12/04/2026
Walaloo ajaa'ibaa deeggaraan Manchester City,Kumarraa Jiidhaa nuuf erge❗️Manchester City'n goolii 3 fi 0 dhaan Cheelsii kan injifate yoo ta'u carraa waancaa Piriimarliigii kaasuuf Arsenal wajjin kokkee walqabee jira.Xumura irratti Walaloo kanaaf qabxii 10 keessaa meeqa kennituuf❓
==================================
Morkiin falma waancichaa
Lammiiwwan xiiqii geessee
Torban walitti fufaan
Injifannoo galmeesse
Har'as cuquliisota
Afaan beekuun dubbisee
Dirree isaatiin ala
Injifatee shubbise
Taaktikaaf tooftaa taphaan
Qabatamaadhaan caalee
Qabxii argachuu qabu
Har'as inuma dhaale
Gareen cuquliisotaa
irra aanuudhaaf-
Haalaan falmaa turani
Yoo mo'achuun ulfaates
Qabxii gachisiisuudhaaf
Qixa ba'uuf turani
Akkaaf haala taphichaa
Xiqqoo yoon saaqu galmee
Morkii salphaa hin turre
Cheelsiin jabaatee falme
Ta'us 'Chelsiin of cimsee
Falmee mo'uuf akeeka
Gaardiyoolaadhaaf dhiisna
Inni waan godhu beeka'
Jennee yoo itti seennu
Tapha boqonnaa boodaa
Malamalteen leenjisaa
Kan lammiiwwanii ooda
‘Maal wayya?’ osoo jennuu
Oreeliin keessa buuse
Cheelsiin maraatee yuuse
Bitaaf mirgaan kabalee
Gehiin galchii dabale
Cheelsii hin furre cookuun
Itti sadeesse Dookuun
Abjuun saaniis rarra'e
Akka yaadan hin taane
Qe'ee isaanii deemnee
Of kabachiisnee baane
Kaanis nu haa beekani
Hammam akka nu geenyu
Taphaan falmanna malee
Koornaa abdannee'n teenyu
Join godhaa 👉t.me/kushelectronicsshop