimoo kenninsa tajaajila mootummaa si'ataa, ammayya'aa teeknooloojiin deeggarame taasisuufi dhimma misooma waloo irratti mari'achuun rakkoo bulchiinsa gaarii kenninsa tajaajilaan walqabatee jiru maksuun fayyadamummaa uummadhaa dhugoomsuuf wal tumsuun waliin hojjechuuf jedhaniiru.
Bulchaan Bulchiinsa Aanaa Walmaraa Obbo Didhaa Gaarii akka jedhanitti, uummaanni Bulchiinsa Magaalaa Hoolataafi Aanaa Walmaraa uummata tokko, kan addaan baasuun hin danda'amnedha. Kanaaf hariiroo gaarii duraan jiru daran cimsuun hojii misoomaa, hawwaas-dinagdeefi kenna tajaajila mootummaa si'ataafi dhaqqabamaa taasisuun fayyadamummaa uummata waloon mirkaneessuuf waliin ta'uun qindoominaan hojjechuun barbaachisaadha jedhaniiru.
Hoggantoonni gama lamaaniin maricharratti hirmaatan tokko tokko yaada kennaniin, uummanni Aanaa Walmaraafi Bulchiinsa Magaalaa Hoolataa uummata tokko; kan daangaan bulchiinsa qofti addaan baasudha. Kanaaf hariiroo hawwaasummaa daran cimsuufi walittti hidhaminsa hojii misoomaa daran cimsuun tarsiimoo mootummaan karaa wiirtuu kenninsa tajaajila iddoo tokkoon tajaajila mootummaa si'ataa, haqa qabeessa, dhaqqabamaafi ammayyaa teeknooloojiin deeggarame kennuuf hojjetaa jiru milkeessuun fayyadamummaa uummataaf wal tumsuun waliin hojjechuu qabna jedhaniiru.
Waltajiin marii kanaan fayyadamummaa uummataa dhugoomsuufi amantaa uummanni mootummaa irratti qabu dabaluuf kenninsa tajaajilaa mootummaafi misooma irratti waliin hojjechuun barbaachisaa ta'uun hubatamee waliigalteen xumur